Siyaasa Itoophiyaa: Gaazexessitoonni gara Maqalee gabaasaaf imalaa turan dhorkaman

Maayikii

Madda suuraa, Getty Images

Gaazexeessitootaafi xiinxaltoota 10 ol ta'an filannoo naannoo Tigiraay Fuulbaana 09, 2020 gaggeeffamurratti hirmaachuuf deemaa turan humna nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin dhorkamuu BBC'tti himan.

Gaazexeessitoonni biyya keessaafi biyya alaa irraa ta'an kunneen har'a waaree dura Finfinnee irraa gara Maqalee deemuuf kan turan yoo ta'u, Buufata Xiyyaara Booleetti akka hin imalleef dhorkamuu ibsaniiru.

Gaazexeessitoonni kunneen balali'uudhaaf erga xiyyaara keessa seenanii booda akka bu'an taasifamuu isaanii ibsameera.

Gaazexeessitoota kanneen keessaa tokko kan ta'eefi Biluumbargiigfi Raadiyoo Sagalee Ameerikaatiif kan hojjetu Saayiman Maark, "Muraasa keenya irraa warqaa eenyummaa erga ilaalanii booda xiyyaara seennee turre keessaa akka dirqamaan buunu taasifamneerra," jechuun BBCtti himeera.

Xiyyaara har'a ganama gara Maqaleetti balali'uuf ture keessaa imaltoonni 30 ta'an kan turan yoo ta'u, hojjetoonni nageenyaa buufata xiyyaaraa waraqaa eenyummaa imaltootaa erga ilaalanii booda imaltoonni kunneen akka bu'an taasifamuu isaanii namni imaltoota keessaa ta'eefi akka maqaan isaanii hin eeramne barbaade tokko dubbateera.

Imaltoota keessaa kan biraa BBCn dubbise akka jedhanetti, hojjetoonni nageenyaa bilbila harkaa isaaniifi laaptooppii imaltoota kanneenii osoo isaan irraa fuudhanii argaaera. Sagantaan balaliinsa xiyyaarichaas haqamuun isaan akka hin oolles ibseera.

Imaltoota akka gara Maqalee hin deemne dhorkaman keessaa tokko qorataa dhaabbata idil-addunyaa Kiraayisiis Giruup kan ta'e Wiiliyaam Daaviinsan akka keessatti argamu BBCn mirkaneeffateera.

Filannoon naannoon Tigiraay gaggeeffachuuf jiru kun mootummaa Federaalaafi naannichaa gidduu erga madda atakaaroo ta'ee bubbuleera.

Filannicha ilaalchisuunis Manni Maree Federeeshinii kora ariifachiisaa Sambata darbe gaggeesseen filannichi Heera mootummaa waan fallessuuf seeraan ala jechuun isaa ni yaadatama.

Manni Maree Federeeshinii kora isaantiin booda, filannoon naannoo Tigiraay, "Akka hin gaggeeffamneetti lakkaa'ama, kan mirkanaa'uufi kan hojiirra oolus miti" jechuun ibseera.

Naannoon Tigraay gama isaatiin murtee Manni Maree Federashinii dabarse kana ilaalchisuun yaada kenneen, mootummaan federaalaa murtee kamiyyu dabarsuus 'Naannoon Tigraay filannicha gaggeessuurraa booddeetti hin deebiisu'' jechuu ejjannoosaa beeksisee ture.

Gama biraatinis miidiyaaleefi gaazexeessitoonni tokko tokko filannoo naannoon Tigiraay gaggeessu akka hin gabaasneef dhiibbaan nurra gahaa jira jechuun yoo komatan dhagahamu. .

Kana ilaalchisuunis Daarektarri Abbaa Taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa Getaachoo Dinquu (PhD) wanti akkas jedhamu akka hin jirri Dimtsi Wayyaaneetti Sambata darbe dubbatanii ture.