'Filannichi akka hin gaggeeffamnetti ilaalama, hin raggaasifamu, hojiirras hin oolu' -Mana Maree Federeshinii

Miseensoota aman maree

Madda suuraa, House of federeshon

Falannoon Naannoo Tigraay Roobii dhufaa gaggeessuuf jiru faallaa heera mootummaa biyyattii waan ta'eef ''kan bu'uura heera mootummaa 9(1) tiin gaggeeffametti kan hin lakkaa'amne, kan hin raggaasifamneefi hojiirra kan hin oolledha'' jechuun Manni Maree Federeshinii sagalee guutuun raggaasisuu ibseera.

Haata'u malee, naannoon Tigraay deebii murtee kana ilaalchisuun kenneen ''tarkaanfiin kamiyyuu fudhatamu, Tigraay filannoo gaggeessuurraa boodatti hin deebisu'' jedheera.

Manni marichaa ibsa Sambata kaleessaa fuula feesbukii isaarratti maxxanseen, walgahii ariifachiisaa gaggeeffateen sochiin naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf taasisaa jiru ilaalchisee yaada murtee koreen hiikaa heera mootummaafi dhimmoota eenyummaa dhiyyeessee irratti mari'achuu ibseera.

Haaluma kanaanis murteen naannoon Tigraay filannoo ilaalchisuun dabarseefi gochawwan raawwataa jiru faallaa heera mootummaafi hojiirra kan hin oolleedha jedheera.

Sochiin naannoon Tigraay filannoo gaggeessuuf taasisaa jiru bu'uura heera mootummaa keewwata 9(1)tiin akka hin raawwatamneetti lakkaa'amuu, kan hin raggaasifamneefi hojiirra kan hinolledha jechuun fudhatama dhabsiiseera manni maree kun.

Walgahii mana marichaarratti ''gochi qaamooleen seeraan alaa taasisanii ummata irra miidhaan qaqqabuu hin qabaatu jedhee kan amanu ta'uuisaafi itti fufiinsaanis manni marichaa deeggarsa ummata Tigraayiif qabuun akka miidhaan hawaasaa, dinadgeefi siyaasaa irra hin geenyeef yaalii haalawwan karaa nagaafi seeraatiin hiikuu taasisaa jiru cimsee akka itti fufuuf waliigalteerra gahameera,'' jedheera.

Filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa baranaa gaggeeffamuuf ture sababii weerara koronaavaayirasiitiin yeroo adda hin baaneetti dabarfamuunsaa ni yaadatama.

Kanarratti hundaa'udhaanis gaaffii boordiin filannoo biyyaaleessaa mana marii bakka bu'oota ummataafi mana maree federeshinitiif dhiyeesseen yeroon filannoon itti gaggeefamu dabarfameera.

Haaluma kanaanis hanga filannoon gaggeefamuutti mannneen maree federaalaafi naannoolee hojiirra akka turan murtaa'ee kan ture ta'ulleen, naannoon Tigraay garuu sadarkaa naannootti filannoo mataasaa kan aggeessu ta'uusaa beeksisuun hojiiwwan gaggeessaa tureera.

Boordiin filannoo filannicha akka gaggeessuuf gaafatee gaaffiin naannichaa bordii filannoo biyyaaleessaatiin fudhatama waan hin arganneef komishinii filannoo mataasaa hundeessuun qophii filannoo taasisuun filannicha gaggeessuuf amma guyyota muraasa qofaatu hafa.

Adeemsa fialnnoo ilaalchisuun murtee manni maree federashinii dabarse naannooleen biyyattiitti argaman hundi hojiirra olachuuf dirqama kan qaban ta'ulleen naannoon Tigraay garuu faallaa kanaan qofaatti filannoo gaggeeffachuuf sochii taasisaa jiraachuu murtee yaadaa mana marichaatiif dhiyaate irratti ibsameera.

Manni marichaas walgahii ariifachisaa isaa kanarratti labsiin filannoo naannoon Tigraay baase faallaa heera mootummaafi komishinii filannoo hundeessuus faallaa aangoo heerri boordii filannootiif kenne jechuun ibseera.

Haaluma kanaanis manni maree naannoo Tigraay, labsiin qaama hojii raawwachiftuufi komishiniin filannoo ilaalchisuun baaseefi murteewwan dabarfaman hundi fudhatama kan hinqabneefi faallaa heera mootummaati jedheera.

Kana malees, komii paartiilee akka Paartii Dimokraasummaa Tigraay, Paartii Dimokraasummaa Raayyaan Raayyummaafi mana maree koreen Eenyummaa Walqaayitiifi Xagadee Deebisuu mana mareetti dhiyeeffatan eeruun, ''filannoo seeraan alaa nannoon Tigraay gaggeessaa jruun walqabatee sarbama mirga namoomaa lammileerra gahaa jiruufi mirgoota paartiilee siyaasaa heeraan mirkanaa'an kabajuu dhabuun fudhatama kan hin qabneefi dhimma sirreeffamuu qabaatudha'' jedheera manni marichaa.

Deebiin naannoo Tigraay maal jedha?

Naannoon Tigraay murtee manni maree federashinii dabarse kana ilaalchisuun yaada kenneen mootummaan federaalaa murtee kamiyyu dabarsuus 'Naannoon Tigraay filannicha gaggeessuurraa booddeetti hin deebiisu'' jechuu ejjannoosaa beeksiseera.

Dubbii itti-gaafatamaan Biiroon Haqaa Naannoo Tigraay Obboo Amaanu'eel Asaffaa TV naannichaa irratti taasisaniin, jalqabumarraa kaasee fiallnnicha gaggeessuuf wayita yaadamu rakkoon jiraachuu akka malu hubachuun itti yaadamee kan itti galameedha jedhaniiru.

Murteen mana maree kanaan dabarfames bakka miseensoonni bakka bu'oota naannichaa hin argamneetti dhoksaan kan ta'edha jechuun ibsaniiru Obbo Amaanu'eel.

''Filannoon kan ummataati'' kan jedhan Obboo Amaanu'eel, murteen amma manni maree federeshiinii filannoo naannichi gaggeessuuf jiruufi kan lammiilee miliyoona 2.7 ol filachuuf galmaa'an, akkasumas kan paartiilee siyaasaa irratti dorgomuuf socho'aa jiraniin filannoo qaamoolee seeraan alaatiin gaggeeffamu jechuun ibsuun sadarkaa manni marichaa irratti argamu kan mullisuudha jechuun ibsaniiru.

Manni maree federeshinii waggoota lamaan darban keessa kaayyoo hundeeeffameef kana akka maddaallii eegsiisuufi qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa ta'ee akka jiraatuufi kkf gara cinaatti dhiisuun hojiiwwan mirgoota lammiilee sarban irratti xiyyeeffateera jechuun komataniiru Obbo Amaanu'eel.

Naannoon Tigraay ammoo filannoo Roobii Fulbaana 9, 2020 gaggeefamuuf jiru kanarratti sagalee kennuudhaaf lammileen miliyoona 2.7 galmaa'usaanii komishiin fialnnoo naanncihaa beeksiisuunsaa ni yaadatama.