Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi kaan irratti jechi ragaalee Abbaa Alangaa dhagaahamuufi

Madda suuraa, Yadi Pictures, BBC, Hamza Borana/Facebook
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa ramaddii Araadaatti dhaddachi yakkaa tokkoffaa qorannoon duraa ykn 'preliminary investigation' abbaan alangaa iyyate akka adeemsifamu murteesse.
Galmee qorannoo duraa kana keessatti Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana (Booranaa), gaazexeessaa OMN Mallasaa Dirribsaa, Yaalamwarq Asaffaa, Geetu Tarrafa, Taamiraat Hussen, Bashir Hussen, Shamsaddin Xahaa, Daawit Abdataa, Sabbooqaa Qaaqoo, Kennee Duumechaa, Boggaalaa Dirribsaa fi Boonaa Tibilee waliigala namootni 14 keessatti argamu.
Oolmaa dhaddacha Kamisa Hagayya 06n ragaalee abbaa alangaa 15 keessaa namootni shan abba alangatiin eegumsi taasifamaafi akka jiru himameera.
Ragaalen shan kun maqaan isaanii osoo hin eeramin golgaa ykn sharankii duuba taa'anii jecha isaanii akka kennan abbaan alangaa mana murtichaa gaafateera.
Manni murtichaa jecha ragaalee abbaa alangaa dhagahuun osoo hin eegalamin dura shakkamtootni yaada isaanii akka dhiyeessan kan gaafate yemmuu ta'u abukaatowwan shakkamtootaa qabiyyeen himannaa nutti yaa himamu jechuun gaafataniiru.
Kana malees "dhaddachi hawaasaaf banaa miti. Uummatni adeemsichi amanamaa ta'uusaa akka ilaaluf manni murtichaa galma bal'aa qopheessuun dhaddachi hawaasaaf banaa ta'ee yaa adeemsifamu" jechuun gaafataniiru.
Abukaatoowan shakkamtootaa heera biyyattii keewwata 20 eerun eenyumman ragaalee ifa akka godhamuuf akkasumas ittisa isaanii barreeffamaan akka dhiyeessan akka heeyyamamuuf mana murtichaa gaafataniiru.
Dhumarrattis abukaatoowwan yaada isaanii dhiyeessuuf beellamni yeroo gabaabaa akka kennamuf gaafatan.
Gama biraatin abbootiin alangaa qorannoon duraa jecha ragaalee fuudhanii ol kaa'uuf malee kan falmiin itti adeemsifamu waan hin taaneef qabiyyeen himataa shakkamaa ykn abukaatoof himamuu hin qabu jechuun morman.
Himatni hundaa'ee falmiin waan hin eegalamneefis dhimmi dhaddachi banaa yookin cufaa yaa ta'u jedhu yaada yeroosaa hin eegganne ta'uu kaasanii falman.
Ajaja Mana Murtii
Dhaddachi yaada garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda yaada abukaatoowwan shakkamtootaa qabiyyeen himataa nutti yaa himamu, ragaaleenis ifatti yaa dhagahaman jedhu kuffiseera.
Haaluma kanaan dhaddachi qorannoo duraa dhaggeefachuu akka itti fufu beeksiseera.
Ragaalee abbaa alangaa dhagahuufis Hagayya 04 bara 2012 sa'aa 7:30 irratti beellama qabateera.
Dhimma Obbo Baqqalaa Garbaa…
Obbo Baqqalaa Garbaa dhaddacha Kamisaa irratti akka dubbatanif carraan akka kennamuf mana murtichaa gaafatanii turanis carraa hin arganne.
"Yaadakoo akkan ibsadhuf carraan naaf yaa kennamu. Mirga dubbachuu yoo hin qabaanne maalif dhufna?" jechuunis dubbatan.
Abbaan seeraa gama isaaniitin yaada isaanii gama abukaatootaan akka ibsatanif yeroon gahaa kennamuusaa himan.
Gama biraatin dhaddacha Adoolessa 28 bara 2012 ooleen Obbo Baqqalaa Garbaan mirgi wabii isaanii akka eeggamuf gaafatanii manni murtichaa dhimmicharratti murtee kennuf Adoolessa 30 bara 2012ti beellamee kan ture.
Beellamicha guyyaa Wiixataa Hagayya 04 bara 2012tti dabarsuu isaa abukaatoo Obbo Baqqalaa Garbaa kan ta'an Obbo Kadir Bulloo nutti himaniiru.
Namoota dhimmi isaanii dhaddacha qorannoo duraan akka ilaalamu jedhame keessaa tokko kan ta'e gaazexeessaan OMN Mallasaa Dirribsaa mirga wabiin akka gadi dhiifamu manni murtii ajajullee poolisiin ol-iyyannoon irratti gaafatamuu himuun gadi dhiisuu akka dide maatiin himaniiru.














