Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee 23 biroo irratti himanni shororkeessummaa baname

Obbo Jawaar, Dr. Birhaanamasqal, Obbo Baqqalaa (bitaa gara mirgaatti)

Shakkamtoonni kunneeniifi kanneen biyyoota biroo jiraatan dabalatee walumaagalatti shakkamtoota 24 irratti himannaa shororkeessummaa banuu isaa Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa beeksiseera.

Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa, OMN, Dajanee Guutamaa, Dr. Birhaanemasqal Abbabbaafi Tsaggaayee Araarsaa Raggaasaa dabalatee walumaagalatti namoota 24 irratti akka hirmaannaa isaaniitti:

• Seera Yakkaa A L I bara 1996 bahe Keewwata 240 cabsuudhaan walitti bu’insi sabaafi amantii bu’uura godhate kakaasuudhaan inni tokko isa kaan irratti akka ka’u gochuudhaan,

• Labsii yakka shororkeessummaa ittisuufi to’achuuf bahe lakkoofsa 1176/2012,

• Yakka telekoomii waliindhahuu lakkoofsa 761/2004 fi

• Labsii bulchiinsa to’annoo meeshaa waraanaa lakkoofsa 1177/2012 cabsuudhaan yakka raawwatan jechuun Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa A L I Fulbaana 6, 2013 mana murtii Federaalaa Ol-aanaa dhaddacha ramaddii Lidataatti lakkoofsa galmee 260215 himannaawwan kudhan walirrati kan bane yoo ta’u, himatamtoonnis A L I Fulbaana 11, 2013 mana murtiitti dhiyaatanii himannichi isaan qaqqaba jedhamee eegama.

Haata'u malee, guyyaa kaleessaa (Jimaata) Abbaan Alangee Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqala Garbaafi shakkamtoota biroorratti himata ni bana jedhee manni murtii kan beellame ta'us shakkamtoonni mana murtiitti osoo hin dhihaati hafaniiru.

Sababa kanaan, abukaatonni shakkamtootaa Wiixata iyyannoo 'Qaama bilisa baasuu (habeas corpus) akka mana murtiitti dhiheessan BBC'tti himanii turan.

Akka abukaatonni jedhanitti guyyaan hayyamame yoo darbe iyyannoo dhiheessuun bu'uura seeraa qaba.