Jawaar Mohaammad fa’iirratti himannaan waan hin banamiinif abukaatonni ‘qaama bilisa baasu’ gaafachuufi

Obbo Jawaar Mohaammad

Madda suuraa, STRINGER

Abbaan alangee guyyaa har'aa [Fulbaana 08, 2013] guyyaa xumuraa Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqala Garbaafi shakkamtoota 11 biroorratti himata ni bana jedhame eeyyamamef ta'us har'a shakkamtoonni mana murtiitti osoo hin dhihaati hafaniiru.

Sababa kanaan, abukaatonni shakkamtootaa torban dhufu gaafa Wiixata iyyannoo 'qaama bilisa baasu (habeas corpus) akka mana murtiitti dhiheessan BBC'tti himaniiru.

Abukaatota dhimmi Obbo Jawaariifi kaan galmee isaanii jala jiran hordofan keessaa tokko kan ta'an Obbo Tuuliin akka jedhanitti guyyaan eeyyamame yoo darbe iyyannoo dhiheessuun bu'uura seeraa qaba.

''Kanaa booda hayyamaafi beekumsa mana murtii malee hidhamani jiru waan ta'ef gaafa Wiixataarraa qabne qaama isaanii bilisa akka bahu mana murtiitti dhiheeffachuudhaaf karoorfachaa jirra'' jedhan.

''Obbo Jawaar fa'i har'a Jimaata sa'aatii 11:30 eegalee eeyyama mana murtii malee hidhamanii jiru,'' jechuun BBC'tti himan.

Qondaaltonni olaanoo siyaasaa kuni ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa booda kan to'ataman yoo ta'u erga to'annoo poolisii jala oolan ji'a lama darbeera. Haa ta'u malee, hanga yoonaa himannaan irratti hin banamne.

Poolisiin yakkawwan afurin shakkee akka to'ate ibseera.

Kunis, reeffa Hacaaluu deebisuun, ajjeechaa qondaala poolisii, hookkara uumuufi qondaaltota mootummaa ajjeesuuf yaaluuni.

Shakkamtoonni garuu himannaa kana balaaleeffatu. Mana murtiitti irra - deddeebbiin hidhaan keenya 'dhimma siyaasaati' jechuun dubbataa turan.

Obbo Tuulii Baay'isaan akka jedhanitti Mallasa Dirribsaa, Hamzaa Booranaa, Shamsaddiin Xahaa dabalatee namoota 4 hanga qaam'ee 4, bara 2012'tti manni murtii abbaan alangee himata akka dhiyeessu hayyama kenneefi ture.

Ta'us, kunis hin taane jedhan. Kanaaf, walitti qabanii torban dhufu iyyannoo 'qaama isaanii bilisa baasuu' jedhu mana murtiif akka dhiheessan himan.

Kana dura, manni murtii mirga wabii Obbo Jawaar, Baqqalaa fa'i kuffisuun isaa ni yaadatama.

Qondaaltota siyaasaa ajjeechaa Hacaaluu booda hookkara kaasuufi kaaniin shakkamanii to'ataman keessaa Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Iskindir Naggaafi Obbo Lidatu Ayyaaloorratti himanni banameera.