Filannoo Itoophiyaa: 'Filannoo gaggeessuun dura haaldureewwan guutamuu qaban jiru'

Filannoo naga qabeessa, dimokiraatawaafi amanamaa ta'e gaggeessuun dura haaldureewwan guutamuu qaban jiru jedhuu paartiileen siyaasaa.
Mootummaan Itoophiyaa kana dura sodaa weerara koronaavaayirasii irraa kan ka'een filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa bara 2020 keessa gaggeefamuun irra turee gara yeroo hin beekamnetti dabarsee ture.
Kanaanis walqabtee yeroon turtii mootummaa biyya bulchaa jiruu waggaa shan xumuramuufi filannichi ammoo yeroo hin murtoofneetti dabarfamuun walqabtee, qaawwa uumamee furuuf jecha keewwatii heera mootummaa akka hiikamu murtaa'ee ture.
Kun ammoo paartiilee siyaasaafiqaamoolee hawaasaa biratti komii kaasuun siyaasa biyyattii keessatti goolama uumuu danda'eera.
Amma garuu gabaasa kaleessa Ministeerri Fayyaa biyyattii mana maree bakka bu'ootaatiif dhiyeesseen, of eeggannoo koronaavaayirasiif gorfaman xiyyeeffannaan hojiirra oolchaa filannicha gaggeessuun akka danda'amu beeksiiseera.
Filannoon gaggeeffamuu danda'a jedhamuurratti paartileen siyaasaa maal jedhu?
Mootummaan duras waliigaltee paartilee siyaasaa malee filannoo dabarse kan jedhan dura taa'aan Paartii Kongrasii Fedaraalisitii Oromoo (KFO) Pirofessar Mararaa Guddinaa, ammas fedhii mootuummaa qofaan osoo hin taanee ilaalchi biyyaaleessuummaa erga uumameen booda gaggeeffamuu qaba jedhu.
Fedhiin mootummaa yeroo yerootti jijjiramuu ni danda'a, amma ammoo fedhiin isaanii filannoo adeemsiisuu ta'uu danda'a. Garuu durumaayyu kanaan walqabtee rakkoo guddaan ture jedhe.
Rakkoo ture jedhan sana yoo ibsanis ''dursa gaaffiiwwan filannoon kun attamiitti adeemsifamaa? Osoo waliigalteen biyyaaleessaa hindhufiin filannoo jedhamu kun yoo gaggeefamee bu'aa ni qabaa hinqabuu? jedhanii deebii argachuu qaba'' jedhu.
Rakkoon biyyaattii koronaa qofaa miti kan jedhan dureen kun, biyya kana keessa rakkoolee siyaasaa bal'aatu jiras jedhan.
Pirofesar Mararaan dabaluudhaanis, dursa yeroo baayyee iyyaa kan turre ''haala akkasiitiin filannoon dhugaa gaggeefamuu danda'amaaa? Waliigalteen biyyaa jiraa? Dhuguma filannoon sirna dimokraasii fidu danda'u ni gaggeefamaa?'' kanneen jedhanii gaafataa akka turan yaadatu.
Ammas ''waliigaltee biyyaa bal'aan argamu baannaan, filannoon dhugaa akka dhufuutti irratti hojjachuu baannaan, biyyi kana caalaa rakkoo cimaa keessa galuu dandeessi'' jechuun sodaa qaban himu.
Dhimmi koronaa jidduutti kan dhufe malee durunaamu waa'ee boordii filannoo gaaffii akka qaban kan yaadatan Dr Mararaan, ''Hojii boordii filannoo hanag yoonaatti nuuf qoobsaa miti'' jedhaniiru.
Waliigaltee biyyaa jechuun maal jechuu akka ta'ee wayita ibsanis, ''dhiibbaan motummaa dhaabbachuu qabaata, dirreen dimokraasii bal'achuu barbaachis akkasumas miseensoonni paartiilee dorgomtootaa filannicharratti dorgomu danda'aniifi kan amma mana hidhaa jiran gadhiifamu qabaatu'' jechuu himu.
Filannoo dhugaafi fudhatamaa gaggeessuuf waan irratti waliigalamu qabaatu baayyeen jiraatu illeen kana irratti waliigalteerra akka hingahamne himu.
Itti dabaluunis, paartiin isaanii siyaasni biyya kanaa sirrrachuuf dursa waliigaltee jiraachu qaba jechuun kan amanu ta'u kan himan Pirofesar Mararaan, biyyattiin nageenya dhabunshees motummaan waan yaada akkasii dhaggeettii dhabeef jedhu.
''Filannoon xaba osoo hintaanee kan mirgi saba miliyoona hedduu ittiin eegamu, biyyaaf nagaa kan fiduufi kan biyya ijaaruudha'' kan jedhan Dureen kun, haalli akkasii dhogoomuu kan danda'u ammo yoo dirreen dimokraasiin ballatee sabni biyyatti kan barbaadu bilisaan filachu danda'eedha jedhu.
''Flannoon dhugaa ta'u baannaan hinfudhannuu jechuun deebiinee qabsootti galla. Filannoo waan gaggeefameef qofa sabni nagaa hinargatu. Waan hedduu wal qabatee adeemutu jira'' jedhu.
''Yeroo nugusaas, yeroo Dargiis filannoon ta'aa ture. Yeroo Mallas Zeenaawiitiis filannoon gaggeefameera. Kana maaltu adda isa taasisaa? Filannoon taasifamu rakkoo hanga ammaa keessa turre kan hinhiiknee yoo ta'e jijjirama hinfidu jedhan.
Ogeessonni fayyaa ni danda'ama yoo jedhan gimgamaa isaan taasisan fudhachuun akka barbaachisan kan dubbatan Dursaan Sochiin Dimokiraatawa Ummata Tigiraay (TPDM) Dr. Aragaawwii Barihee, "Haalli filannoo naga qabeessa, dimokiraatawaafi amanamaa ta'e itti gaggeessuun danda'amu jiraa? Siyaasichi mijataadhaa gaaffileen jedhan dhiyeessuun dirqamadha," jedhu.
Akka Dr. Aragaawwiin jedhanitti filannoo gaggeessuudhaaf kan ilaalamu haala weerara koronaavaayirasiin irra jiru qofaa ilaaluu qofa osoo hin taane filannoo nagaa, dimokiraatawaafi amanamaa ta'e gaggeessuuf haal-dureewwan guutamuu qaban jiru.
"Gama keenyaan tokkoffaa, haalli nageenyaa gaaffii keessa jira. Lamaffaa ammoo, filannoo dimokiraatawaa gaggeessuudhaaf dhaabbileen bakka isaanii qabataniiru? Isaan qophaa'oodhaa? Kanneen jedhan gaaffii keessa jiru gama keenyaan."
Kanaaf jedhan Dr. Aragaawwii, gaaffileen kunneen waan jiraniif hanga deebii gahaa arganutti filannoon turuu qaba jenna jedhan.
Haal-dureewwan kunneen yoo kan guutaman ta'e filannoo gaggeessuun ni danda'ama kan jedhan Dr. Aragaawwii, yoo kan hin guutamne ta'e garuu dura guuttachuudhaan gara filannootti gaggeessuutu fala jechuun yaada isaanii BBCf ibsan.
Akkasumas, kanneen aangoon mootummaa dheerachuu deeggaran keessaan kan ta'e Sochiin Biyaalessaa Amaaraa (ABIN) yaada Ministeerri Fayyaa dhiyeesse sirrii ta'uu hima.
Dubbi himaan ABIN Obbo Xaahir Mohaammad paartiin isaa Ministeerri Fayyaa waan gama fayyaan jiru erga ibsee, akka paartiitti waan raawwachuun irraa eegamu gara raawwachuutti akka deeman dubbate.
Dhimmi ijoon garuu filannoo wayita jedhamu naga qabeessa, dimokiraatawaafi haqa qabeessa ta'uu qaba kan jedhu dubbi himaan kun, kana mirkaneessuuf hunduu seera eegee deemuu qaba jechuun ibseera.
Gama mootummaatiin qophiin akkanaa bal'inaan jiraachuu qaba. Kanaan walqabatee sababa ilaalcha siyaasaa isaaniif jecha kanneen mana hidhaa jiran hatattamaan qulqulleessanii bilisa gochuu barbaachisa," jechuun yaada isaa BBCtti himeera Obbo Xaahir.
Filannoon kan gaggeeffamu biyya keenya gara fooyya'iinsaatti ceesisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi irratti hirmaachuu qabu jechuun, "Gama keenyaan gara filannoo gaggeessuutti luucca'uun kun nu gammachiisa.
Qophii duraan taasisaa turre irratti ammas yeroo hafe keessatti yoo qophoofne filannoo irratti hirmaachuuf qophiidha," jedhe
















