Lola Tigraay Itoophiyaa Keessaa: Tigraayitti ''atattamaan dhukaasni yeroof akka dhaabatu'' Ejensiiwwan UN gaafatan

Madda suuraa, Reuters
Tigraayitti ''atattamaan dhukaasni yeroof akka dhaabatu'' Ejensiiwwan gargaarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waamicha dhiyeesse.
Dhaabbatichatti ejensiwwan gargaarsaa lolli raayyaa ittisaa fi humnoota naannoo Tigiraayi gidduutti torban lamaa oliif itti fufe, yeroof dafee adda cituu akka qabu waamicha dhiyeessan.
Ejensiiwwaan gargaarsaa kunneen iddoowwan lolaa dhaquun rakkisaa ta’uu kaasuun, karaan gargaarsi namoomaa qaqqabsisuun danda’amu banaa akka ta’an gaafataniiru.
Dhaabbanni Mootummota Gamtoomanii namoonni dhibbaan lakka’aman du’uun na yaaddeessaa jedhaa jira.
Mootummaan Itoophiyaa waraanni federaalaa magaalawwan seena-qabeessa Tigraay keessaa Aksumiifi Adwaa to’achuu Jimaata kaleessaa ibseera.
Haa tahu malee dhimma kana qaamni walabaa mirkaneesse hin jiru.
Naannoon Tigraay maloota qunnamtii gosa kamirraayyu ugguramtee waan jirtuuf, odeeffannoo kana walabaan qulqulleeffachuun daran ulfaataa dha.
Amma yoonaatti sababa lola kanaan namoonni 30,000 caalan gara Sudaanitti baqataniiru.

Baqattoota keessaa harki walakkaan daa’imman wayita ta’an, hedduun isaanii beelaafi sodaa keessa jiraachuu ibse dhaabbatichi.
Baatii itti aanu keessatti tarii lakkoofsi baqattoota 200,000 qaqqabuu waan maluuf, maallaqa gaafachaa jira.
Lakkoofsi baqattootaa dabaluun Sudaanis tasgabbii dhorka jedhamee yaaddoo uumera.
Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali?
TPLF MM Abiy gara aangoottii otoo hin dhufiin dura, waggoota 27f waraanaafi siyaasa biyyattii to’achaa ture.
Haaromsi Abiy yeroo aangootti dhufe geggeesse TPLF moggaatti baase kan jedhan jiru.
Yeroo Naannoon Tigraay filannoo akka biyyaatti sababii koroonaavaayirasiin dhorkame didee, filannoo geggeesse dubbiin jalqabe.
Mootummaan federaalaa filannicha seeraan ala jechuun beekamtii dhorke.
Lolli kun gaafa Sadaasa 4, 2020 jalqabe. Mootummaan federaalaa, TPLF buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa naannicha jiru haleeluun meeshaa waraanaa saamuu barbaade jechuun himata.
TPLF immoo himannaa kana ni waakkata.















