Lola Tigraay: 'Sarbama mirgaa yeroo waraanaa mudatuuf itti gaafatamummaan jiraachuu qaba'

Madda suuraa, EHRC Facebook page
Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa lola Tigraayitti adeemaa jiruun wal qabateen namoota nagaaf deeggarsi qaqqabuu mirkaneessuun barbaachisaadha jedhe.
Lolli kun hanga itti fufetti namoonni nagaa waraana irratti kallattiin hin hirmaanne sarbama mirga namoomaaf akka hin saaxilamnee akkasumas deeggarsaa fi tajaajila namoomaa argachuun isaanii mirkanaa'uu qaba jedhe.
Nyaata, qorichaa fi tajaajilli kaan illee namoota nagaaf akka qaqqabu gochuuf, waraana keessatti namoota miidhaman wiirtuu fayyaatti geessuuf, naannoleefi namoota waraana kanaan miidhaman bayyanachiisuuf, waraanichaan namoota buqqa’an qe’ee isaanitti deebisuu fi bayyanachiisuf akkasumas godaantota naannichaa lakkoofsa guddaaa qabaniif deeggarsa dhiyeessuuf mootummaan federaalaa haala mijeessuu akka qabu gaafateera.
Raawwii deeggarsa kanaas qaamota isaan ilaallatu waaliin nan hordofa jedheera.
Kana malees Waldaan Fannoo Diimaa tajaajila namoomaa akka raawwatuuf qaamoti waraana kanarratti hirmaatan seera idil-addunyaa bu’uureffachuun faajjii Fannoo Diimaa akka kabajan yaadachiiseera.
Sarbama mirga namoomaa yeroo waraanaa
Koomishinichi yeroo waraanaallee mirgooti namoomaa kabajamuu akka qaban ibsuun hidhattoonni lola irratti hirmaachaa jiran nageenya namoota nagaa eeguu qabu jedha.
Haaluma kanaan qaamota lola kanarratti hirmaataniin sarbama mirga namoomaa raawwatame kamuu qorachuu fi ragaa walitti qabuun itti gaafatamummaa mirkaneessuuf nan hojjedha jedheera.

Odeessaalee biroo waa'ee lola Tigraay:

Rakkoo magaalaa Maayikaadiraatti mudate qulqulleessuufis garee qorannoo garasitti bobbaaseera jedheera.
Lixa Tigraay magaalaa MaayiKaadiraa jedhamtutti namootni nagaan lakkoofsi isaanii hedduu tahe, tarii dhibbaan kan lakkaa'aman jumlaan ajjeefamuu qorannoon bira gahuu Aminestii Internaashinaal himee ture
Namootni ijaan argan ajjeechaa Wiixataa Sadaasa 09 raawwate kanaaf humnoota TPLF'f amanamoo tahan gaafatamoo taasisu jedhe dhaabbatni mirga namoomaaf falmu kun.
Himatni ajjeechaa jumlaa kun erga paartilee siyaasaa naannoo Amaaraa irraa dhagahamee booda, mootummaan naannoo Tigraay garuu, "waan hin yaadamnedha" jechuun haaleera.
Komiishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa gochaa wal-fakkaataa iddoo kaanitti qaqqabuufillee itti gaafatamummaa mirkaneessuuf akka hojjetu ibseera.
Lola kanaan wal-qabatee namoonni sababii saba isaaniif loogiif saaxilamuu yaaddoo akka qaban hubachuun akka hordofaa jirus himeera.
Dhimmi akkasii yookiin yaaddoon sababii qabu yoo mudatu namni kamiyyuu Koomishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaaf odeeffannoo akka kennu waamicha dhiyeesseera.
Yeroo ammaa kana labsiin yeroo muddamaa kan raawwatamu Naannoo Tigraay qofa gatii taheef haalli nagaa eegsisuu naannoo biraa jiru sirnaa fi seera idilee kan hordofe tahuu malas jedheera.
Haala yeroo kanaan shakkamanii namoota buufataalee poolisii Finfinnee garaagaraa keessa jiran 43 buufatichatti argamuun daawwachuu himeera.
Namoonni baay'een meeshaa waraanaa eeyyaama hin qabne qabachuun kan qabaman yoo tahu yeroo eeggatanii mana murtiitti dhiyaachuufi kaan immoo mirgi wabii eegameefi gadhiifamaniiru jedheera.
Waraanni humnoota mootummaa federaalaa fi kan naannoo Tigraay jidduutti eegale kun guyyoota 10 ol lakkoofsiseera.
Waraana kanaan loltoota dabalatee lammileen nagaa dhibbaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, kumootaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee irraa buqqa'anii gara Sudaan baqataniiru.
Dhaabbilee fi hogganooti addunyaa lolli dhaabbatee wal-diiddaan jiru mariin karaa nagaa akka furamu gaafatanillee, mootummaan federaalaa hanga hogganooti TPLF seeratti dhiyaataniitti mariin hin jiru jechuun tarkaanfii fudhataa jiru cimseera.
Humni raayyaa ittisa biyyaa kutaalee fi magaalota naannichaa hedduu harkatti galfachuu fi waraanichi yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu mootummaan federaalaa himaa jira.
Mootummaan naannoo Tigraay garuu waraanichi reefu eegale malee xumuramaa hin jiru jedheera.
UN dabalatee dhaabbileen gargaarsaa adda addaa kanneen lola adeemaa jiruunmiidhamaniif deeggarsa namoomaa gochuuf rakkachaa akka jiran himaa jiru.















