Yeroo waraanaa namoota nagaa yookaan siviilii kan jedhaman eenyu fa'i?

Loltuu Koongoo fi lammiilee nagaa baqatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, ''Namni nagaa tokko lola keessatti yoo hirmaate hanga yeroo hirmaannaasaa tarkaanfiin irratti fudhatamuu danda'a, garuu lola keessaa yoo bahe deebi'ee akka nama nagaatti ilaalama.''

Waggaa darbe yeroo waraanni kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigaraayitti jalqabe Ministirri Mummee Itoophiyaa, Raayyaan Ittisaa biyyattii ‘’nama nagaa tokkollee hin ajjeesne,’’ jedhanii turan.

Haa tahu malee, yeroo ammaa waraana biyyattiitti geggeeffamaa jiruunis tahe, lola iddoowwan adda addaa keessatti dhalatuun mootummaa dabalatee qaamotni hidhatan nama nagaa ajjeesuun wal-himatu.

Dhaabonni mirga namoomaaf falmanis mootummaafi qaamota hidhatan namoota nagaa irratti haleellaa qaqqabsiisan jechuun yeroo garagaraatti gabaasa baasu.

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaafi Mootummoota Gamtoomanitti Komishiniin Mirgoota Namoomaa Olaanaa dhiyeenya gabaasa baasaniin; Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa, Loltoota Ertiraa, Milishaa Amaaraa akkasumas humnoota TPLF’n namooti nagaa dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru jedhaniiru.

Gabaasichaanis "namootni kallattiin waraanicha keessatti hirmaataa hin turre qooda fudhattoota waraanicha gama lamaaniin jiraniin ta'e jedhamee ajjeefamuu isaanii akka amannu sababni gahaan waan jiruuf, yakki waraanaa raawwatamuu hin oolle" jedhaniiru..

Waliigalteen idil-addunyaa ‘Geneva Convention’ waraana keessatti haleellaan taasifamu namoota nagaa, daa’immaniifi dhukkubsattoota irratti tahuu akka hin qabnellee ni kaa’a. Kunis haleellaa kallattiin namoota nagaa irratti taasifamuufi bakka namooti nagaa jiraachuu danda’an addaan otoo hin fo’in haleellaa raawwachuu ni dabalata.

line

Yeroo waraanaa namni nagaa eenyu?

Obbo Bahaar Omaar ogeessa seeraa mirga namoomaati, ’’namni miseensa raayyaa ittisa biyyaa fi riphee lolaa hin taane marti nama nagaa ykn ‘civilian’ dha,’’ jedha. Kana malees qaamni kamuu waraana keessatti meeshaa waraanaa hidhatee yoo lole nama nagaa tahuunsaa ni hafa jedha.

Haaluma kanaan namni nagaa lola ykn waraana keessatti hirmaachuu hin qabu, qaamonni lola keessatti hirmaatanis nama akkanaa irratti tarkaanfii fudhachuun seeraan ala jechuun ibsa.

‘’Namni nagaa tokko lola keessatti yoo hirmaate hanga yeroo hirmaannaasaa tarkaanfiin irratti fudhatamuu danda’a, garuu lola keessaa yoo bahe deebi’ee akka nama nagaatti ilaalama,’’ jedha Obbo Bahaar.

Akka seera idil-addunyaatti yeroo waraanaa namni nagaa tarkaanfii fudhatamurraa eegamuu qaba. Nama nagaa qofa osoo hin taane, bu’uuraaleen hawaasummaa kanneen akka mana barnootaa, hospitaala, hambaalee aadaa fi iddoowwan amantii haleellaan waraanaa irratti fudhatamuu hin qabu jechuun ibsu ogeessi kuni.

Yeroo waraanaatti mootummaan namoota miseensa raayyaa ittisaa hin taane gara adda waraanaatti yoo waamee irratti hirmaachise, ‘’namoonni kunneen nama nagaa tahuun irraa mulqameeti akka hirmaattota lolaatti (combatant) jedhamuun tarkaanfiin irratti fudhatamuun danda’ama jechuudha,’’ jedha Obbo Bahaar.

Namoonni miseensa raayyaa ittisa biyyaa, milishaa ykn poolisii hin taane, ajaja mootummaadhaan yeroo waraanarratti hirmaatan ‘’nama nagaa irraa adda baasuuf haala rakkisaa gatii uumuuf, seera waraanaa hojiirra oolchuufis ulfaataa taha.''

Loltuu Ameerikaa fi dubartii Afgaanistaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, ''Weerarri isa diina jedhurraa yoo itti dhufe, waanuma qabuun yoo ofirraa ittise akka lola keessatti hirmaatetti ilaalama.''

Gama biraan yeroo waraanaa ummatni ‘’lolli ykn weerarri isa diina jedhurraa yoo itti dhufe, waanuma qabuun yoo ofirraa ittise akka lola keessatti hirmaatetti ilaalama.’’

Kana malees namni tokko fedhiisaan lola keessatti yoo hirmaate hamma lola irratti ture sana eegumsa ykn mirga nama nagaa ni dhaba.

Dabalataan seerri yeroo nagaa fi waraanaa gargar gatii taheef, ‘’waraana keessatti ‘self defense' ykn haleellaa ofirraa ittisuu inni jedhu akka yeroo nagaatti hin hojjetu, namuu akka waraanarratti hirmaatetti ilaalama malee.’’

‘’Namni nagaa tokko sa’aatii tokkoof lola waraanaa irratti turee deebi’ee yoo keessaa bahe, loltuun addatti akka nama nagaa ilaalamus, itti gaafatama waraanaan booda dhufuun garuu seera waraanaa cabseera taanaan gaafatamuun hin oolu,’’ jedhan ogeessi kuni.

Kanaafis biyyoota kanneen akka Yugoozlaaviyaa fi Ruwaandaa keessatti namoonni nagaa ykn miseensa waraanaa hin turre, hamma hirmaannaa waraana keessatti qabaniin seeratti dhiyaachuun akka fakkeenyaattis kaasaniiru.

Seera duratti qaamni waraana irratti hirmaate hundi qixxee ilaalamullee, akkaataa fayyadama meeshaa waraanaa irratti garuu qajeelfamni jira jedha ogeessichi.

Haa tahu malee loltuun ‘’sirriitti hidhatee fi leenjii loltummaa qabu, namni gahumsa loltummaa hin qabne waraana keessatti yeroo hirmaatu tarkaanfii humnaa olii irratti hin fudhatu.

Sababiinsaas, akka seera addunyaatti yeroo waraanaa qaama siin lolu humna dadhabsiisuun siin gadi gochuudha malee, garee sana akka hin jiraannetti balleessuun, qabeenya barbadeessuufi mancaasuun seera waraanaan dhorkaadha.

Humna garee faallaakee takka dadhabsiiste jennaan kanneen miidhaman gargaaruufi yaala akka argatan gochuutu sirriidha,’’ jedha.

Kana malees, ‘’nama tokko rukutuu qofa osoo dandeessuu ajjeesuun, meeshaa lolaa xixiqqoo fayyadamuu osoo danda’amuu isa guddaa fayyadamuu; akkasumas meeshaa waraanaa hin eeyyamamne fayyadamuunis akkasuma seera waraanaa cabsuu keessatti ilaalamuun itti gaafatamummaa ni fida,’’ jedha.

Ogeessi seeraa kuni, walumaagalatti waraanni idilee qaamota hidhatan biyyootaa gidduutti ykn mootummaa fi riphee lolaa waliin taasifamuu qaba malee, mootummaanis tahe qaamni kamiyyuu namoota nagaa waraana irratti akka hirmaatan kakaasuun garaagarummaa ''nama nagaafi loltuu waan balleessuuf gaaga’amni guddaa hordofuu mala'' jedha.