Waraana Tigraay: 'Yakki waraanaa Itoophiyaa keessatti raawwatamuu hin oolle' - gabaasa

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Qooda fudhattoonni waraana Tigraay martuu sarbama mirgoota namooma idil-addunyaa kan yakka waraanaa fi yakka namooma irratti raawwatamu ta'uu danda'an raawwataniiru jedhe gabaasni haaraan Roobii bahe.
Ajjeechaan seeraan alaa, reebichaan dararuun, dirqiin gudeeduu fi haleellaan baqattootaa fi kanneen qe'eerraa buqqa'an irratti raawwatame jiraachuu gabaasni kun mul'iseera.
Gabaasni Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjirri Mirgoota Namoomaa UN waliin ta'uun qorannoo taasisaniin booda bahe kun yakki waraanaa raawwatamuus ragaa argateera.
Gabaasni fuulawwan 156 qabufi Roobii ifoome lola Kaaba Itoophiyaan walqabatee sarbama mirgoota namoomaa Sadaasa 03, 2020 hanga Waxabajjii 28, 2021ti raawwatame jedhe of keessaa qaba.
Mootummaan Itoophiyaa gabaasicha 'hanqina' qaba jedhe waliin yoo simatu, TPLF gabaasichi walaba miti jechuun kufaa godheera.
Sadaasa 4 bara 2020 humnoonni TPLF haleellaa raayyaa ittisaa Itoophiyaa ajaja Kaabaa Tigraay keessa buufatan irratti raawwate jechuun MM Abiy waraanni Itoophiyaa tarkaanfii akka fudhatu ajajan.
Jalqabarra humnoonni mootummaa olaantummaa fudhachuun magaalaa Maqalee to'atanii kan turan ta'us baatilee saddeet booda, Waxabajjii darbe humnoonni Tigraay Maqalee deebisanii to'atan.
Baatilee afran darban waraanichi naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babal'atee, torban darbe magaalonni akka Deessee fi Kombolchaa finciltootaan to'ataman.
Qondaalonni finciltoota Tigraay hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qaamaan wal qunnamuu fi waliin ta'uun gara Finfinnee akka duulan ibsaniiru.
Kana hordofee mootummaan labsii yeroo muddamaa labseera. Jiraattonni magaalaa Finfinnees meeshaa waraanaa qaban akka galmeessisanii fi gurmaa'uun naannoo isaanii akka tiksan waamichi dhiyaateera.
Gabaasni UN maal jedha?
Komiishinarri mirgoota namoomaa UN Misheel Baachelet waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsise 'gochaawwan gara jabinaa hamoon' kan itti raawwataman ta'uu eeruun, waraanichi xumura akka godhatu waamicha dhiyeessan.
"Qooda fudhattoonni waraanichaa martii ... kallattiin lammilee nagaa ykn qabeenya isaanii kanneen akka mana jireenyaa, manneen barnootaa, hospitaalota fi manneen amantaa haleelaniiru, ykn ammoo haleellaa walitti qabaan raawwataniin lammilee nagaa fi qabeenyaa isaaniirra miidhaa geesisaniiru jennee akka amannu sababni gahaan jira," jedha gabaasichi.
Ajjeechaan seeraan alaa murtii seeraa malee raawwatamuu fi ta'e jedhanii du'aan nama adabuunis raawwateera jedha.
Akka fakkeenyaattis dhukaasa Sadaasa 28, 2020 tabba to'annoo Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa jala jirurraa dhukaafameen magaala Maqalee keessatti yoo xiqqaate lammiileen nagaa 29 ajjeefamuufi yoo xiqqaate 34 immoo miidhamuu hima.
Kana malees lola Sadaasa 09 - 11, 2020 Humaraa keessa tureen dhukaasa loltoota Eertiraafi humnootii Tigraayiin namootni 15 yemmuu ajjeefaman heddun madaa'uunis gabaasichaan himameera.
Gabaasicha keessatti gareen dargaggoota Tigraay Saamrii jedhamu Sadaasa 09 fi 10, 2020 dhalattoota saba Amaaraa 200 ol magaalaa Maayikaadiraatti akka ajjeesan himameera. Magaaluma kanatti tarkaanfii haaloo bahummsaan dhalattoonni saba Tigraay ajjeefamuus hima.
Humnoota mootummaa Itoophiyaa waliin hiriiranii lolaa kan turan loltoonni Eertiraa jiddugaleessa Tigraay Aksuum keessatti baatii Sadaasaa keessa namoota 100 ol ajjeesuus gabaasichi ni mul'isa.
"Namootni kallattiin waraanicha keessatti hirmaataa hin turre qooda fudhattoota waraanicha gama lamaaniin jiraniin ta'e jedhamee ajjeefamuu isaanii akka amannu sababni gahaan waan jiruuf, yakki waraanaa raawwatamuu hin oolle" jedha gabaasichi.
Dararaa, hidhaa seer-maleessaafi namoota humnaan dhabsiisuu…
Gareelee lolicha irratti hirmaataniin dararaan hammaataa raawwatamuu kan himu gabaasni kun miidhamtootni reebamuu, hidhamanii namaan akka wal hin agarre taasifamuu, doorsifamuu fi soorata dhorkamuu himeera.
"Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa namoota iddoowwan dhokatoo fi kaampiiwwan waraanaa keessatti hidheera" kan jedhu gabaasichi hidhaawwan kunneen harka caalmaan hidhaawwan bu'uura seeraa hinqabne ta'uu dubbata.
Humnootiin Tigraay fi gareeleen isaaniin hidhata qabanis lammiilee nagaa sabaan Tigree hin taane seer-malee hidhuu fi butuu akkasumas kunneen keessaa tokko tokko immoo ajjeefamuufi akka dhabaman taasifamuus gabaasichi himeera.
Haleellaa saalaafi dhimma baqattoota Eertiraa…
Itti dabaluunis miidhamni saal-qunnamtii kan dirqiin gudeeduu dabaaltu gama lamaaniinu dubartoota, dhiirota, ijoollee shamarranii fi dhiirootaa irratti raawwatamuu eera.
Taatee tokkoon, miidhamtuun ganna 19 tokko hidhamtee baatilee sadiif irra deddeebiin gudeedamuu, akkasumas dubartoonni qaama miidhamtoota ta'an osoo hin miidhaa saal-qunnamtiif saaxilamuun eerameera.
Gabaasni waloo kun haleellaan saal-qunnamtii gareelee lola Kaaba Itoophiyaa keessaa harka qaban maraan raawwatanuu himeera. "Dirqisiisanii gudeeduufi haleellaawwan saalaa biroon hamilee miidhamttoota cabsuuf faayidaarra oolaniiru" jedha gabaasichi.
Gareen qorannoo waloo miidhammtoota haleellaa saal-qunnamtii dubartoota 30 walin af-gaaffii taasisuufi kunneen keessaa walakkaa kan ta'an irratti gochaan dirqisiisanii gudeeduun garee (gang-rape) raawwatamuu himeera.
Gama biraatiin loltootni Eertiraafi Humni Addaa Tigraay naannoo kaampii baqattoottaa Shimalbaatti wal loluun nageenya baqattoota Eertiraa kaampicha keessa turanii rakkooo keessa galchuun himameera. Kanaanis baqattootni kumaan lakka'aman buqqa'uu, dhibbaan kan lakka'aman dhabamuufi kaampichis barbadaa'uun himameera.
Kana malees loltootni Eertiraa baqattoota kaampicha keessa turan humnaan gara Eertiraatti deebisuunis himameera.
Deebii mootummaa Itoophiyaa fi garee TPLF
MM Abiy Ahimad gabaasa kana ilaalchisuun ibsa baasaniin gabaasicha gariin kan itti walii hin galle ta'ullee 'ni simanna, beekamtis ni kenninaaf' jedhaniiru.
Gabaasichi himannaawwan bu'uura malee mootummaa Itoophiyaa irratti ka'aa turan dogoggora ta'uu kan saaxiledha jedhan.
Gabaasichi 'gochi sanyii balleessuu' raawwatameera jedhamuun soba ta'uu kan mul'isedha kan jedhe ibsi MM Abiy, 'beelli akka meeshaa waraanaatti faayidaarra ooleera' gabaasni jedhus soba ta'uu kan saaxiledha jedhan.
Itti dabaluunis humnoonni Tigraay yakkoota gara garaa raawwachaa turuu isaanii kan saaxiledha jedhan.
Yakkoota loltoonni mootummaa ykn humnoonni naannolee raawwatan haala walaba ta'een akka qoratamuu fi itti gaafatamummaan akka jiraatu mootummaan ni hojjeta jedhan MM Abiy.
Dubbi himaan garee TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa gabaasichi bahuu guyyaa tokko dura yaada tiwiitarii isaanii irratti barreessaniin gabaasicha kufaa qodhaniiru.
Qorannoon godhame bakka yakkoonni itti raawwataman mara kan uwwise miti kan jedhan Obbo Geetaachoon, Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaama walabaa miti gabaasichi fudhatama akka hin qabne himan.
Mootummaa Tigraay jechuun kan waaman qaamni naannoo Tigraay harkaa qabu dhimmicharratti akka hin hirmaachifamnes himan.















