Waraana Tigraay: Tigraayiitti namoonni balaa beelaa keessa jiraatan maal jedhu?

Madda suuraa, Getty Images
Hiyiwoot Barihee haadha ijoollee sadiiti. Ijoolleeshee lamaan jalqabaa wayita guddiftutti rakkina fayyaa omtuu ishee mudatee hin beeku ture.
Amma garuu intallishee sadaffaa kan umuriin waggaa tokkoofi baatii afurii, Eedan Gabratsaadiq hospitaala Ayidar magaalaa Maqalee jiru ciisuun wal'aanamaa jirti.
Hiyiwootis mucaashee hospitaalatti wal'aanamaa jirtu ija keessa ilaalaa akka fayyituuf Waaqa kadhataa oolti.
Eedan hopitaalaa kan galte hir'ina nyaataa olaanaa mudate irraa kan ka'e qaamnishee waan hubameefidha.
Obbo Giday Marassaa Qollaa Tanbeen Aanaa Qayih Takilii, ganda baadiyyaa Indaabaanaa jedhamu jiraatu. Naannoon kunis bakkeewwan Tigraay keessatti lolli cimaan itti gaggeefame keessaa tokkodha.
Waraanichi baatii Waxabajjii keessa bifa isaa akka geeddaratu kan taasisee duulli Alulaa Abbaa Naggaas kan eegale iddoodhuma kanaati.
Jiraattoonni baadiyyaa hedduunis naannichatti baatiiwwan hedduudhaaf manasaanii dhiisanii jireenya isaanii garreeniifi bosona keessa godhatanii turan.
Obbo Giday gara dhuma baatii Waxabajjiitti gara qee'esaaniitti deebi'anilleen, mucaan isaanii barrattuu kutaa jahaa turte baay'ee jalaa dhukkubsattee jirti.
''Gammoojjii keessa turre Waxabajii keessa yoo deebiinu, rakkina kana keessa buune. Duraan fayya qabeettii turte,'' jedhu. Jalqaba gara buufata fayyaa dhiheenyatti argamu geessulleen qoricha argachuu garuu hin dandeenye jedhan.
Ittaansee hospitaala Abbii Adiitti deeggarsi taasifamaaf akka ture himu.
Mucaan isaani irra jireessa kan dhukkubsatte hanqina nyaataa irraa kan ka'e yoo ta'u, rakkina onnees akka qabdu itti himame.

Jiraattonni hanqina nyaataafi qorichaan rakkatu
Addee Hiwoot intalli ishee Eedan torbanootaaf deeggarsi wal'aansaa taasifamuufilleen dhukkubbiin ishee itti wayyaa'aa hin jiru.
''Dhibee hir'ina nyaataatiin dhufe ta'uu natti himan. Isaan humna qaban hundaan gargaaraa jiru, garuu ani hin beeku,'' jetti.
Itti dabalunis, ''haala gaariin ijoollee keenyaa guddisaa turre. Jireenyi keenyas omaa hin jedhu ture. Amma garuu waan nyaannu hin qabnu. Mucaan keenyas sababii kanaatiin rakkoo kanaaf saaxilamte,'' jetti.
''Qoricha argachu hin dandeenye. Hospitaalaan alas barbaadaa jirra,'' kan jedhan Obbo Giday, qorichi osoo argamee ammoo bituuf maallaqa akka hin qabne dubbatu.
Jiraattuu magaalaa Maqalee kan taate Hiyiwoot gama isheetiin, ''hojjannee akka hin nyaanneef hojiin hin jiru. Hunduu cufameera. Anis taa'een oola. Abbaan manaa kiyyas akkasuma taa'aa oola. Maal nyaanna?'' jechuun rakkoo walxaxaa keessa jirtu himti.
Sababii waraana Tigraay kan waggaa tokko ta'e kanaatiin naannichatti miidhaawwan namoomaa hedduun qaqqabeera.

Madda suuraa, Ayder Hospital
Gabaasaaleen dhaabbilee mirga namoomaa idil-addunyaa akka jedhaniitti, namoonni jumlaan ajjeefamaniiru, dubartoonni ulfaa osoo hin hafiin gudeedamaniiru, manneen amantaa fi iddoowwan hambaalee seenaa barbadaa'aniiru.
UN akka jedhaniitti, naannichatti namoonni miiliyoona 2.5 ol ta'an deeggarsa nyaataa yeroo atattamaa kan eeggatan yoo ta'u, kanneen walakkaa miliyoonaa ta'an ammoo beela hamaaf saaxilamaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa 'beela akka meeshaa waraanaatti fayyadame' jedhamuun himatama.
Hanqina qorichaafi beela
Hiwoot, mucaan ishee wal’aansa fayyaa argachaa jirtuun ni fayyiti abdii jedhu qabdi.
Ta’us garuu hospitaalichi, keessumaa guyyootii afran darban keessatti, hanqinni qorichaa akka isa qunname isheetti himameera.
Daa’ima ishee hospitaalichatti kan wal’aansisaa jirtu Hiwoot, amma kan ishee dhiphisaa jiru kanadha.
“Qorichi hin qabnu, bakkeetii bitaa jedhaniiru. Ta’us garuu dandeettisaa hin qabnu. Eessaa fidnee binna?” jetti.
Hiwoot, daa’imni ishee Eedan, guyyaa tokko qoricha fudhachaa guyyaa tokko irra utaalaa, hanga ammaatti lubbuun turuushee himti.
Hospitaalli Ayidar, hospitaalota naannoo Tigraay keessa jiran keessa isa guddaa yoo ta’u, hojjattoonni isaa ji’oottan afur darbaniif utuu miindaan hin kaffalamiifiin hojjachaa akka jiran BBCtti himaniiru.
Hospitaalichi namoota naannichaa bakka adda addaa dhufaniif wal’aansa kennaa kan ture ta’us, yeroo ammaatti meeshaleen wal’aansaa bu’uraa akka jalaa dhuman, odeeffannoon BBC’n hojjatoota hospitaalichaa irraa argate ni eera.
Dhiyeenya TVn naannichaa akka gabaasetti, wal’aansi kalee hospitaalichaan qofa kennamaa ture sababa hanqina qorichaan addaan cite jira.
Sababa kanaan, dhibamtoonni dhukkuba kalee wal’aansa argachaa turan 32, torban tokko keessatti lubbuun isaani balaaf saaxilamuu danda’a jechuun gabaaseera.
Dhaabbanni miti mootummaa Gartuu Hakiimotaa Daangaa Maleeyyii (MSF), dhabbilee fayyaa naannoo Tigraay keessaa jiran harka afur keessaa sadii irratti beekaa haleellaa fi saamichi gaggeeffameera jechuun Bitootessa keessa gabaasa baaseen ibsuun isaa ni yaadatama.
‘Ciree nyaachuun qananii nutti ta’eera’
Kanaan dura kolleejii dhuunfaa keessatti barsiisaa ta’ee kan hojjachaa ture Gabramadiin, wagga darbe keessatti hojii malee waan dabarseef, harmee, obboleetti fi obboleessa isaa dabalatee miseensota maatii isaa afur rakkachu dubbata.
Jireenyi Maqalee keessa jiru qalii ta’uu isaa yoo ibsus, “qoraanillee gatii mi’aadhaan bitta,” jedha.
Maallaqa baankii keesa jiru baasuun akka hin fayyadamneef baankileen tajaajila addaan waan kutaniif rakkachuu isaa ibsa.
Wajjira federaalaa tokko keessa hojjachaa kan turte obboleettin isaa, miindaan erga kaffalameefii ji’oota ja’a akka ta’es dabaluun ibseera.
“Harmeenkoos mana ni kireessiti ture, amma namoonni manicha kireeffatan kaffaluu waan hin dandeenyeef maallaqa kiraa manaa harkaa fuutee hin beektu,” kan jedhu Gabramadiin, wantoonni bu’uraa gatiin isaanii baayyee qaalii ta’uu isaarra darbee hin argamaniiyyuti jedha.
“Ittoo zaayitaa fi barbarree malee hojjatamu nyaachuu erga jalqabnee gara ji’a lamaa ol ta’eera. Ciree nyaachuun akka waan of jajaatti ilaalama,” jedha.

Yeroo hedduu guyyaatti al tokko qofa akka nyaatan hima.
Dabalataanis harmee fi obboleessi isaa qoricha yeroo yeroon fudhachaa turan waan addaan kutaniif rakkoon fayyaa guddaa isaan irra ga’uun isaa akka isa yaaddessu hima.
“Jireenyi keenya kun isa foyya’aa isa jedhamudha, jireenyi namoota hedduu kanarra kan hammaatedha. Namni hedduun daandii irratti harki isaa kadhaaf yeroo qophaa’uu ni agarta. Haalli jiru akkanaan yoo itti fufe, namni hedduun beelaa fi qoricha dhabuun rakkachuu danda’a,” jedha.
Waraanaa fi wantoota isaan walqabataniin kan ka'e biyyattii keessatti gatiin mi’a hedduu dabalaa deemus, nannicha keessatti ammoo dacha shanii fi ja’aan dabaluun isaatu himama.
Barbarreen kiloon tokko birrii 800, shiroon kiloo tokko birrii 180, xaafiin kuntaala tokko gara birrii kuma torbaa ga’eera. Akkasumas zaayitii liitira tokko gara birri 250 akka ga’ee odeeffannoon BBC’n naannicha irraa argate ni ibsa.
Fithaawii Hiruuy, dargaggeessa Ameerikaa jiraatudha. Kanaan dura namoota rakkatan adda addaaf 'GoFundMe' fayyadamuun gargaarsa biyya alaarraa funaanee gargaaruun beekama ture.
Ammayyuu gargaarsa akkana gochuu barbaadus, namoonni inni kanaan dura gargaaru akkasumas maatii fi firoottan isaa Aksuum keessa jiran Waxabajjii irraa eegalee haala isaan keessa jiran baruu hin dandeenye.
Naannicha keessatti tajaajilli bilbilaa fi baankii erga addaan cite ji’oottan waan lakkoofsiseef “keessumaa firoottankoo qorichi walitti fufiinsaan isaan barbaachisu haala akkamii irra akka jiran hin beeku, lubbuun haa jiraatanii haa dhiisanis sirritti hin beeku,” jechuun BBCtti himeera.
Walitti bu'eensa naannolee ollaatti babal’ate
Waranni naannoo Tigraayitti Onkololeessa Sadaasa 04, 2020 eegalame, amma gara naannolee ollaa Affaarii fi Amhaaraatti babal’ateera.
Kanarraa kan ka’e guutummaa Kaaba Itoophiyaa keessatti namoonni miiliyoona torba ta’an gargaarsi hatattamaa akka isaan barbaachisu dhabbanni Mootummota Gamtoomanii ibseera.
Dabalataanis namoonni kumaatamaan lakkaa’aman akka haaraatti qe’ee isaanirraa buqqa’aniiru.
Naannoo Tigraay keessatti qofa, namoonni walakkaa miiliyoona ol ta’an beelaaf kan saaxilaman yoo ta’u, gargaarsa hatattamaa isaaniif hin qaqabne yoo ta'e rakkoon cimaan isaan qunnamuu danda’a jechuun UN Mana Maree Nageenyaaf ibsee ture.
Dhabbileen tokko tokko, waraanichi eegale ji’oota muraasa booda, Tigraay keessatti beelli akka kan bara 1977 fakkaatuu uumamuu danda’a jechuun yaaddoo isaanii ibsaa turan.
Baatiin Waxabajjii yeroo qonnaan bultoonni hedduun itti gara lafa qonnaasaanii deemuun qtachu qaban ture. Muraasni isaanii balaa bara itti aanu jalaa bahuuf jecha alkan keessa qotaa akka turan himama, sababii guyyaa akka hinqonnee loltootaan dhorkamaniif jecha.
Deebii Hawaasa Addunyaa
Mootummootni addunyaa, mootummaan Itoophiyaa dhiyeessi gargaarsaaf daandilee gutummaa guututti akka banuuf akka banuuf irra deebiin gaafachaa turan.
Akka odeeffannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Adooleessa irraa eegalee, guyyaa guyyaatti konkolaattonni fe’uumsaa 100 naannoo Tigraay akka seenaniif murteesse kan ture ta’us, hanga ammaatti garuu %10 qofatu seenuu dandeera.
Pireezdaantiin US Joo Baayidan, haalli naannoo Tigraay keessa jiru hin fooyya’u taanaan, qaamoolee waldhabdeerra jiran irratti ajaja qoqqobbii kaa’uu danda’u mallatteessaniiru.
Kun akkanaan osoo jiru, mootummaan Itoophiyaa qondaaltoota olaanoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii torba biyya keessaa akka ba’an godheera.
Barreessaan Olaan UN Antoonii Gutareez akka jedhanitti, hojjattoota UN torban mootummaan Itoophiyaa ‘jidduu seenaniiru’ jechuun biyyaa ari’uun isaa adeemsa gargaarsa kennuu kan gufachiisudha jedhanii ture.
Dabaluunis “rakkoo jiru furuuf amma tarkaanfiwwan nuti fudhannu, jireenya namoota hedduu irratti jijjiirama guddaa ni uuma,” jedhaniiru.
Hogganan Waldaa Fannoo Diimaa Addunyaa, Piitar Mowuraar dhiyeenya BBCtti akka himanitti, sababii waraana Kaaba biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiruutiin lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii guyyaa guyyaan akka dabalu taasisaa jira jedhiiru.
Akkasumas Hoggantuu itti aantuun dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa USAID, Saaraa Chaarles, mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay gargaarsi namoota barbaachisu bira akka ga’aniif dhorkaa ka’amee akka kaasaniif gaafataniiru.
Konkolaattonni meeshaalee gargaarsaa fe’an dhorkaa tokko malee akka darbanii fi lakkoofsi balaliinsa xiyyaara gargaarsa namoomaa akka dabaluufis gaafataniiru. Balaliinsi kun dhiyeenya addaan cituun isaa ni yaadatama.
“Ji’ootaaf dhiyeessiin boba’aa, maallaqaa fi qorichaa, mootummaa Itoophiyaan dhorkamee waan tureef dhabbileen gargaarsa namoomaa kennan, gargaarsa kennan hir’isuuf dirqamaniiru. Hospitaalonnii fi dhaabbilee fayyaa qorichi jalaa dhumeera,” jedhan.















