Waraana Tigraay: Baqattoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa jiran maalirratti argamu?

Baqattoota Eertiraa Tigraay jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoota Eertiraa Tigraay jiran

Waraanni mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay jidduutti eegale amma gara naannoollee ollaa Amaaraafi Affaariitti babal'ate kunoo waggaa tokko guteera.

Yeroo kana keessatti namoota miliyoona lamaa ol mana jireenyaa isaanii irraa kan buqqaasee yoo ta'u, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo sababiidhuma waraana kanaatiin du'aniiru.

Waraana kanaan dura baqattoonni Ertiraa kuma 100tti siiqan buufataalee naannoo Tigraay afur keessatti: Adii Haarush, Maayi Ayinii, Shimlbaafi Hitsaatsi keessaa akka jiran himama.

Erga waraanni eegaleen booda qaamni baqattoota kanneeniif eegumsa taasisu waan hin turreef, meeshaalee waraanaa humnootii lolaniin dhukaafamaniin balaa du'aafi miidhaa, akkasumas saamicha qabeenyaatiif saaxilamaniiru.

Baqattoota kanneen keessaa kan dirqamaan gara Ertiraatti deebiifaman jiraachus gabaasaaleen dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii ibsaniiru.

Shiree-Finfinnee- Naayiroobii

Mallas Mulugeetaa baqattoota Ertiraa Shimalbaa jiraataa turan keessaa tokko ture. Firri isaa tokkos Jarman irraa ka'uun maatiin isaa achuma jiraataa waan turaniif gara biyya alatti gaggeessuuf jecha waranichi osoo hin eegaliin guyyaa lamaan dura gara Shiree imaluu hima.

Namni Jarman irraa dhufe kunis ijoollee isaa kan waggaa 11 fi 7 Finfinnee ollaa biratti dhisuun jara gaggeessee deebi'uuf ture kan garas imale.

"Haati warraa isaas bilbilaan akka ilma wasiila keetiin sirriitti wal bartu waan naan jetteef bariin gara Finfinneetti isaan erge. Maallaqa naaf kenneen ammoo ijoollee kiyyaaf waan tokko tokko bitachuun boromtaa isaa deebi'uuf gara lafa bulmaataa kootti deebii'e," jedha.

Sadaasa 4 halkan garuu dhukaasni meeshaa gurguddaa gaggeeffamaa bule.

"Jalqaba waan naaf hin galleeffuu waan loltoonni Itoophiyaafi kan Ertiraa wal waraanaa jiranan se'e. Ganama gara ijoollee kootti deebi'uuf gara buufata konkolaataa yoo deemu sochiin dhaabbatee magaalattiin meeshaa gurguddaan guutamte ture."

Haala ijoollee isaa baruuf bilbiluuf yaaluus bilbilli hin hojjatu. Kanneen sababii adda addaatiin buufatichaa bahanii waa'ee ijoollee isaanii yaadda'an hundi, eddoo sana gahuuf miilaan sa'aatii shaniif deemuu qabaatu.

"Namoota hidhannoo qaban alaalaa yoo agarru dhokachaa akkuma ta'etti ijoollee keenya bira geenye. Buufatichis sodaan guutamee ture. Ani argu baadhulleen dararaa hedduun akka irra gaheen dhagahe. Achiin ijoollee kiyya qabadhee Gondar gale,'' jedha.

Mallas haadha warraa isaa Kaanaadatti argamtuun walitti makamuuf ture bara 2016tti Ertiraa keessaa kan bahe.

''Dhimmicha Finfinnee irratti xumurachuufan ture. Isaan booda Naayiroobiidhaa malee siif hin saffisuu waan jedhameef doolaara kuma shan kaffalee ijoollee koo qabadhee Keeniyaa dhufe,'' jechuun amma bakka Naayiroobii, Isilii jedhamu jiraachaa akka jiru dubbata.

Humaraa- Gadaariifi- Kaartuum- Liibiyaa

Fitsum Mebirhaatuu baqattoota mootummaan hayyama mana jireenyaa magaalaa kenneef keessa tokko yoo ta'u, Humaraa keessatti distii sibiilaa moofaafi waan biraa suphaa jiraataa ture.

Gaheessi umuriin isaa waggaa 41 ta'e Fitsum, magaalattii keessa erga hawaasa waliin waliigaluun waggaa sadiif jiraateen booda suuta maashina xiqqoo tokko bitachuun hojii suphaa isaa hojjataa ture.

"Humaraadhaa osoon hin bahiin waggaa tokkoofi ji'a jahaan dura dhaabbataan karraafi foddaa cabaa suphaa ture. Waraanni yoo eegalu (Ertiraan haleellaa yoo eegalu) osoon waan tokko hin qabatiin gara Sudaaniitti baqadhe.

Achitti dargaggoonni tokko tokko sababii obbolaa keetiin rakkoo keessa galle, nu basaasa ta'as jechuun waanan sodaadheef deemee Kaartum gale,'' jedha.

Kaartum keessa torbanoota sadii qofaaf ture kanan dabarse. Maallaqa obboolleettiin isaa Siwiidiin jirtuufi kanneen biraa erganiif walitti qabachuun gara Liibiyaatti qajeele.

"Kaartumii baanee magaalaa Omdurmaan jedhamtu tokko yoo geenyu ture dararaan faddaaltootaa kan eegale. Hanga hunduu walitti qabamanitti jechuun bishaaniifi biskutiin guyyoota saddeettiif nu tursiisan.''

Isaan booda guyyoota 13f konkolaataan imallee Beengaazii qaqqabne. Sudaanii wayita ka'an baaburaan akka imalan kan itti himame hafee rakkachu eegalan.

Fitsum amma Liibiyaa erga galee baatii sagal dabarseera. Ta'us jireenyi itti cimuun poolisii Liibiyaatiinilleen yeroo sadii hidhamee, yeroo lama maallaqa kanfaluun yoo bahu, yeroo tokko akka jalaa miliqe bahe dubbata.

'Hanga ammaatti baqattoonni 50n eessa akka gahan hin beekamu'

Waraanni Naannoo Tigraayiitti osoo hin eegaliin dura baqattoonni lammiilee Ertiraa kuma 100tti siqan naannicha keessa akka jiraatan ibsama.

Haata'u malee, waraanichi eegaluun baatiiwwaniin dura, mootummaan Itoophiyaa baqattoota karaa seeraatiin simachuufi galmeessuu dhaabee ture.

Kanaaf, baqattoonni hedduun magaalota naannoolee adda addaa keessa jiraachusaaniitiin lakkoofsi baqattootaa waliigalaa kana caalu akka danda'u kanneen mirga namoomaaf falman ni dubbatu.

"Buufataaleen baqattootaa Shimalbaafi Hitsitsi gutummaan waan barbadaa'aniif, baqattoonni achi keessa turan hedduun gara Maayi Ayiiniifi Addii Haarushi yoo deeman, kaan ammoo gara Finfinnee imalan. Bakki bu'aan kan hin baramnes jiru," jedha falmaan mirgaa Joorji Gabrasilaasee.

Baatiiwwan Ammajjii - Adooleessaa 2021tti namoonni 13 ajjeeffamuu, miidhaan saal-qunnamtiifi saamichi qaqqabuu dubbata.

"Buufataalee lamaan keessattuu wallaansiifi dhiyeessiin gargaarsaa waan hin jirreef, baqattoonni beelaaf saaxilamuufi daa'imman du'aa jiraachuu gabaasaaleen nu qaqqabu,'' jedha.

Kana malees, ''buufataalee lamaan keessaa baqattoota kuma 23 qofaatu jira. Kaan eessa akka gahan baayyee yaaddeessaadha,'' jedha.

Waldaaleen Ertiraanotaa biyya Ameerikaatti argaman Surbaanaa fi Gaantaa Ameerikaa, baqattoota eessa buteensaanii badeera jedhaman galmeessuu eegaleera.

Haaluma kanaanis hanga ammaatti, "lammiileen Ertiraa 50 eessa buuteensaanii wallaalame galmeessineerra. Kunis namoota Shiree, Aduwaa, Aksuum, Faras Maayi, Adigiraat fi Hawuzeen keessa jiraataa turan jedhaman ni dabalata," jechuun himu.

Kana malees, dhaabbilee idil-addunyaa kan akka Fannoo Diimaa, IOM, UNHCR fi qaamoolee dhimmichi isaan ilaallatu kan biraattis akka beekan taasifamuu Joorji ni dubbata.

Haaluma walfakkaatunis Shireetti Ertiraanoonni 450, Adigraatiitti 550, Maqaleetti ammoo 3,000 kan ta'an hidhamusaanii ragaa arganneerra jedha.

Haala baqattoota Ertiraanotaa Itoophiyaatti

Erga waraanni eegaleen booda keessattuu, baqattoonni 12 buufataalee Shimalbaafi Hitsaatsi keessa turan irra calaan ajjeechaa, ukkaafamanii fudhatamuufi bittineeffamu akka mudate gabaasaleen dhaabbilee Mootummoota Gamtomanii ibsaniiru.

Isaan keessaa kuma sagal kan ta'an gara Maayi Ayiiniifi Addii Haaruushitti dabarfamuun himameera. Kanneen 5,2000 ta'an ammoo Finfinneetti galmaa'uun himameera.

Kanaan alatti naannoo Affaar keessa kanneen kuma 50 caalaan akka argamaniifi sababii waraanichaatiin balaa irra jiraachuu ibsa.

Walumaagalattis baqattooti kuma 200 ol ta'an Itoophiyaatti akka argaman himama.