Baqattoota Ertiraa Tigraay keessaa baasuun naannoo Amaaraatti dabarsuuf karoorfamuu UN hime

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Tigraay keessatti baqattoonni Ertiraa gara kuma 24 ta'a akka jiran dubbatama.
Baqattoonni kunneenis naannoo nageenyi fooyya'aan jiruutti dabarsuuf karoorri yeroo balaa tasaa jiraachuu Mootummoota Gamtoomaniitti Komisiniin Olaanaan Baqattootaa (UNHCR) BBCtti hime.
Baqattoonni Maayitsabirii buufataalee Ayiiniifi Addii Haaruush keessa jiran gara naannoo Amaaraa Godina Kaaba Gondar, Magaalaa Daabaat keessatti gara buufata haaraa ijaaramaa jiruutti akka dabarfaman ibsaniiru.
Kaampiin lafa heektaara 91 irratti baqattoota kuma 25 keessummeessuuf akka qophaa'e beekameera.
Hanga ammaatti baqattootn 98 gara buufata haaraan argamuutti kan geeffaman yoo ta'u, tajaajilli bu'uraa adda addaa dhiyaataafi jiraachuu dubbi himaan UNHCR Nevan Karevankoshiik BBCtti himan.
Torban lamaan dura Ejjansii Baqattootaafi Baqattoota Irraa Deebii'anii Itoophiyaa ijaarsa kaampii haaraa kana deeggartoota kaan muraasa waliin ta'uun ijaaraa jiraachuu himuun ni yaadatama.
'Baqattoonni balaa beelaaf saaxilamuuf jiru'
Torbanoota dura namoonni baqattoonni Ertiraa naannoo Tigraayiitti argaman akka baafaman gaafatan Finfinneetti hiriira bahanii turan.
Gama biraatiin, Ejjansiin baqattootaafi kannee Baqannaa Dii'anii haalli baqattoonni Ertiraa kaampiiwwan lamaan Maayitsabriitti argaman keessa jiran ''uggura'' jedhee ture.
Dhimma kanarratti deebii akka kennaniif kan gaafataman Dubbi Himaan UNHCR Itoophiyaa ''haala deeggarsi namoomaa adda citaa laata jedhu keessatti argamu'' jedhan.
''Yoo xinnaate baqataan tokkoo hidhattoota kaampicha keessa socho'aniin ajjeefamu gabaasa amanamaa Maayi Ayinii irra nu qaqabeera. Kun gaabasa yeroo dhihoo yoo ta'u, isaan duras baqataan biraa ajeeffamu gabaasni biraa nu gaheera,'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Hojjattoonni dhaabbatichi torbanoota sadan darbaniif gutummaatti walitti dhufeenya kaamiiwwan kanneen waliin qaban gutummaatti adda kutuu himuun, ''lubbuun baqattoo kiyyoo keessa galee atattamaan baraaruun ni barbaachisa,'' ibsaniiru.
Buufataalee kanneen keessatti dhiheessitiin bishaan qulqulluu dhumaa jiraachuufi tajaajilawwan fayyaa sadarkaa gadaanaa jedhamu kennamaa jiraachu dubbatan.
''''Baqattoota fuuldura balaatu jira'' kan jedhan dubbi himaan, buufataalee namaani dhiyeessitiin nyaataa kan qaqabe dhuma baatii Caabsaa akka ta'e himan.
Kunis baqattoota baatii tokkoon ol akka hingargaarree dabaluun dubbatan.
Baqattoonni Ertiraa kuma 24 dorsisaafi dararri akka mudateilleen dabaluun ibsan.
Waa'ee buufata haaraa ijaaramaa jiruu
Dubbi Himaan UHNCR Itoophiyaa akka dubbataniitti, sababii haala nageenyaa amma jiruuttiin walqabate ammaan tanatti gara buufataalee qaqabuu hindandeenye.
Wayita haalli nageenyaa hayyamamuutti garuu tarkaanfii atatamaa ittiin baqattoota naannichaa baasuuf danda'amu kaawwachu himaniiru.
''Hanga haalli nageenyaa fooyya'uutti baqattoonni buufataalee lamaan haala nagaatiin akka baafaman mijeessuuf qaamoolee hunda amansiisuuf hojjiin hojjatamaa jira,'' jedhame.
Kanaan alattis baqattoota naannichaa baasuun gara buufata haaraatti dabarsuuf hawaasaan waliin ta'uun hojiin bakka buufataa adda baasuu hojjatamaa jiraachu himan. Akkasumas hojiiwwan dhiyeessitii geejibaa, bishaanii, ibsaa, eegumsa qulqullinaa akkasumas dhiyeessitiin nyaataa qopheessuu hojjatamaa jira jedhan.
Meeshaalee barbaachisan kaan ammoo Finfinnee irraa gara eddoo kanaatti geeffamaa jiras jedhameera.
''Buufanni baqattoota Ertiraa haaraan Daabaati (Almaawaaci)tti dhaabilee kaan waliin ta'uun ijaaramaa jiruu hojii kennuu wayita eegaluutti rakkoolee hedduu kan hir'isuufi baqattoota buufataalee Maayi Ayiniifi Addii Haarushitti argaman gutummaa gutuun qabachu kan danda'udha,'' jedhan dubbi himaan kun.














