Lola waraanaa Tigraay: UN baqattoota Eertiraaf Naannoo Amaaraa Dabaarqitti kaampii ijaaruuf

Newly arrived Ethiopian refugees who fled Ethiopia's Tigray conflict rest at Um Raquba refugee camp in Gedaref, eastern Sudan, on December 9, 2020

Madda suuraa, Getty Images

Ji'a jaha dura lolli Naannoo Tigraay keessatti dhalachuun walqabatee naannicha keessa kan turan kaampiiwwan baqattootaa gurguddoon lama hojiin ala waan ta'aniif Naannoo Amaaraa Dabaarqitti buufanni baqattootaa ijaaramuuf ta'uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Ejensiin baqattootaa fi kanneen baqaa deebi'anii waliin ta'uun bakka kaampiiwwan baqattootaa lama Tigraay keessaa akka cufaman ta'ee, magaala Dabaarqitti ijaaruuf bakki adda baafamera.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii bakka ijaarsaaf filatametti kaampii ijaaruuf ragaalee seraa feesisan hanga guutamanitti eegaa akka jiru yaada BBC'f kenneen mirkaneesseera.

Akka ragaa dhaabbaticharraa argametti ganni osoo hin galiin ijaarsi isaa raawwachuun baqattoota qubachiisuuf karoorfameera.

Baqattoota Ertiraa Finfinnee jiran

Sadaasa 23 lola naannoo Tigraayitti eegalame hordofee kaampiiwwan baqattoota Eertiraa daheessanii turan Hitsaatsiifi Shimalbaa jedhaman hojiin ala ta'uu isaaniin baqattootni Eertiraa hedduun gara kutaalee Itoophiyaa garaagaraatti faffaca'an.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa yeroo sanitti baqattootni 21,000 ol kaampiwwan kana keessa turan iddoo biraatti baqachuu ibseera.

Komishinichi gariin baqattoota kanaa kaampiiwwan biroo Addii Haruushifi Maay Ayinii galaniirus jedhee ture.

Kanneen keessaammoo hanga ammaatti baqattootni 2,500 ta'an Finfinnee akka jiran jaarmiyaan baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii galmee gaggeessaa jirurraa hubachuu, hoogganaa olaanaan Ejensii baqattootaa fi warra baqaa deebi'anii kan ta'an obbo Tasfaahuun Gobezaay BBC'tti himaniiru.

Kaampiiwwan lamaan tajaajila kennaa jiranitti kanneen galaniin ala warra jiran barbaadanii galmeessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Kaampiiwwan baqattootaa kan bulchu Jaarmiyaan Baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii hanga ammaatti magaalaa Finfinnee keessatti baqattootaa fi kooluugaltoota 45,000 galmeessuu isaa dubbii himtuun dhaabbatichaa damee Itoophiyaa Elsaabeex Arseendoorf BBC'f himteetti.

Deebii gama imeeliin erganiin kanneen galmaahan keessaa 25,255 dubartoota jedhan.

Baqattootni maal jedhu?

Baqattootni Eertiraa sadii BBC'n magaala Finfinneerraa dubbiseen ofii isaanii dabalatee hedduun isaanii galmaahuu himaniiru.

Haata'u malee gara kaampiiwwan ammallee hojiirra jiraniitti deebi'uu hin feedhan.

Maqaa isaa nageenyaaf jecha jijjiiree kan himatu dargaggoon tokko magaalaa Finfinnee keessatti kondominiyeemii keessa hiriyoota isaa hedduu waliin akka jiraachaa jiru hima.

Deeggarsa xiqqaa firoota isaa biyya alaa jiran irraa argatuun akka jiraatuufi hedduun isaanii jireenya walfakkaataa akka gaggeessan dubbateera.

Sababni kaampiiwwan Tigraay keessa jiranitti deebi'uu hin feeneef haleellaan nurra gahuu mala kan jedhu akka ta'ellee dubbateera.

''Loltoota Eertiraatu nu ajjeesaa xiiqii jedhuun nuun akka hin miine jennee sodaanna.''

Hoogganaan Ejeensii baqatattootaafi warra baqaa deebi'anii obbo Tesfaahuun, yaaddoo dargaggoo kanaa qooddachuun ''dogoggorri kana dura hojjetame irra deebi'amuu hin qabu'' jedhan.

Kanarraa kan ka'ees kaampiin baqattootaa kun bakka baqattootni irraa baqatanii dhufan irraa fagaatee ijaaramuun hojii dursi kennamuuf ta'eera jedhan.

Mootummoonni Gamtoomaniis yaaddoo nageenyaa baqattootni kaampiiwwan irraa dhufaniitti deebi'uurratti qaban ni hubataa jedhaniiru Elsaabeex.

Baqattootni kun wayita kaampiiwwan Tigraay turan kaampiiwwan keessatti osoo hin hafiin waraanni yeroo gaggeeffamu argineerra jedhu. Kaampiiwwan kana keessaa baqatanii hanga Finfinnee galanittis miidhaawwan sukanneessaan akka isaan mudate himaniiru.

Erga Finfinnee dhufaniillee tajaajila fayyaa dhabuu komataniis, hoogganaan Ejensii baqattootaa fi warra baqaa deebi'anii garuu Eertiraatti deebifamna sodaa jedhuun dhokatanii waan tureef tajaajilicha argachuu dhaban jedhaniiru.

Baqattoota kanneen keessaa ammoo kaampii kamuu galuu kan hin feene jiru.

Baqataan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko biyya biraatti ce'uuf adeemsarra jiraachuu, mana kireeffatee akka galuufi hojiis akka qabu himee, adeemsi isaa kun akka hin gufanne yaaddoo qabaachuu ibseera.

Obbo Tasfaahuun baqattoota akka kanaaf Itoophiyaan hayyama ni kenniti jedhanii, dhaabbileen deeggartootaas baqattoota kana ijaaruurratti waadaa galan kabajaa hin jiran, sana akka kabajan waamicha goona jedhan.

Lola naannoo Tigraayiin walqabatee ji'oota sadii keessatti qofa baqattootni Eertiraa 156 ta'an sababoota garaagaraan to'annoo jala oolanii akka turan Komishiniin Poolisiin Finfinnee ibsee ture.

Jaarmiyaan baqattootaa mootummoota Gamtoomanii magaalaa Finfinnee keessatti baqattoota galmaahaniifi kooluugaltummaa gaafatan gargaartota isaa waliin ta'uun nageenya isaanii mirkaneessuuf akka hojjetu ibseera.

Hayyama baqattootni kaampiin ala magaalaalee keessa jiraatan qaban keessaa tajaajiloota fayyaa murtaahan, barnootaafi tajaajiloota bu'uraa mootummaan uummataaf kennu argachuu akka ta'an aadde Elsaabeex himaniiru.

Baqattoota Eertiraa Tigraay jiran kan ilaallatuun dhaabbatichi baqattootni kun ragaa barbaachisu akka qabaataniifi tajaajila feesisu akka argatan gochuuf hojii adda baasuu hojjechaa jirras jedhaniiru dubbii himtuun dhaabbatichaa damee Itoophiyaa aadde Elsaabeex.