Lola Tigiraay: 'Oduun ‘Eessa buuteen baqqatoota Eertiraa 20,000 dhabame’ jedhu soba' - Mootummaan Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Baqattootni Eertiraa 19,000 ta’an kan kaampiiwwan baqattootaa naannoo Tigraay keessatti argaman lama keessa turan akka hin badne Daayrektarri Olaanaa Ejansii Dhimma Baqattootaafi Namoota Baqaadhaa Deebi’an Obbo Tasfaahun Gobazaay himan.
Torbee tokko dura baqatootni Eertiraa kaampiiwwan baqattootaa Hitsaats fi Shimalibbaa jedhaman keessa turan 20,000 ta’an eessa buuten isaanii akka dhabame jaarmiyaalee idil-addunyaa eeruun miidiyaalen tokko tokko gabaasanii turan.
Haata’u malee, ibsa har’a miidiyaalef kennanin “baqattootni 19,000 hundi Itoophiyaa keessa akka jiran ni beekna. Tarii kan beelaan miidhame, kan dhukkubsate muraasni jiraachuu malu. Haa ta’u malee namni bade hin jiru” jechuun Obbo Tasfaahun dubbatan.
Kaampiiwwan afur baqattoota 92,000…
Itoophiyaa keessa baqatootni Eertiraa 200,000 ta’an akka jiran himama.
Daayrektarri olaanaa Ejansii Dhimma Baqattootaa fi namoota Baqaadhaa Deebi’an Obbo Tasfaahun Gobazaay immoo lolli naannoo Tigraay osoo hin eegalamin dura naannoo Tigraay keessa baqattootni Eertiraa 92,000 ta’an akka turan dubbatan.
Kunneen keessaayis baqattootni 49,000 ta’an kaampiiwwan baqattoottaa naannicha keessa jiran afur keessa jiraachaa kan turan yemmuu ta’u kunneen hafan immoo magaalota naannichaa garaagaraa keessatti akka jiraatan himan.
Kaampiiwwan afran Aaddi Haarush, Maay Ayni, Hitsaats fi Shimalibbaa kan jedhaman yemmuu ta’u wayita rakkoon naannoo Tigraay uummamutti baqattoota kaampiiwwan afran keessa jiranif deeggarsa gochuun akka hin danda’amnefi deeggarsi taasifamuf adda cituu Obbo Tasfaahun dubbatu.
“Hojiin seera kabachiisuu baqattoota irratti kan xiyyeeffate ta’uu baatus sababoota garaagaraan deeggarsi taasifamuf gufateera.
Keessattuu, kaampiiwwan Hitsaats fi Shimalibbaa iddoo opireeshiniin baay’een itti taasifamaa ture waan turanif hojii hojjechuun hin danda’amne. Hojjettootni achi turan yeroo gabaabaa keessatti iddicha dhiisanii bahan.
Qaamoleen deeggarsa taasisanis humna namaa isaanii achii baasan. Sababa kanaan tajaajilli hundi kaampiiwwan afran keessatti ni dhaabbate” jedhan.
Sababa kanaan baqattootni Eertiraa kaampiiwwan kunneen keessa turan rakkoo hamaaf saaxilamanii akka turan dubbatan.
Keessattuu baqattootni Eertiraa 19,200 ta’an kan kaampiiwwan baqattootaa Hitsaats fi Shimalibbaa keessa turan gara iddoowwan garaagaraatti faca’uu isaanii himan.
Hojii baqattoota kunneen gara kaampiitti fiduuf hojjetameenis hanga ammaatti baqattoota 5,000ti siiqan gara kaampiiwwan “nageenyi itti jiru” lamaan Aaddi Haarush fi Maay Aynitti akka galan taasifamuu isaanii daayrektarri olaanaa Ejansii Dhimma Baqattootaa fi namoota Baqaadhaa Deebi’an Obbo Tasfaahun Gobazaay himaniiru.
Baqatootni 3,000 immoo magaala Finfinnee akka jiraniifi kunneen birootis magaalota naannoo Tigraay fi Amaaraa garaagaraa keessa faca’anii akka jiran dubbatan.
Baqattoota kunneen iddoo itti jiranii gara iddoo tajaajila itti argatanitti walitti qabuuf hojjetamaa akka jirus Obbo Tasfaahun himaniiru.
Gama biraatin baqattootni tokko tokko gara Eertiraatti akka deebi’an dhagahuu isaanii kan himan daayrektarri olaanaa kun “dhuguma deemuu isaaniifi lakkoofsi isaanii meeqa akka ta’e kan qulqulleeffannu ta’a,” jedhan
Manneen kaampii baqattoota naannoo Tigiraay keessa jiran 'barbadaa'aniiru'-NRC
Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti lola waraanaa adeemaa jiruun manneen kaampii baqattootaa keessa jiran manca'uu akka balaaleeffatu dhaabbanni qarqaarsaa idil-addunyaa beeksise ture.
Manneen baqattoota tajaajiluuf naannoo Tigiraay keessatti ijaarre suuraa satalaayitiin akka ilaalletti kanneen mancaafaman keessatti argamu jedhe dhaabbanni gargaarsa namoomaa warra Noorway - NRC.
Buufataalee dhaabbata NRC dabalataan manneen barnootaafi kilinikoonni yaalaa kaampii Hitsaats fi Shimelbaa keessaa kanneen gubatan keessatti argamu jedha ibsi dhaabbatichi base.
Kaampii Hitsaats fi Shimelbaa keessa baqattoota Eertiraa 25,000 tahantu jira. Miidhaan sababa manca'uu bu'uuraalee misoomaa kanaan baqattoota irra gahe guutummaan isaa hin beekamu.
UN ammoo baqattootni 3,000 tahan bakka biraa qubsiifamaniiru, gara 20,000 kan tahan ammoo eessa akka jiran hin beekamu jedheera.
Carraan baqattotaa maal taha kan jedhuufi miidhaa buufataalee deeggarsaa irra gahe karaa walaba taheen adda baasuuf dhaabbileen deeggarsaa bakkicha gahuu hin dandeenye.
















