Lola Tigiraay: Bulchiinsi Baayidan looltoonni Ertiraa Tigiraay keessaa atattamaan akka bahan gaafate

Meeshaa waraanaa

Madda suuraa, AFP

US loltoonni Ertiraa naannoo Tigiraay keessaa hundi atattamaan akka bahan cimisitee gaafatti jedhan dubbi himaan Isteet Dippaartment.

Ibsa Isteet Dippaartment addatti BBC'f ergee, "Qaamolee Tigiraay keessa socho'aniin da'oo baqattootaa keessatti saamichi, miidhaan saalarratti hunda'eefi sarbamni mirgoota namoomaafi dararaan biroo jirachuu gabaasaaleen qabatamaan jiru," jedheera.

Ibsi amma lola Tigraay irratti US baafte kunis erga pirezidaantiin haaraa biyyattii Joo Baayidan dhiheenya gara aangootti dhufanii kan jalqabaati.

Haata'u malee, mootummaan Ertiraas ta'ee kan Itoophiyaa humnootiin Ertiraa naannoo Tigraay keessa jiraachuu ni haalu.

Ertiraan bara 1993 irraa kaaftee filannoon osoo hingaggeefamnii biyya oggansa pirezidaant Isaayaas jalatti bulchiinsa paartii tokkichaan bultuudha.

Lolli naannoo Tigraay jalaqaba baatii Sadaasa darbee erga eegalee as namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamanii kanneen gara miliyoona lamaa ta'an bakka jireenyaa isanii irraa buqa'aniiru.

Loltoota Ertiraa hangamii Tigiraay keessa akka jiraaniifi eessa akka jiran ifa ta'uu baatulleen, humnoonni Ertiraa karaa gama daangaa isaaniitiin Tigiraatti lola bananiiru jedha ibsi Isteet Dipaartmentii kun.

''Gabaasaalee qabatamaa saamichi, miidhaan saalarratti hunda'eefi sarbamni mirgoota namoomaa da'oowwan baqattootaa keessaafi dararaan biraa irratti hundaa'uun, US ejjannoo ishee loltoonni Ertiraa atattamaan Tigraay keessaa akka bahan jedhu ifa gootee jirti.''

''Akkasumas looltoonni Ertiraa lammiilee Ertiraa gara Tigraayiitti baqattoota dirqiidhaan deebiisaa jiraachuu ragaa qabatamaatu jira'' jedha ibsichi itti dabaluun.

Baqattooti Ertiraa 100,000 ta'antu haala siyaasaa biyyattii keessa jiru baqachuun dahoowwan afur naannoo Tigraay keessatti argaman keessaa jiraachaa turan.

MM Abiy Ahimad waldhabiddee waggoota 20 oliif biyyoota lamaan jidduu ture furuun pirezidaantii Ertiraa Isaayaas Afawarqii waliin nagaa buusuu isaatti bara 2019tti badhaasa noobeel nagaa badhaafamanii ture.

Akka ibsa Isteet Dippaartment kanaatti, ''lolli ammalleen naannicha keessatti itti fufuun riphe-loltummaan yeroo dheeraaf akka itti fufu gochuun Kaaba Itoophiyaatti balaa nagaa dhabamsiisa, akkasumas guutummaa biyyattiitti ammoo muddama saboota gidduutti cimsuu mala.''

Kun ammoo ''dimokiraasiifi rifoormii Ministira Muummee Abiy Ahimad kan US beekamtii kenniteef qofa balaarra kan buusu miti,'' kan jedhe ibsichi.

''Haallichi kan biyya ollaa kan taatee Somaaliyaan, kan Itoophiyaan humna nagaa eegdoota ishee keessaa baafattettis tasgabbii dhabuu hammeessu danda'udha'' jedhe.

Akkasumas mootummaa ce'umsaa Sudaan kan silaayyu rakkooleen hamoon mudachaa jirus dadhabsiisu mala jedhe ibsii Isteet Dippaartment kun.

Itti-gaafatamni akka jiraatuuf sarbama mirgoota namoomaafi dararama gabaafaman kana ilaalchisee qorannoon walabaafi ifa ta'e jiraachuu barbaachisa jedheera ibsi dubbi himaa Isteet Dippaartment kun.

Yunaayitid Isteet Tigiraayitti namoota gargaarsi barbaachisuuf gargaarsi namoomaa guutuu, naga qabeessaafi dhorkaa malee akka qaqqabuuf ni gaafatti jedha.

Nagaafi tasgabiin mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan duraafi barbaachisoo ta'an jiru kan jedhu ibsichi, mootummaafi Tigiroota gidduutti mariin barbaachisaa ta'uu kaaseera.

Namoota sababa lolaan buqqa'an

Madda suuraa, BYRON SMITH

"Akka gabaasaalee amanamoo nu qaqqabaniitti, gargaarsi namoomaa atattamaan qaqqabuu baannaan namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman beelaan miidhamu danda'u. Kanaafu, carraan gargaarsa namoomaa dhorkaa tokko malee Tigiraayiif dhiyeessuun akka jiraatu irra deebiin ni gaafanna," jedha.

Miidhaan saala irratti hundaa'e naannoo Tigiraay keessatti rawwatame yaaddessaadha kan jedhu ibsi Isteet Dippaartiment BBCf erge kun, US gocha fokkuu akkasii kana ni balaaleffatti jedheera. Mootummaan Itoophiyaas qorannoon walabaafi ifa ta'e gaggeefamee namoonni yakka akkasii raawwatan akka itti gaafataman akka gootuufis gaateera.

Gargaarsa namoomaa Tigiraay keessatti barbaachisu ilaalchisee Yunaayitid Isteet yaaduma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan qabdu yoo ta'u, baqattoota dabalatee miidhaa namoota dhuunfaa irratti xiyyeefatan ni balaaleffatti jedha.

Dhaabbileen gargaarsaas deeggarsa namoomaa warra walitti bu'insa kanaan miidhamaniif bakka jiranitti dhorkaa tokko malee akka dhiyeessaniifis gaafatteetti Ameerikaan.

"Hawaasa addunyaa waliin ta'uudhaan dhiibbaafi ajjeechaa hojjetoota gargaarsa namoomaarratti raawwatame, akkasumas saamicha meeshaa gargaarsaafi mancaatii bu'uraalee misoomaa namoota nagaa ni balaaleffanna," jedha.

Gama biraatiin ammoo, Itoophiyaatti ambaasaaddaroota Ameerikaa kan turan dippiloomaatonni afur, kan dhimmi naannoo Tigraay nu yaachise jedhan MM Abiy Ahimadiif xalayaa barreessaniiru.

Sadaasa 4, 2020 ture erga humnootiin TPLF buufata waraanaa motummaa kan Izzii kaabaa irratti haleellaa raawwataniiru erga jedhameen booda ture lolli naannoo Tigraay kan eegale.

Lola kanaan walqabatees namoonni 55,000 ol daangaa qaxxaamuruun gara Sudaaniitti kan baqatan yoo ta'u, kanneen miliyoona lama ta'an bakka jireenya isanii irraa buqqa'un himameera.

Kana malees, naannichatti namoonni miliyoona 4.5tti siqan gargarsa namoomaa kan barbaadan ta'u dhaabbanni UN gabaaseera.