Waajjirri Tikaa nageenya MM Abiy irratti kanneen oduu sobaa facaasan akeekkachiise

Madda suuraa, Waajira MM
MM Abiy Ahimad erga torbanootaaf ija ummataa duraa dhabamanii booda har'a wiirtuu Hospitaala Qidus Phaawuloosiitti argamuun dowwachusaanii karaa ergaa tiwitaraatiin beeksisaniiru.
Midyaaleen biyya keessaas akka gabaasaniitti, MM Abiy wayita dhaabbata qaama namaa nam-tolcheefi meeshaalee qaama-miidhamtoonni itti fayyadaman omishu daawwatanitti mul'ataniiru.
Suuraaleen wayita MM Abiy hojiilee dhaabbatichaa daawwatan agarsiisu fuula twitarii isaaniirratti qoodameera.
Barreeffama isaanitiinis, ''Har'a wiirtuu qaama nam-tolchee miseensoota raayyaa yeroo tarkaanfii seera kabachiisuutti miidhamaniifi namoota kaaniif hojjatu doowwadheera.
Wanti tol- ooltoonniifi hojjattoonni kaan miseensoota raayyaa tarkaanfii seera kabachiisuurratti miidhamaniifi kaaniif hojjataa jiran kun kan dinqiisifamuudha,'' jedhan.
MM Abiy erga waa'ee nageenya isaanii ilaalchisee marsaalee hawaasaarratti oduun adda addaa odeeffamuu eegalee as miidiyaarratti yoo mul'atan kun kan duraati.
Haata'u malee, dhiheenya kana keessa marsaalee hawaasaa isaaniirratti barreeffamoota gara garaa maxxansaa turan.
Yeroo baay'ee miidiyaarraa fagaatanii kan hin beekne MM Abiy, torbanoota muraasaaf miidiyaarraa dhabamuun isaanii namoota baay'ee biratti dhimma ijoo dubbii ta'ee ture.
Akeekkachiisa Waajjirri Tajaajila Tikaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa
Torban kana Waajjirri Tajaajila Tikaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa nageenya MM Abiy Ahimad ilaalchisee rogeeyyiifi fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa odeeffannoo sobaa tamsaasuun hawaasa burjaajessan gocha isaaniirraa akka of qusatan akeekkachisee ture.
"Qaamoolee odeeffannoo sobaafi jatte jettee miidiyaa hawaasaarratti tamsaasuun kanneen dantaafi walabummaa biyyattii miidhan, akkasumas kanneen nageenyaafi tasgabbii ummataa balaarra buusuuf sochocha'anirratti ragaa qindeessuun seeraan akka gaafataman goona,'' jedha ibsi waajjirichi baase.
Haaluma walfakkaatuun, waajjirri MM Itoophiyaa nageenya MM Abiy ilaalchisee odeeffannoon miidiyaa hawaasaatiin qoodame soba jechuun isaa ni yaadatama.
''Namoonni hundinuu oduun nageenya MM Abiy Ahimad ilaalchisee miidiyaalee hawaasaarratti hafarfamu soba ta'uu akka hubatu feena'' jedha ibsi gabaabaan fuula feesbukii Waajjira MM irratti bahee ture sun.


Maaliif gaaffii uume?
Yeroo baay'ee miidiyaarraa fagatanii kan hin beekne MM Abiy Ahimad, torbanoota muraasaaf miidiyaarraa dhabamun isaanii hanga Kamisa mul'atanitti namoota baay'ee biratti dhimma ijoo dubbii ta'e.
MM Abiy yeroo dhumaaf uummatatti kan mul'atan yoomi kan jedhurratti marsaalee hawaasaa gubbaa yaada gara garaatu ka'aa ture.
Hanga har'a Hospitaala Qiddus Phaawuloositti argamanitti MM Abiy yeroo dhumaaf miidiyaarratti viidiyoon kan mul'ataniifi haasaa taasisan Mudde 22, 2021 naannoo Beenishaangul Gumuzitti wayita jiraattota waliin mari'atan ture.
Guyyaadhuma sana walgahii ministirootaa Waajjira isaaniitti gaggeeffamerratti argamanii akka turanis gabaasaaleen ni mul'isu.
Amajjii 12 bara 2021 ammoo miidiyaaleeniifi rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa mootummaatti dhiyeenya qaban, MM Abiy naannoo Uummattoota Kibbaatti imaluun pirojaktii Kooyishaa daawwatan oduu jedhu hojjetan.
Yeroo kanatti miidiyaarraa dhabamuun MM Abiy haasa'amuu eegalee waan tureef, rogeeyyiin mootummaa deeggaran MM hojiirra jira jechuun suuraalee kanneen wal harkaa fuudhuun qooduu eegalan.
Haata'u malee, MM Abiy erga daawwannaa Beenishaangul Gumuziin booda viidiyoodhaan mul'achuu baatanillee marsaalee hawaasaarratti ergaa gaggabaabaa babarreessuun maxxansaa turan.
Ayyaan bara haaraa faranjootaa, Ayyaana Qilleefi Ayyaana Cuuphaaf ergaawwan baga geessanii barreeffamaan dabarsaniiru.
Kibxata har'aas waa'ee walitti hufeenya daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee jidduutti taasifamee fi nageenya bu'ee kaasuudhaan hojii hooggantoonni naannoolee lamaanii hojjataniif galateeffachuun fuula tiwitar dhuunfaa isaaniirratti barreessaniiru.
Namooti hedduun garuu ergaaleen kunneen MM Abiy mataa isaaniin barreeffamuu isaaniirraa shakkaa turan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Daawwannaa aanga'aa UK
Namootni mootummaatti dhiyeenya qaban MM Abiy Ahimad nagaa ta'uufi hojiirra jiraachuu irra deddeebiin marsaalee hawaasaarratti barreessanillee, 'gaaffiin MM Abiy garam kutan?' jedhu garuu jabaachaadhuma dhufe.
Kana jidduutti ture Sudaan daawwannaarra kan turan ministirri haajaa alaa UK Doominiik Raab Amajjii 22 bara 2021 gara Itoophiyaa dowwannaaf kan dhufan.
Aanga'aan kunis, MM Itti-Aanaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonniniin simatamuufi waliin mari'achuun TV biyyaaleessaatiin gabaafame.
Aab Doominiik, MM Abiy waliinillee wal arganii mari'achuu 'twitter' isaanii gubbaatti barreessan.
MM Abiy Ahimad waliin wal agarree waa'ee Covid, waa'ee nageenya naannichaa, dhimma jijjiirama haala qilleensaa, waa'ee deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiifi dhimmoota kaanillee mari'anneerra jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Kuni namoota nageenyi MM Abiy isaan yaaddesseef oduu dansaa ta'ullee, wayita wal-arganii mari'atan mul'achuu dhabuufi oduun kunis 'twitter' aanga'aa UK kana qofarratti mul'achuun shakkii uu
Dabalataan tibbana aanga'ootaafi ambaasaaddaroota biyyoota gara garaa simachuun kan dubbisan MM itti-aanaa Obbo Dammaqaa Makonnin ta'uun gaaffii uumuu hin oolle.















