Lola Tigraay: Dippiloomaatonni Ameerikaa 'waa'een Tigraay nu yaaddesse' jedhan

Dippiloomaatonni Ameerikaa dhimma Tigraay irratti yaaddoo cimaa qaban ibsachaa jiru.
Itoophiyaatti ambaasaaddara Ameerikaa kan ta'anii fi bara hojii isaanii kan fixatan Maayik Reeynar, akkasumas ambaasaaddaroonni duraanii afur dhimma naannoo Tigraay irratti tibbana dubbataniiru.
Ambaasaaddar Maayik Reeynar kaleessa Kibxata imbasii isaaniitti gaazexeessitoota simatanii haasofsiisanii jiru.
Lola naannoo Tigraay hordofee gabaasaaleen dirqiin gudeeduu fi sarbama mirgoota namoomaa kaan, qaama walaba ta'een akka qoratamu bara hojii isaani kan xumuran ambaasaaddar Maayik waamicha dhiyeessanii jiru.
Namoonni deeggarsi namoomaa isaan barbaachisu deeggarsa gahaa argachaa waan hin jirreef, mootummaanis ta'e dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa ariitiin deeggarsa akka godhan ambaasaaddarichi gaafataniiru.
Gama biraan Itoophiyaatti ambaasaaddaroota Ameerikaa kan turan dippiloomaatonni afur, dhimmuma kanarratti xalayaa banaa MM Abiy Ahimadiif barreessaniin yaaddoo qaban ibsataniiru.
Xalayaa gaazexaa Rippoortariif ergan kanaan ambaasaaddarootni duraanii afran, haalli wayita ammaa naannoo Tigraay keessa jiru daran akka isaan yaaddessaa jiru himan.
Lola naannoo Tigraay keessaa xiyyeeffannaan hordofaa jiraachuu kan himan ambaasaaddarootni kunneen, lola kanaan kan buqqa'an namoonni miliyoonaan lakkaa'aman deeggarsa namoomaa kan eeggatan ta'uun yaaddessaadha jedhu.
Lola naannoo Tigraay hordofee lammileen 60,000 ta'an gara Sudaan kan baqatan yoo ta'u, achuma naannoo Tigraay keessatti namoonni miliyoona 2.2 ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru. Miliyoona 4.5 kan ta'an ammoo deeggarsa namoomaa fedhu akka ragaan UN agarsiisutti.
Mootummaan Itoophiyaa lammileen deeggarsa fedhan miliyoona 2.5 ta'uufi isaaniifis deeggarsa nyaataa fi meeshaalee nyaataan alaa dhiyeessaa akka jiru irra deddeebiin ibsaa ture.
Dippiloomaatonni afran xalayaa barreessan Deevid Shiin, Ureeliyaa Biraazeelaa, Shiikii Haadilistan fi Patriishiyaa Haslaach bara 1996 hanga 2016 Itoophiyaatti ambaasaaddaroota Ameerikaa turan.
Xalayaa isaanii keessatti Itoophiyaa keessatti haleellaan saba bu'uura godhatee raawwatamu hammaachuu fi haasofni jibbiinsaa babal'achuun akka isaan yaaddesses himan.
Kuni duudhaalee Itoophiyaa kan akka wal danda'u nuti amma dura beeknuun addadha jedhan.

Ministiroonni ibsa kennan...
Gama biraan ministiroonni Itoophiyaa guyyaa kaleessaa bakka buutota Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii simatanii haasofsiisaa turan.
Ministirri Nagaa Aadde Mufariyaat Kaamil deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay keessatti taasifamaa jiru ilaalchisee Itoophiyaatti bakka buutuu UN Dr Kaatriin Sooziniif ibsa kennanii jiru.
Dr Kaatiriin tattaaffii mootummaa dinqisifatanii, gabaasaalee naannoo Tigraay irraa dhagaahaman dhaabbati isaanii qulqulleeffachuuf akka socho'u dubbachuu ministeerri nagaa beeksiseera.
Haaluma wal fakkaatuun ministirri maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahimad Shidee ammoo Itoophiyaatti bakka bu'aa Gamtaa Awurooppaa simatanii haasofsiisaniiru.
Marii kanarratti Obbo Ahimad Shidee sochii Tigraay deebisani ijaaruuf taasifamuu fi deeggarsa namoomaa godhamaa jiru irratti ibsa gochuu ministeerri isaanii fuula feesbuukii isaarratti himeera.
Haalli naannoo Tigraay keessa jiru fooyya'aa akka jiruu fi kunis deeggarsa namoomaa cimsuuf akka gargaaru Obbo Ahimad Shidee dubbachuus ministeerichi beeksiseera.
Raayyaan Ittisa biyyaa humnoota naannoo Tigraay irratti waraana kan bane Sadaasa jalqabarra yoo ta'u, buufatni raayyaa ittisaa Tigraay jiru haleelamuu hordofeeti.
Mootummaan Itoophiyaa lola kana tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fi "garee yakkamaa" seeratti dhiyeessuuti jedha.
Lola torbanoota muraasaan booda erga magaalaan guddoo naannichaa humnoota federaalaa harkatti kufteen booda hogganooti TPLF gariin yoo to'ataman gariin ammoo ajjeefamaniiru.
Haa ta'u malee hogganoonni olaanoon dhaabichaa to'annoo jala hin oolfamne ammallee jiru.
UN dabalatee dhaabbileen gargaarsaa garagaraa naannicha keessa darbee darbee lolli akka jiru, sababa kanaanis deeggarsa namoomaa iddoo hundaan dhaqqabsiisuu akka rakkatan himaa turan.

















