Lola Tigraay Itoophiyaa Beela, hanqina qorichaa fi rakkoolee kaan buqqaatonni lola Tigraay himatan

Tigiraayitti namoota sababii waraanaatiin buqqa'an

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY

Ibsa waa'ee suuraa, Tigiraayitti namoota sababii waraanaatiin buqqa'an

Namootni sababa lola Tigraayiin qe'ee isaaniirraa buqqa'an mana barnootaa magaala Maqalee keessa qubatan rakkoo hamaa keessa akka jiran BBC'tti himan.

''Ijoollee koofi abbaa warraa koo qabadheen abbaa koo maanguddoo ganna 80 bakkeetti dhiiseen dhufe. Waanin argellee dubbachuuf humna hin qabu,'' jetti isaan keessaa tokko Farayi Basaagina.

Namootni kunneen lola Tigraay Sadaasa 3 mootummaa Federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti eegaleen kan qe'eerraa buqqa'an.

Meeshaalee waraanaa jajjabaatu dhukaafamaa ture, dubarattoonni ulfi karaatti da’an, kaan isaanii karaarraa kaasaa kaan isaanimmoo bira darbaa magaalaa Maqalee geenye’’ jette Farayi sagalee addan ciccituun, daa’oo qubannaa yeroo Maqalerraa.

Farayi waranaa baqachuun Shireerraa gara Maqaalee dhufte.

Haala buqqatoonni kun keessa jiran wayita himtu imimmaan kan ishee hudhu Farayi, ''as keessa hawwan da’anii ciisan kanneen waan nyaatamu hin qabnetu jira, waanti hundi rakkoodha’’jetti.

Hanqina soorataatti dabalataan, dubartootni waan qulqullina isaanii itti eeggatan hin argatan jette.

Jiraattonni magaalaa Maqalee waan isaan ittiin qulqullina isaanii eeggatan hanga tokko arjoomaniruuf garuu, hundasaaniif kan gahu miti.

''Shamarran uffatta jijjiraataniifi waan qulqullina isaanii ittin eeeggatan dhabuurra kan ka’e kanneen manaa gara alaatti hin bane jiru.

Nuti uffataa fi kophee hin qabnu, waan nutti hanqatu hedduutu jira'' jette.

''Qabeenya koo hundan dhabe"

Kun seenaa Farayi qofaa otoo hin taane, jiraattotni naannichaa sababii lolaatiin buqqa’an hedduun dararaa himatu.

Shiraaroorraa buqqa’uun mana barnootaa magaalaa Maqalee keessa kan qubatan Obbo Tasfaayi yeroo lammaffaaf buqqa’uu himatan.

Waggaa lama dura Gondariirra buqqa'an. Sana booda magaalaa Baaddimeetti maallaqa walitti qabataniin dhaabbata warqii qulquleessu birrii 500,000 banatan.

Magaalaa Shiraarootti garaajii banachuun hojjataa akka turan dubbatu.

Amma garuu sababii walitti bu’iinsa uumameen qabeenyasaanii dhabaniiru. Qabeenyi isaanii saamamuu dubbatu.

''Qabeenya koo hundan dhabe, fal’aanallee otoo hin hambisiin na saaman, Ani abbaa ijoollee sadiiti. Ijoolleen koo maal taanetu waan qabnu dhabne? jedhanii yoo na gaafatan maalin deebisaaf.

Seenaa maaliin itti hima? Kana yeroon yaadu natti ulfaataa jedhu.

''Asitti ganamaan ka’anii daabboo ykn buddeenni dhufeeraa? jedhee nama gaafachuun ni ulfaataa’’ jedhan.

Namoota gara Sudaaniti baqatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen gara Sudaanitti baqatanii achi jiram

Walitti bu’iinsa magaalaa Shiraarootti qaqqabeen namoota qabeenyasaanii dhabanii mana barnoota magaalaa Maqalee keessa qubatan kan biraa aadde Ayaawwaaxxashim, rakkina keessa jiraachusaanii BBC'tti bilbilaan himan.

Guyyaa tokko tokkoo otoo soraata hin nyaatiin bulla, gaaf kaanimmoo ni nyaanna, firaashi nama tokkoof kennamerra walitti maxxannee bulla.

''Asitti jireenya hamtuu keessa jirra'' jetti.

Aadde Ayaawwaaxxaashim ''gara dhufnetti deebi’uuf loltoonni waan jiraniif yaaddoo qabna'' jedhu.

''Deeggarsa ji’a tokkoofi jedhamee nu keennameen alatti, uummatatu nu gargaaraa jira’’ jedhu.

Manneen barnoota keessa namoonni qubatan jireenya isaanii duraanitti deebi’uuf sodaa guddaa akka qaban himan.

Rakkooleen namoomaa uummata nagaa Tigraayirra gahu gurra hawaasa idil-addunyaa erga gahee bubbuleera.

Dhiyeenya kana ministirri haajaa alaa Gamtaa Awurooppaa Joosef Boriyaal ibsa baasaniin ''eenyummaa bu’uura godhachuun haleellaan raawwatamu, ajjechaan, saamichi, gudeeddii fi baqattoota dirqiin gara biyyasaaniitti deebisuun yakka waraanaa ta’uu kan danda’an itti fufiinsaan odeeffannoon nu qaqqabaa jira'' jedhan.

Gamtaan Awurooppaa irra deddeebiin mootummaan dhaabbilee gargaarsaaf karra akka banu gaafataa ture, kun guutummaatti hanga hin ta'initti deeggarsa bajataa Itoophiyaaf kennu adda kuteera.

Dhabbileen deeggarsaa hedduun namoonni beelaan miidhamuu malu jechuun yoo akeekkachiisan, mootummaan garuu deeggarsa barbaachisaa kennaa akka jiru hima.

'Dhukubsattoota beela’an'

Naannichatti haalli jiru hammaata ta’uu fi namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman beelaan du’aaf saaxilamuu akka danda'an qondaalli mootummaa yeroo naannichaa dhaabbilee gargaarsaa wajjin walgahii ta’aameerratti dubbachuu barreeffamni miliqe bahe agarsiisu.

Dabalataan, nageenyii namoota qe’eesaaniirraa buqqa’anii yaaddessaa ta’uu fi rakkoo namoomaa hordofsiisuu akka danda’u Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Buqqaatoota manneen barnoota keessa qubatan dhaabbata deeggaru kan hogganan kessaa tokko Obbo Muluu Hayilasillaaseedha.

Obbo Muluun buqqatootaaf tajaajila yaalaa kennuuf tattaaffiin jiraatullle, hanqina qorichaatu jira jedhan.

Jiraattotni hanqina yaala fayyaatiin du’aaf saaxilamaa akka jiran, nyaataa fi bishaan dhugaatii dhabuun miidhama cima keessa akka jiran Rooyitars dhaabbilee gargaaarsa naannicha daawwatan wabeeffachuun gabaasera.

Jirattootni naasuu keessa jiraachu gabaasichi kan agarsiisu.

Magaalaa Maqaleen alaatti tajaajilli yaalaa akka hin jirree fi sababii nimooniya fi da’umsaan walqabatuun namoonni du’aa jiraachuu Rooyitars dhaabbata MSF tti hoogganaa sagantaa balaa hatattamaa Kaarmaan Vinoleesin wabeeffachuun gabaasera.

Baadiyyaa naannoo Addigiraati fi Aksuum miseensonni dhaabbata gargaarsaa daawwatan, hakiimonni ''dhuukubsattoota beela’an'' lubbuun tursiisuuf dhama’aa akka turan arguu fi, ''ambulaansoonni hospitaala magaalichaa hatamaniiru'' jechuusaanii Rooyitars gabaaseera.

Iddoowwan daawwatanitti haqinni soorataa, bishaanii fi rakkoon tajaajila akkasuma namoota sodaa keessa jiran arguufi hundisaanii soorata barbaadna’’jechuusaanii Karmaan himeera.

UNICEF ibsa Wixata darbe baasen, kilinikoota Shireetti namoota hedduu kan ajjeesu hanqinni soorata mudate haala hamaan jiraaachuu ibseera.

Walitti bu’iinsa sana duras namoonni hedduun hanqina soorataan rakkachaa akka turanii fi amma immoo walitti bu’iinsa booda, hanqinni soorataa ittu haammaachuufi lola baqatanii namoota gaarreen keessa dhokatan deeggarsa qaqqabsiisuun akka hin danda’amne ibsan.

Hogganaan bulchiinsa yeroo Tigraay Dr Muluu Naggaa baadiyyaa naannoo garreen itti heddummataniitti deeggarsa geejjiburratti hanqinni jiraatulle, deeggarsa kennuun eegalameera jechuun Rooyitarsitti himan.

Naannichatti deeggarsa nyaataa fi meeshaalee dhiyyeesii qorichaa dabalatee, deeggarsa namoomaa namoota miliyoona1.8’f kennamuu Ministeerrii Nagaa ibseera.

Ministeerichi namoota deeggarsa akka barbaadan ibsameen alatti, namoota miliyoona 2.5 gargaaru akka danda’uutti qophaa’u beeksiseera.

Baqattoota Eertiraa

Lammilee Itoophiyaa qe'eerraa buqqa'aniin alatti baqattoonni Eertiraa kumaatamaan lakka’aman kaampiiwwan baqattootaa keessa jiraatan haalli keessa jiran yaaddessa ta’uusaa UNHCR beeksiseera.

Koomishnichatti bakka bu’aan Itoophiyaa Kiriis Meelizar BBC'tti akka himanitti, ejensichi naannoo dawoo baqattootatti tajaajila kennaa akka jiru beeksise.

Dursi kan kennamuuf nyaataa fi bishaan dhugaatii qulqulluu kennuu dha jedhan.

‘’Ji’oota lamaan darban bishaan lagaa dhugaatiif, nyaata ittiin bilcheessuuf itti fayyadamaa waan turaniif garaa kaasaan hammaatera’’ jedhan.

Lixa Tigiraay, kaampii Maayi Ayiniina ade Arushaa keessa baqattootni Eertiraa 25,000 kan turan yoo ta’u, sababii lola kanaatiin lakkofsi isaanii hir’ateera jedhan.

Lola kana baqachuun namoonni hedduun baqachuusanii ibsaniiru.

Dawoo baqannaa kanarraas ta’e, manneen barnootaarra miidhaan qaqqabe akka hin jirre kan eeran Kiriis, ogeeyyiin fayyaa fi barsiistoonni garuu bakka sana akka hin jirree himan.

Dawoo baqattootaa afur keessaa lamaan UNHCR akka daawwatuuf eeyyamameef keessatti lolli cimaan gaggeffame hin jiru.

Karaa daangaa Eertiraa, naannoo Kaabaa Tigiraayitti kan argaman kaampiiwwan lama UNHCR daawwachuuf Itoophiyaa gaafate otoo hin milkaa’in hafeera.

Lola kana dura cunqursaa siyaasaa Eertiraa keessa jiru sodaachuun baqattoonni dawoo baqannaa afur naannoo Tigiraay keessa jiran kuma dhibba tokkotti dhiyaatu ture.

Naannoo Tigiraayitti lolli A.L.I Onkoloolessa bara 2013 kan eegalame TPLF ajaja waraana Kaaba Itoophiyaarratti haleellaa raawwachuun ibsamuun booda ture.