Lola Tigraay: Tigraayitti namoota miiliyoona 1.8'f gargaarsa gochuu mootummaan hime

Namoota gara Sudaaniti baqatan

Madda suuraa, Reuters

Naannoo Tigraay keessatti deeggarsa namoomaa akka nyaataa, nyaataan ala kan jiraniifi dhiyeessii meeshaalee yaala fayyaa namoota miiliyoona 1.8 ta'aniif dhiyeessuu Ministeerri Nagaa Itoophiyaa beeksise.

Deeggarsa namoomaa naannichatti godhamu ilaalchisee ministeerichi ibsa baaseen, lakkoofsa eerame kanatti dabalataan namoota miiliyoona 2.5 ta'aniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf qophiin godhamuu ibseera.

Deeggarsi namoomaa mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti dhiyeessaa jiru buufataalee Aksuum, Addigiraat, Allaamaaxaa, naannawaa Maqalee, Shireefi magaalaa Maqaleerrraa raabsamaa akka jirullee ibseera.

Deeggarsa namoomaa dhiyeessaa jiru kanaanis dubartootni, daa'imman, jaarroleefi qaama miidhamtootni dursa akka argatan eereera.

Gidduugalli oppireeshinii deeggarsa yeroo balaa kan dhaabbilee mootummaa federaalaafi biiroolee, ejensiiwwan gargaarsaa UN fi dhaabbilee gargaarsaa miti mootummaa idila addunyaa of keessaa qabu magaalaa Maqaleetti ijaaramee akka jirullee ministeerichi ibsa isaa keessatti tuqeera.

Dhiyeessa deeggarsaa amma jiruun dabalataan fedhii deeggarsa argachuuf jiru adda baasuuf, bulchiinsa sadarkaan jirutti hojiin hojjetamaa akka jirus ibseera.

Duula dhiyeessii deeggarsa namoomaa kana raayyaan ittisa biyyaa nageenyummaa isaa mirkaneessuun tumsaa jiras jedha ibsi mootummaa kun.

Mootummaan ibsa isaa keessatti dhaabbileen gargaarsaa idila addunyaa deeggarsa gochaa akka jiran eereera.

Gama kaaniin dhaabbileen gargaarsa namoomaa idila addunyaa naannoo Tigraay keessatti namoota deeggarsa barbaadaniif ariifachiisaan deeggarsi hin dhiyaatu taanaan, lubbuun namoota kumoota dhibba hedduu balaarra jira jechuun akeekkachiisu.

Dhaabbatni mootummoota Gamtoomaniifi gidduugalli qajeelcha yeroo muddamaa naannoo Tigraay, naannicha keessatti namootni miiliyoona 4.5 ta'an deeggarsi nyaaataa atattamaan isaan barbaachisa jedhu.

Hooggansi yeroo gidduugaleessa Tigraay tokko walgahii dhiyeenya gudduugala qajeelcha yeroo muddammaa naannichaarratti gaggeefame irratti ''haalli naannicha jiru akkaan hammaataadha'' jechuun ibsuun isaanii dhagahameera.

Dhaabbatni Mirga Namoomaa Itoophiyaas lola naannicha keessatti gaggeefame hordofee, namootni qe'eerraa buqqa'uufi yaaddoon nageenyaa dhalate goolama namoomaa hordofsiisuu akka danda'u ibsee ture.

Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani'eel Baqqalaa miidhamtootni rakkoo kanaa, deeggarsa gahaa ykn guutummaatti deeggarsa akka hin arganne ibsanii, ''namoota nagaarra miidhaan qaqqabe qaama dhimmichi ilaallatuun hundarraa deeggarsa ariifataa barbaada,'' jedhaniiru.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii hanga ammaatti deeggarsa muraasa dhiyeessuun danda'amus, naannicha keessa socho'uun ammallee danqamuun rakkoo ta'uu ibsaa jira.

Sadaasa 3 buufata waraanaa raayyaa ittisaa Kaaba biyyattii jiru irratti haleellaa humnoonni TPLF banan hordofee lola dhalateen, jiraattotni naannichaa 58,000 ol ta'an Sudaanitti baqataniiru.

Humnoonni mootummaa naannoo Tigraay erga to'atanii booda aanga'ootni waraanaa fi dhaaba TPLF lola kana keessaa qooda qabu jedhaman gariin ajjeefamanii kaan ammoo to'annoo jala oolfamaa jiru.

Kanneen ajjeefaman keessaa Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Siyyuum Masfin fi obbo Abbaay Tsahaayyee ni argamu.