Lola Tigraay: Deeggarsi namoomaa danqaa hin qabne guutummaa Tigraay gahuu qaba jedhe EU'n

Madda suuraa, AFP
Hoogganaan Imaammaata Haajaa Alaa Gamtaa Awrooppaa aanga'oota olaanoo mootummaa Itoophiyaa waliin erga mariyatanii booda ibsa kana baasuun beekameera.
Dhaabbileen gargaarsaa torbanoota darban naannolee murtaahan akka qaqqaban ta'us guutuu naannichaa bakka humnoonni TPLF loltoota mootummaa waliin lolaa jiran hin qaqqabne.
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii haala naannoo Tigraay keessa jiru saamichiifi hanqinni nyaataa kan dabaalame ta'uu ibsuun hamamataadha ittiin jedheera.
Hoogganaan Immaammata Alaa Gamtaa Awrooppaa Joseef Boorel deeggarsi namoomaa hin daangeffamne naannoo Tigraay akka qaqqabu hayyamamuu qaba jedhan.
Aanga'aan kun haasaa isaaniin kun mootummaa Itoophiyaaf gaaffii dhiyaatu osoo hin taane dirqama seerri idila addunyaa irraa eegudhaa jedhan.
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii gama isaan Kaampiiwwan baqattootni Eertiraa keessa qubatanii deeggaramaa turan lama dhaqee ilaaluu akka hin dandeenye ibseera.
Kaampiiwwan lameen kun Hitsaatsiifi Shimeelbaa kana jedhaman ta'uu dhabbatichi ibseera.
Suuraan Saatalaayitiirraa argame akka agriisetti waajira Sagantaa Nyaataa Addunyaa dabalatee kaampiiwwan kun manca'aniiru.
Guyyoota muraasa dura Kantiibaa haaraan magaala Maqalee loltootni Eertiraa lola kana keessatti kallattiin hirmaachuu jiraattota waliin marii yoo gaggeessan dubbachuun gabaafamee ture.
Ergasiis hoogganaan Humna waraanaa Itoophiyaa Janaraal Balaay Siyyuum 'affeerraa mootummaan ala' loltootni Eertiraa lola Tigraay keessatti hirmaachuu dubbataniiru.
Loltootni Eertiraa kunniin saamicha gaggeessuufi sarbama adda addaa raawwataniiru jedhamuunis himatamu.
Naannicha keessa guutummaan guutuutti socho'uurratti dhorkaa kaahuun mootummaan MM Abiy haalli lola kanaa gariin akka dhokatu yaalaa jiru jedhu kaaseera.
Lola naannoo Tigraay Sadaasa 3 dhalate hordofee jiraattotni naannichaa 56,000 ol tana biyyaa ollaa Sudaanitti baqataniiru.
Ejensiiwwan gargaarsaa UN akka jedhanitti ammoo baqattoota Eertiraa 100,000 ta'an kan Kaampiiwwan Tigraay keessa jiran dabalatee namootni miiliyoona 2.3 ta'an jechuunis walakkaa uummata Tigraay kan ta'an deeggarsa nyaataa barbaadu.













