Lola Tigraay: Dhaabbileen gargaarsaa lama hojjetootni isaanii Tigraay keessatti ajjeefamuu ibsan

Madda suuraa, DRC
Dhaabbileen idila addunyaa lama kan kenna deeggarsa namoomaarratti hojjetan lolli naannoo Tigraay erga eegalee naannicha keessatti hojjettootni isaanii ajjeefamuu ibsan.
Daanish Reefuujii Kaawunsil(Danish Refugee Council) fi Internaashinaal Reeskiwu Komitee(International Rescue Committe) kan jedhaman sababa lola adeemaa tureen hojjettootni isaanii Tigraay keessatti ajjeefamuu ibsaniiru.
Daanish Reefuujii Kaawunsil ji'a darbe kana keessa hojjettoonni isaa sadii Tigraay keessatti ajjeefamuu yoo ibsu, Internaashinaal Reeskiwu Komitee (RDC)n ammoo magaala Shiree buufata baqattootaa Haatseetse jedhamu keessa kan hojjetu hojjetaan isaa tokko ajjeefamuu gabaasaniiru.
Waraanni motummaa federaalaa lola Sadaasa 4 eegameen humnootii TPLF naannoo Tigraayitti argaman irratti tarkaanfii fudhataa jira.
Motummaan Itoophiyaa Tigraay to'annoo jala oochuufi lolli xumuramu ibsuunsaa ni yadatama.
Haa ta'u malee anga'oonni TPLF ammoo ammalleen addawwan hedduun lolli gaggeefamaa jira jedhu.
Sababii lola kanaatinis tarii namoonni dhibbaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, kanneen kuma 50 ta'an ammoo qee'esaaniirraa buqqa'uun biyya ollaa Sudaaniitti baqataniiru.
Waa'ee ajjeechaa kanaa maal beekna?
Waa'ee ajjeechaa kanarratti ammalleen waan hedduun ifaa miti. Odeeffennoowwan argaman mataasaa mirkanneefachuuf ammalleen maloonni komunikeeshinii naannichatti akkuma adda citaniitti jiru.
Daanish Reefuujii Kaawunsil (DRC)n hojjetootni isaa ajjeefaman namoota piroojektii naannichaa qabu keessaa tokko kan ta'eetti waardiyyuummaan hojjataa turan akka ta'e dabalee ibseera.
Ajjeechaa mudatenis ''baayyee gaddineera'' jedhe dhaabbatichi.
Dhaabbati kun ''yaaddoon nageenyaa fi tajaajilli waan hin hojjenneef maatii hojjettoota kanneenii dubbisuu akka hin dandeenye'' jedheera.
Internaashinaal Reeskiwu Komitee(IRC) gama isaan hojjetaan isaa naannichatti kan ajjeefame Sadaasa 19 osoo waraanni motummaa magaalattii hin to'atiin guyyoota lamaan dura akka ta'e himeera.
IRC'n akkaataa ajjeechaa hojjetaa isaa kanaa odeeffannoo dabalataa argachuufi qorachuuf tajaajilli bilbilaa adda citee jiraachuun isa rakkisuu ibseera.
Amma dura maddii oduu Rooyitarsi maddeen dippiloomaatiifi dhaabbilee gargaarsaa waabeffatee namoonni afur dhaabbilee gargaarsaa biyya alaan qacaramanii hojjetan naannoo daangaa Itoophiyaa fi Eertiraatti ajjeefamuu gabaasee ture.
Rooyitarsi gabaasa isaa keessatti namoonni kun qaamolee lolatti turan keessaa isa kamiin akka ajjeefaman wanti jedhe hin jiru.
Dhaabbileen lameenis gabaasa reefu baasan keessatti hojjattoonni isaanii qaama kanniin akka ajjeefaman wanti jedhan hin jiru.
Mootummaan kanarratti waan jedhe qabaa?
Torbee tokko dura gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan irratti dhimma kanarratti odeeffannoo mootummaan Itoophiyaa qabu kan gaafataman Ministirri Ijaarsa Dimookrasii Obbo Zaadiig Abrahaa ''amma dhimma kanarratti wantiin beeku hin jiru, gabaasichi qulqullaa'aa kan jiru yoo ta'u, tajaajila bilbilaa deebisaa, daandiis sirreessaa jirra'' jedhanii ture.

Madda suuraa, Reuters
Dubbii himaan labsii yeroo muddammaa naannoo Tigraayfi Deetaan Ministiraa Ministeera Haajaa Alaa Amb. Reediwaan Huseen gama isaanitiin, ibsa Kibxata darbe gaazexessitootaaf kennanniin, hojjettoonni gargaarsaa irratti dhukkaafamuu kaan ammoo to'atamusaanii himanii ture.
Kunis sababii bakka imaluu hinqabneetti imalaniif, kanaafu qajeelafma motummaa dhagahu qabaatu jedhan.
Kana yoo ibsanis ''Hojjattooni deeggarsaa buufata sakatta'iinsaa lama humnaan cabsanii erga darbanii booda kan sadaffaa ce'uuf osoo jiranu itti dhukaafamee akka dhaabbatan taasifaman. Boodas to'annaa jala oolfamanii amma gadhiifamaniiru'' jedhan Amb Reediwaan.
Naannicha waan haaraa maaltu jira?
Waraanni Biyyattii magaalaa guddoo naannichaa Maqalee harka TPLF baasuun kan to'atee Sadaasa 28 ture.
Garuu ammalleen naannichatti bakkeewwan garaa garaatti lolli gaggeefamaa jiraachutu gabaafamaa jira.
Motummaan Itoophiyaa guyyaa Jimaata har'aa lolli gargaarsi jiraattoota qaqabuu akka hindhorkine himeera.
Eejjansiiwwan gargaarsaa garuu ullaan cufamuu, harkafachuu fi ukkarri hojjattota isanii deeggarsa naannichatti akka hin dhiyeessine dhorkuu himu.
Deebii komii kanaaf waajira ministira mummee Abiy Ahimadiin har'a kennameen: '' Yaadni gargaarsi namoommaa sababii lola ... naannoo Tigraay keessa gaggeefamaa jiruutiin gufateera jira jedhu dhara,'' jedheera.
Itti dabaluunis ibsiwwan kunneenis yaaliiwwan naannicha tasgabbeessuuf taasifamu irratti dhiibbaa qaba jedheera.
Lolichi kan maaliitii?
Lolli Naannoo Tigraay wayita MM Abiy tarkaanfiin waraanaa humnoota TPLF Tigraay keessaa irratti akka fudhatamuuf ajajan Sadaasa 4 irratti eegale.
Ministirri Mummees tarkaanfiichi kan fudhatamu deebii haleellaa buufata waraana biyyatti Naannoo Tigraayi kan Izzii Kaabaa irratti raawwatameetiif jedhanii ture.















