Lola Tigraay Itoophiyaa: Mootummaan hojii dhiyeessii deeggarsaa guutummaan akka hogganu beeksise

Reediwaan Huseeniifi Obboo Mitiku Kaasaa

Madda suuraa, Ethiopia State of Emergency Fact Check Twitter pag

Hojiiwwan dhiyeessii deeggarsa namoomaa Motummoota Gamtooman waliin irratti waliigalame gutummaatti motummaan kan ogganamu ta'u xiyyeeffannaa keessa kan galfame ta'un ibsame.

Ambaasaadar Reediwaan Huseen Dubbii Himaa Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Tigiraay fi Obbo Mitikkuu Kaasaa, Hogganaan Komishinii To'annoo Balaa Tasaa Biyyaaleessaa Itoophiyaa waliin ta'un ibsa Kibxata kaleessaa haala Naannoo Tigraayi ilaalchisuun kennaniin ture kana kan himan.

Haala ammatti naannicha keessa jiruun ilaalchisuunis midiyaaleen gaaffiin kan dhiyaateef yoo ta'u, qondaaltoonni kunneenis akka asiin gaddiitti deebii kennaniiru.

Sababa lola kanaan lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsi ga'aa jiraa? Dhaabbileen UN deeggarsa kennuurratti gufuun isaan mudachuu himu, kanarratti mootummaan akkamiin tumsa?

Gargaarsa namoomaan walqabatee, gargaarsi nyaataa fi meeshaalee wal'aansa fayyaa ergamuu eegaleera. Torbee darbe magaalota xixiqqoo keessatti gargaarsi jalqabamee ture. Torbee kanammoo magaalota gurguddoo keessatti eegalleerra.

Asirratti akka ifa ta'u kan barbaannu, wayita sochii kana eegallu oppireeshinicha guutummaatti mootummaa Itoophiyaan akka to'atamuudha. Itoophiyaan mootummaa mataashee qabdi, mootummaan ammoo nageenya lammiisaa mirkaneesuuf dirqama qaba.

Deeggarsi yoo humna mootummaa ol ta'e qofa barbaadama. Mootummaan qaama kamirraayyuu deeggarsa hin fedhu. Wayita mootummaan deeggarsa namoomaaf haala mijeessuu eegalu dhaabbileen idila addunyaa kanneen akka UN seenanii deeggaruu danda'u. Kunis qindeessummaa mootummaatiin ta'a.

Naannoo deggersi barbaachisutti rakkoon nageenyaa jiraachuu wayita adda baasnus, dhaabbileen kunneenis kana hubachuu qabu.

Hojjettoonni UN kanneen ukkaamfamanii fudhataman akkasumas kanneen rasaasi itti dhukaafamee qabamani jiru. Bakka deemuun irra hin jirre waan deemaniif kun isaan mudate.

Qaamni deggersan kenna jedhu kamiyyuu qajeeltoo mootummaan baasuun deemuu qaba. Qaamoleen raayyaa ittisa biyyaan lolaa turan ammallee harca'anii riphanii lolaa jiru.

Hooggansa qindaa'aa dhabanis, Bosonaa fi hawaasa keessa bakka dhokatanii dhukaasa banaa jiru, kanaafuu miidhaa geessisuu malu. Waan kana ta'eef qaamni idila addunyaa gargaarsa namoomaa kennu kamiyyuu raayyaa ittisa biyyaan dabaalamee socho'uutu irra jiraata.

Walumaagalattis, yeroo ammaa kana deeggarsa nyaataan alaa namoota 250,000 qaqqabu naannichatti ergineerra. Deeggarsi kun buufataale ijoo gahanii jiru. Deeggarsa kan raabsuufi qindeessuuf garee saddeet ta'u naannichatti ergineerra.

Naannicha keessatti lola dhalate sababeeffachuun yeroo ammaa namootni deeggarssa namoomaa barbaadan miiliyoona 1.8 ta'uullee jiru.

Kanneen 110,000 kan ta'an kan biyyuma keessatti buqqa'an (internally displaced), 600,000 ammoo deeggarsa bayyanachisaa kan fedhaniifi miiliyoona 1.1 kan ta'an kan deeggarsa seftineetii kan fudhataniidha.

Dabalataanis, kanneen deeggarsa yeroo balaa barbaadan dhufuu malu. Kana adda baasuufis sakkatta'iinsa atattamaa gochuuf jirra.

Akkasumas harka qalleeyyiin magaalota keessa jiran kanneen %20-30 ta'an hanga gabaan magaalotaa tasgabbaa'uutti deeggarsa namoomaa fedhuu malu.

Rakkoon amma naannicha keessa jiru guyyoota 15 dhufan keessatti ni furama jedhanii, akka amananiifi dhiyeessi deeggarsa namoomaa amma eegalame kun bara 2021 keessas kan itti fufu ta'ullee ibsan.

Qorattoonni walaba ta'an akkasumas miidiyaaleen seenanii waan qabatamaa jiru akka gabaasan yoom hayyamtu?

Qorattoota walabaaf kan eeyyamnu yoo ofii keenyaa qorachuu dadhabne qofadha. Mootummaan Itoophiyaa sakatta'iinsa gaggeessuu yoo dadhabe, gaafa sana warri kaan akka nu tumsan affeerra.

Itoophiyaan mootummaa hojiirra jiru hin qabdu jedhanii yaaduudhaan, waan mootummaan kana gochuu hin dandeenyeef deemne raawwanna jedhanii yaaduun ammoo mootummaa kana xiqqeessuudha.

Itoophiyaan mootummaa jabaa, biyya bulchuuf ga'umsa qabuun bulaa jirti. Gama kanaan deggersa qaama kamiiyyuu hin feetu. Kanaafuu, qaami kamiyyuu hanga nuti affeerrutti eeguu qaba. Waa'ee keenyarratti qaamni nurra nuuf dhimmamu hin jiru.

Miidiyaaleen akka seenanii gabaasan iyyamuudhaan walqabatee, kan hanga ammaa dhowwineef nageenyi amanisiisaan waan hinjirreefi. Ammaaf gaazexeessitoonni magaalota akka Qobboo fi Gondar akkasumas naannolee magaalota kunneenii deemanii akka hojjetan haala mijeessaa jirra.

Itti aansuun ammoo wayita mootummaan yeroofii bakka qabatu haala mijeessaa deemna. Kanarraa kan hafe iddoo nageenyi amansiisaan hin jirretti yoo gaazexeessitoonni akka seenanii hojjetan iyyamane rakkoo biraadha.

Namni sirriin irraa odeeffannoo argatanis hin jiru. Ajajoota waraanaa qofa kan jiran, isaanirraa odeeffannoo argamurrammoo qaama bulchiinsaa sirrii eeganii irraa odeeffachuu wayya. Kanumaaf miidiyaa dhowwine malee sababi biraan hin jiru.

Oppireeshiniin mootummaan gaggeessaa turuu himu amma xumurameera moo maalirra jira?

Ammaan tana oppireeshinii isa xumuraa irra jirra. Amma xiyyeeffannaan shakkamtoota seeratti dhiyeessuu, mootummaa yeroo dhaabuu, sochiileen diinagdee fi hawwasummaa itti fufuu mirkaneessuu, tajaajila hawaasummaa kanneen akka manneen barnootaa, fayyaa itti fufsiisuudha.

Magaalotaa fi aanaalee naannichaa hedduu keessatti bulchiinsi yeroo hundaa'eera. Magaalota gurguddoo akka Maqalee, Aksuum fi Adigiraat qofatu nu hafu. Isaan keessattis yeroo gabaabaa keessatti mootummaan yeroofii lafa qabata.

Isaan booda mariin gadi bu'ee hawaasa waliin ni eegalama. Dhimmi ijoon biraan misoomawwan manca'an deebisanii ijaaruudha.

Misoomawwan bu'uuraa kanneen akka telekoomii fi ibsaa addaan cituu qofa osoo hin taane bakka hedduutti waan barbadaa'aniif isaan deebisnee hojjechuun hojii ijoodha. Kana sirreessuuf gareen addaa gara Maqalee, Aksuum fi Addigiraat ergameera.

Daandiiwwanii fi riqichoonni barbadaa'an yeroo itti aanan keessatti ni ijaaramu, hojiin kun ammoo ji'ootallee fudhachuu mala.

Mootummaan aanga'oonnii fi miseensonni TPLF harka kennachuu irra deddeebiin hima, garuu hanga ammaatti eenyufaadha kan harka kennatan? Kaanoo akkamiin to'atamu?

Waa'ee harka kennannaa namoota adamsamaa jiraniin walqabatee baayyeensaanii harka kennataa jiru.

Afa-yaa'ii duraanii mana maree federeeshinii Aadde Keeriyaa Ibraahim fi Bulchaa Ittaanaa duraanii naannoo Tigraay Ambaasaaddar Addisaalam Baaleemaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama.

Isaan kunneen poolisiidhaan to'atamanii yaadasaanii kennaa jiru. Yeroo muraasaan booda yaada isaanii hawaasi bal'aan ni dhagaha.

Barbaachisa warra kaaniis itti fufeera. Loltoonni keenya eessa akkasaan jiran adda baasaniiru. Kanaafuu yeroo gabaabaa keessatti harka kennachuu danda'u jennee amanna.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa