Lola Tigraay: 'Hospitaalli Ayider kan Maqaleetti argamu sadarkaa yaaddessaa irratti argama' -ICRC

Ambulaansii

Madda suuraa, ICRC

''Haalli hospitaala Ayider kan magaalaa Maqalee keessatti argamuu nama yaaddessa'' jedhan Dubbii Himtuun Koree Dhaabbata Fannoo Diimaa Idil-adunyaa (ICRC) Bahaa fi Gaanfa Afrikaa Kiristaal Weelsi.

Erga lolli motummaan federaalaa seera kabachiisuuf jedheen waraanaa motummaa federaalaatiin naannoo Tigiraay keessatti gaggeesseen as hospitaalli Ayider hanqina meeshaalee wallaansaa mudachuutu himame.

Keessattuu yeroo hiyoon as dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee wal'aansaa fixaa deemuu isaan haala yaaddessaa keessa akka jiru namoonni BBC'n dubbisee fi dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan himaa jiru.

Maddeen BBC akka jedhanitti erga Waldaan Fannoo Diimaa ''hospitaalicha rakkoon dhiyeessii mudateera'' jedheen as tajaajilli isaa akka malee gadi bu'aa jira jedhan.

Amma hospitaalichi sadarkaa tajaajila ariifachiisaallee kennuu hin dandeenye irra gaheera, jedhan namni BBC'n dubbiseefi nageenya saaniif jecha maqaansaanii hineeramni kun.

''Tajaajilli ibsaa, oksijinii fi qorichaa hin jirus'' jedhe.

Haa ta'u malee ammalleen magaalichatti tajaajilliwwan komunikeshiin waan hindeebiineef qaama walabaa irraa mirkaneeffachuun rakkisaadha.

Dubbii Himtuun Koree Dhaabbata Fannoo Diimaa Idil-adunyaa (ICRC) Bahaa fi Gaanfa Afrikaa Kiristaal Weelsi ''Haalli hospitaala Ayider kan magaalaa Maqalee keessatti argamuu nama yaaddessaa.

''Tajaajila lubbuu oolchuuf kennan baay'ee isaa kanneen akka tajaajila baqaqsanii yaaluu fi kunuunsa addaa wal'aanamtootaaf kennamu [ICU] dhaabaa jiru. Torban darbe keessa qorichi, meeshaaleen wal'aansaa fi boba'aan dhumaa ture'' jechuun BBCtti hima.

Mootummaafi UN naannoo Tigiraayitti deeggarsa namoomaa dhiyeessuf waliigaltee irra gahunsaanii ibsanii ture.

Dabalataan dhaabbanni Fannoo Diimaa Itoophiyaa hospitaala Ayider dabalatee kanneen naannoo Tigiraay keessa jiraaniif deeggarsa qorichaafi meeshaalee wal'aansaa biroo akka taasisu himunsaa ni yaadatama.

Haa tahu malee deeggarsi argataa jiran gahaa waan hin taaneef hanqinni isaan mudachaa jiraachuu ibse ture.

Kiristaal Weelsi rakkoo hanqina dhiyeessii hospitaala guddicha Ayider mudate furuuf mootummaa waliin akka dubbatan himu.

''Meeshaalee tajaajila wal'aansaa magaalaa Finfinneetii qabnu gara Maqaleetti dafnee erguuf qondaalota mootummaa waliin dubbannee turre. Amma dafneeti dhaqqabsiisna abdii jedhu qabna,'' jedhan.

Mootummaan maal jedhe?

Ambaasaadar Reediwaan Huseen Dubbii Himaa Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Tigiraay fi Obbo Mitiku Kaasaa, Hogganaan Komishinii To'annoo Balaa Tasaa Biyyaaleessaa Itoophiyaa waliin ta'un ibsa Kibxata har'aa midiyaaf kenneen, gargaarsa namoomaan walqabatee, gargaarsi nyaataa fi meeshaalee wal'aansa fayyaa ergamuu eegaleera.

Torbee darbe magaalota xixiqqoo keessatti gargaarsi jalqabamee ture. Torbee kanammoo magaalota gurguddoo keessatti eegalleerra jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatunis ibsa Waajjiiirri Ministira Mummee Abiy Wiixata kaleessaa Muddee 07, 2020 baaseen, hojiin amma mootummaan itti jiru humnootii TPLF kanneen miliqan seeratti dhiheessuu, seeraa fi tasgabbii mirkaneessuu, akkasumas lammiileen buqqa'anii fi naannicha keessa jiran gargaarsa namoomaa akka argatan gochuudha jedheera.

Dabalataan, tajaajilli telekomii fi daandii 'garee yakkamaan' diigame jedhe sirreessuun tajaajilatti deebisuu akka ta'e ibse.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Ka'umsi lola kanaa maali?

Lolli naannoo Tigraayiitti gaggeeffamu kunis, guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.

Ministirri Muummee Abiy kana kan raawwatan waan haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaa humnootii TPLFn haleelameef deebii kennuuf akka ta'e ibsan.

Lola kana duras garuu yeroo dheeraaf mootummaa federaalaa fi paartii Tigraay bulchu TPLF gidduu waldhibdeen ture.

Hanga Abiy bara 2018tti gara aangootti dhufaniitti, TPLF gara waggoota 30'tti dhihaataniif aangoo biyyattii guddaa qabe ture.

MM Abiy erga aangootti erga dhufaniin booda rifoormiiwwan gaggeessan, qondaaltoonni TPLF fudhachuu didduun walqabatee rakkoon siyaasaa motummaa federaalaafi naannoo Tigraayi jidduutti umamee itti jabaachaa adeeme.

Waluma jalaanis sadarkaa amma irratti argamu kanatti ce'amuun sadarkaa itti dhiyeesittiin meeshaalee wallaansaa fi deegarsi namoomaa biroon gara naannichaa geessuufamu danqaan mudachu danda'eera.

Kana malees loluma gaggeeffamuun wal qabatee namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 50,000 tahan ammoo gara Sudaanitti baqataniiru.