Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Himannaa sabaan fo'amuu waldhibdee Itoophiyaa hammeessa jedhame sodaatamu

Madda suuraa, Reuters
Dhalattoonni Tigraay tokko tokko erga naannoo Tigraayitti lolli torban sadii dura eegale as, logiifi dhamaatiif saaxilamuu yookiin hidhamuu isaanii BBC'tti himan.
Lolli Tigraay keessaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad 'garee yakkamaa' paartii naannicha bulchu, TPLF, keessa jiru waliini jedhanis gabaasni Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaa dhufu garuu lola kanaan dhalattoonni Tigree dhamaatif saaxilaman himu.
Dhalattoonni Tigraay ummata Itoophiyaa miiliyoona 110 keessaa %6 dha. Kanneen keessaa hedduun isaanii naannoo isaaniin ala jiraatu.
Mootummaan lolli kuni dhalattoota naannichaarratti hin xiyyeeffanne, tarkaanfiin namootarratti fudhatamu sababa nageenyaafi jechuun himannaa ka'u balaaleeffata.
Kanneen caasaa nageenyaa keessaa jiran muraasa BBC'tti akka himanitti, meeshaan irraa fuudhamee mana akka turan ajajameera.
'Meeshaakee deebisi'
Kanneen meeshaan akka irraa fuudhame dubbatan keessaa tokko qondaala poolisii ta'un waggoota 20'f hojjetanidha. Dubartiin kuni yeroo tokko garee jalqaba yoo hundaa'u garee milishaa ta'e TPLF keessa turan.
Akka isheen jettutti lolli eegalee guyyoota lama booda, hogganaa isheerraa itti bilbilamee guyyaa itti aanu waajjiratti gabaasa akka gootu itti himame.
Yeroo deebitu ''qabeenya mootummaa hundaafi meeshaa waraanaa'' akka deebistu ajajamuu himti. Dabalataan, qondaaltonni olaanoo dhalootaan Tigree ta'aniifillee ajajni walfakkaataa kennamuu dubbatti.

Qondaaltonni poolisii himannaa sababa sanyii isaaniin meeshaan irraa fuudhamuu dubbatan irratti wanta dubbate hin qabu.
Dhimmicharratti waliigalaan kan dubbatan gorsaan olaanaa Ministira Muummee, Maammoo Mihiratu, ''tarkaanfii seeraa sanyiifi eenyummaarratti xiyyeeffachuun fudhatamu wanta of eeggannoon cimaan ilaalamuu, fudhatama kan hin qabneefi balaaleeffannudha,'' jechuun BBC'tti dubbatan.
Haa ta'u malee, ''eejansiiwwan nageenyaaf odeeffannoo qabatamaafi miidhaa geessisuu maluurratti hundaa'uun akka tarkaanfii fudhatan qajeelfamni ifa ta'ee darbeera,'' jedhan.
Kunis, caasaa TPLF keessa jara jiraniifi ''finxaaleessitoota ta'an'' jechuun ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Erga bara 2018 ministirri muummee aangootti dhufani as eenyummaafi mirga gareewwan garaa garaa naannowwan biyyattii 10 saba bu'uura godhachuun ijaaraman keessa jiran kabajaa tokkummaa biyyaa cimsuuf carraaqaa turan.
Lola kana waliin walqabatee wanti mudate ejjennoo sana itti fufsiisuun cimaa akka ta'e saaxileera.
BBC'n miseensa poolisii federaalaa waggaa 14'f hojjeteefi inniifi kaan waan Tigree ta'an qofaaf adda baafamuu himata. Kanas, ''rifaasisaadha'' jechuun ibsa.
Akka inni jedhutti miseensota inni waliin hojjeteen, kutaa mana kuusaa keessa miseensota waraanaa 90 waliin hidhamee turuu dubbata. Bilbila nu harkaa fudhatanii ''akka booji'amaa waraanaatti nu ilaalani,'' jechuun himata.
Loltuun maqaan isaa akka dhokatu barbaadu kuni ''dhalattoota Tigraay qofatu meeshaan irraa fudhatamee hidhame. Kanaaf, saba keenyarra kan bu'uureffatedha,'' jechuun hima.
Kanneen hidhaman namoota isaan nu hidhan jedhaniin maaliif akka hidhaman wayita gaafatan, ''TPLF buufata keenya (Kaaba biyyattii jiru) irratti haleellaa raawwate. Isin hidhuun ajaja gubbaa dhufedha, nuun jedhan,'' jechuun BBC'tti hime.


'Loqodakoo of eeggataan ture'
Akka inni jedhutti, kanneen bakka tokkotti to'ataman jedhu keessaa qondaaltota TPLF kanneen bulchiinsa Mangistuu Haayilamaariyaam kaasuu keessatti qooda qaban keessa jiru.
Bara 1991, booda TPLF biyya Itoophiyaa keessatti humna siyaasaa olaantummaan to'ate ta'aniiru. Haa ta'u malee, erga MM Abiy bara 2018 aangootti dhufani as dhiibamuu dubbatu.
Kanneen bakka tokkotti qabaman jedhu keessaa qondaaltota waraanaa olaanoo, kan humna Gamtaa Afrikaa ta'uun Somaaliyaa keessa turan akka jiranillee loltuun kun hima.
''Takkaa namoonni boqonnaa malee raayyaa biyyaafi biyya isaanii gargaaran haala kanaan ilaalamu jedhee yaadee hin beeku.''
Boodarra bakka tursiifaman irraa akka nama nagaa yookiin waraana keessa hin jirretti of tolchuun, biyya ollaatti baqachuu isaa hima. Achis BBC'tti dubbate.
Yeroo daangaa ce'us loqoda dhalataa Tigree qabu akka irratti hin baramne of eeggatuu dubbata. Waa'ee lubbuu hiriyyoota isaa kanneen kutaa kuusaa keessa hidhaman akka sodaatullee ibse.


Maddeen biraa BBC'tti akka himanitti, miseensonni raayyaa duraanis ta'e ammaa yookiin hidhamaniiru yookiin manni isaanii sakatta'ameera, muraasni manaa akka hin baane ta'eera.
Waa'ee dhimma kanaa yoo gaafataman Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Birhaanu Juulaa ''dhimmi kuni dhimma siyaasaati'' jechuun akka dhimmichi isan hin ilaallanne ibsan.
Himannaan sanyummaa ka'u kanneen waraana yookiin poolisii keessa jiran qofaa miti.
'Meeshaa bituun himatamuu'
Dhalattuun Tigraay miseensa waraanaa hin taaneefi maqaan ishee akka dhahamu hin feene namoonni hidhatan, miseensota humna nageenyaa fakkaatan, torban darbe mana ishee dhufuun erga sakatta'anii, herreega baankii fi abbaa ishee konkolaachisaa ta'un jiraatu fudhatanii deeman jetti.
Guyyoota lamaaf erga tursiifamee booda ''gara Tigraayitti birrii miiliyoona jaha fudhatee deemee yoo gara Finfinnee deebi'u, meeshaa waraanaa fidanii dhufuun,'' himatame jette.
Kana kan mormitu dubartiin kun, sababa hojii isaatiin turistoota qabachuun biyyattii guutuu akka imalu himti. Himannaan suni amma akka adda citu ta'eera.
Dhimmichi dhaabbilee mootummaa kanneen akka Daandii Qilleensa Itoophiyaa dhaqqabe himannaan jedhu jira.
Hojjettoonni dhalattoota Tigraay ta'an boqonnaa dirqamaan akka fudhatan ta'uu, yookiin hanga fuulduratti ibsamutti manaa akka hojjetan ta'u maddeen BBC'tti himaniiru.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa himannaa dhihaatef deebii akka kennu gaafatamus hin deebisne.
Dhaabbati UN Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) dhihoo akka jedhetti, qondaalli poolisii damee dhaabbatichaa Naannoo Amaaraa jirutti dhihaachuun bakka dhalootaafi odeeffannoowwan biroo hojjettootaa gaafateera.
Ergasii dhaabbatichi odeeffannoon gaafatame akka hin argamneefi poolisii naannichaa waliin akka mirkaneeffatetti nama dhuunfaatu ofumaan kaka'e gaafate malee adeemsa mootummaan kana dura hordofu miti.
Mootummaan federaalaa gabaasawwan sabaan loogiin raawwatu dhihaatan ''wanta raawwate bakka hin bu'u,'' jedheera.
Qondaalli poolisii odeeffannoo ''caasaan TPLF dhaabbilee biyya keessaafi alaa keessa socho'u isaaniirratti'' odeeffannoo barbaacha wanta raawwatedha jedheera mootummaan federaalaa.
Dabaluunis, qondaalli poolisii maqaa namoota tarreeffaman qabachuun waajjira WFP imaluun kanneen maqaan isaanii tarreeffaman jiraachuu isaanii baruuf ture jedhe.
Oppireeshiniin mootummaan taasisu wanta naannoo Tigraayitti ta'u qofa osoo hin taane, wanti kuni qondaaltonni federaalaa kanneen TPLF'tti hidhata qabaniin akka yaadda'an agarsiisa.
Namoonni BBC'tti dubbatan garuu wanta dalaganiin osoo hin taane, sababa sabummaa isaaniin akka qoodaman himu.
Tokkummaaf rakkoo
Waldhibdeen yoo yeroo gabaabaatti furmaata argate muddamni sanyii bu'uura godhate dhabamuu mala. Haa ta'u malee, yoo dheerate jireenyi dhalattoota Tigraay naannichaan ala jiranii jabaachuu mala sodaan jedhu jira.
Tokkummaa biyyaalessaa fiduuf TPLF akka danqaa ta'e ilaaluun alatti, dhiibbaan lola adeemaa jiru mul'ata Ministira Mummee Abiy biyyattii walitti fiduuf qabaniif haala rakkisaa itti fiduu mala.
''Wanti amma mootummaan hojjetaa jiru yoo jiraate, hawaasa waan walitti fiduurratti xiyyeeffatu ijaaruudha,'' jedhan gorsaan MM Abiy, Obbo Maammoon.
Lolli Tigraay keessaa galma sanaaf danqaa ta'u mala.














