Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Abbaan Alangee namoota 167 irratti ajaja hidhaa baasuu isaa beeksise

Asxaa Abbaa Alangee Federaalaa

Madda suuraa, AG Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan Alangee Federaalaa shakkamtoota 167 irratti ajaja hidhaa baasuu ibseera

Waldhibdee Naannoo Tigraayitti uumameen walqabatee Abbaan Alangee Federaalaa namoota 167 irratti ajaja hidhaa baasuu isaa ifa godhe.

Kuni kan ibsame guyyaa Wiixataa Abbaan Alangee Federaalaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr) fi Dubbii Himaa Labsii Yeroo Muddamaa Tigraayiifi Ministir Di’eetaa Ministeera Dhimma Alaa Reediwaan Huseen ibsa waloo kennaniini.

Abbaan Alangee ibsa kennameerratti humnoota TPLF’n wantoonni raawwataman seera biyyattiin yakka guddaan kan gaafachiisanidha jedhaniiru.

Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatan jedhan ''humna ofirraa ittisuu mootummaa dadhabsuuf raawwatame'' yakka jedhuun kan gaafachiisu ta’uu akeekaniiru.

Haleellaan rokeetii magaalota Baahirdaariifi Gondar irratti raawwates yakka shororokeessummaan kan gaafachisuudha, jedhan Abbaan Alangee federaalaa.

Dabalataan, sirna heera biyyattii diiguun, hidhatanii fincila kaasuun, akkasumas yakkoonni biyya ganuu raawwachuu isaanii abbaan alangee dubbataniiru.

Kana hordofees Abbaan Alangee shakkamtoota hedduurratti ajaja hidhaa baasuu isaa beeksiseera.

Hanga yoonaa poolisii federaalaafi abbaa alangeetin adda kan baafaman shakkamtoota 167 irratti ajajni hidhaa bahu himaniiru.

Kanneen keessaa to’annoo jala kan oolan akka jiran abbaan alangee dabalanii ibsaniiru.

Kanaan alas shakkamtoonni biyya alaa jiran biyya jiranirraa dabarfamanii akka kennaman mootummaan gaafachuu isaa ibsuun, hojimaatni akkanaa yeroo fudhachuun waan baramedha jechuunis ibsan.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Namootaan alattis qabeenyi kaampaaniiwwan TPLF waliin hidhata qabu jedhaman 38 akka hin sochoone dhorkaan irra kaa’amuu yaadachiisaniiru Abbaan Alangee Federaalaa.

Kaampaaniiwwan kunneen namoota hedduu qacaranii kan jiraachisan ta’u hubachuun sochii guyyuu dhaabbilee kana itti fufsisuuf manni murtii federaalaa kaampaniiwwan kan bulchuuf bulchiinsa imaanaa akka muudu beeksisaniiru.

Dhorkaan kaa’ame kaampaaniiwwan qabeenyaafi qarshii akka hin dabarsine yookiin TPLF’f deeggarsa akka hin taasisne ta’u hubachiisan.

Shakkamtoota Finfinneetti to’annoo jala oolan

Abbaa Alangee Federaalaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr)

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaa Alangee Federaalaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr)

Abbaan Alangee TPLF magaalaa Finfinneefi bakkeewwan biyyattii birootti haleellaa shorokessuummaa akka raawwatu danda’u jiraattotarraa eeruun nu gaheera jechuun dubbataniiru.

Kana hordofees qorannoo taasifameen magaalaa Finfinneetti shakkamtoota 343 to’atamuufi kanneen keessaas 160 kan ta’an wabiin gadhiifamuu isaanii ibsaniiru.

Poolisiin eeruu isa gahu hordofee sakatta’iinsa taasifamuurratti komiin isaan dhaqqabaa akka jiru kan himan Abbaan Alangee, ''komii dhihaatan of eeggannoo guddaan hordofna, adeemsi komii itti fudhatamu poolisii Finfinneefi Poolisii Federaalaatti qophaa’aa jiru,’’ jedhan.

Toorri bilbilaa yaada itti fudhataniifi deeskonni qopha’aniiru. Kunneenis dhaabbilee mataa isaaniitin ifa taasifamu jechuun ibsan.

'Qorannoon sarbama mirgaa ni taasifama'

Gareewwan mirga namoomaa akka Aminastii Intarnaashinaal akkasumas kaan Kaaba Itoophiyaatti sarbamni mirga namoomaa raawwachuu gabaasuu isaanii hordofee, mootummaan qorattootaafi abbootii alangee gara Kaaba Itoophiyaatti erguu Abbaan Alangee dabalanii ibsaniiru.

Qorannoon kuni of eeggannoo guddaan akka raawwatu ibsuun, qorannoon gaafa xumurame bu’aan qorannoo ummataaf ifa taasifama jedhan.

Maqaleen fageenya 50km – 60km 'marfamteetti'

Ambaasaaddar Reediwaan Huseen

Madda suuraa, PMO

Ibsa kaleessaarratti Ambaasaaddar Reediwaan Huseen gama isaaniin, magaalota gurguddoo dabalatee lafni Naannoo Tigraay gara caalu Raayyaa Ittisa Biyyaa jala akka jiru himaniiru.

Aksuum, Adwaa fi Addigraatimmoo dhihoo TPLF harkaa kan ‘bilisa bahanidha’ kan jedhan Ambaasaaddar Reeduwaan, magaalaa guddoo naannichaa kan taate Maqalee to’achuuf raayyaa Ittisaan fageenya 50km-60km marfamteetti jedhan.

Ambaasaaddar Reeduwaan dabaluun akka dubbatanitti, humnoonni TPLF bakkeewwan gadhiisanii bahuu yeroo dirqaman bu’uuraalee misoomaarratti miidhaa geessisaa baqatani jedhan.

Akka fakkeenyaattis, buufata xiyyaaraa Aksum irratti miidhaan akka gahu taasifamuu, akkasumas yoo xiqqaate riqichoonni jaha diigamuufi daandiiwwan qotamuu isaanii himan.

Ambaasaaddar Reduwaan ''jiraattonni Maqalee dhugaa kana hubachuun, namaafi qabeenyarratti miidhaan akka hin dhaqqabne hoggantoota TPLF dabarsanii kennuu qabu,'' jedhan.

Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa fi pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafosaa jila akka ergan yaadachiisuun, MM Abiyyis jila kana kan dubbisan Gamtaa Afrikaafi hoggantoota Afrikaaf kabaja jirurraa kan maddedha jedhan.

Ta’us, ‘’humnoota TPLF waliin garuu akka qaama seera qabutti lakkaa’anii mariin waliin taasifamu hin jiraatu,'' jedhaniiru.

Mootummaa federaalaafi dhaaba Naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduu waldhibeefi himannaan yeroo dheeraaf ture, xumura waggaa darbe naannichi ajaja mootummaa federaalaa malee filannoo gaggeessinaan hammaate.

Buufata waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraay jiruurratti haleellaa raawwate ibsuun, MM Abiy Ahimad tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajuu isaanii hordofee, humnoota federaalaafi TPLF'f amanamoo ta'an gidduu erga lolli eegale torban sadiif deema.

Oppireeshinii torban muraasa darbaniif taasifameen, humnoonni nageenyaa federaalaa magaalota gara garaa to’achuun isaanii kan ibsame yoo ta’u, Maqaleetti qajeelaa akka jiranis ibsameera.

MM Abiy Ahimad raayyaan gara Maqalee qajeeluu dura miidhaa gaha jedhame hambisuuf, humnoonni naannoo Tigraayiifi qondaaltonni TPLF harka akka kennan Roobii boru kan xumuramu sa’aatii 72 kennuun isaanii ni yaadama.

Haa ta’u malee, bulchaan naannichaa waamicha MM Abiy akka hin fudhanneefi lola akka itti fufan gabaafameera.