Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: 'Duulli seera kabachiisuu Tigraay kan dheerateef lammiilee nagaaf dursa kennuu keenyaafi'

Madda suuraa, ENA
Hidhattoota naannoo Tigraayii fi Mootummaa Federaalaa gidduuti lolli waraanaa deemaa jiru torbee sadiitti dhihaateera.
Dhimma mootummaan federaalaa olaantummaa seeraa mirkaneessuudha jedhu kanaan, dhimmi gaaffii jaarsummaa, lammiilee qe'eerraa buqqa'anii fi hidhaa eenyummaa giddugaleessa godhate jedhan gaaffilee ijoo ka'aa jirani.
Gaazexeessituun BBC Kaatriin Baayiruhanga turtii gorsaa olaanaa ministira muummee Abiyyi Ahimad kan tahan Obbo Maammoo Mihiratuu waliin taasifteen, gaaffilee hedduu gaafatteetti.
BBC- Oduu tibbana tureen haa jalqabnu, pirezedaantiin Afrikaa Kibbaa fi dura taa'aan gamtaa Afrikaa Siriil Raamaafoosaa mootummaa Federaalaa fi Tigraayi gidduutti jaarsummaa akka taa'aniif gaggeessitoota duraanii Afrikaa sadii erguu isaanii beeksisanii turan.
Dura taa'ichi jaarsoliin kunneen Finfinnee kan dhufan jaarsummaadhaafi jedhanis, gama Itoophiyaatin garuu jaarsummaan akka hin jirre ibsameera. Garaagarummaan kuni akkamitti dhufe?
Obbo Maammoo- Jalqabarratti obboloonni keenya Afrikaanonni waan Itoophiyaa keessatti ta'e kana yaadda'uun isaanii waan addaa miti. Yaaddoo isaanii nihubanna. Kanas akkuma hojii dipilomaasii idileetti hubanna.
Haa ta'u malee kabaja Gamtaa Afrikaa fi dura taa'aa gamtichaatiif qabnuuf carraa kana fayyadamnee jila kanaaf waan qabatamaa Itoophiyaa keessatti uumame nihubachiisna. Garuu ministirri muummee jaarsummaa kana hin fudhatan.
Akkuma ifatti ibsamemmoo waltajjiin kuni waltajjii ministira muummee wajjin tokko tokkoon taa'amuudha.
BBC- Jilli Jaarsummaaf dhufe kuni akka garee lamaan araarsuuf dhufaniitti naanoo Tigraayis deemanii hoggantoota isaanii wajjin mari'achuu barbaadu taha, jilli kuni gara Tigraay akka deemu heyyamameeraa?
Obbo Maammoo- Dhufaatii Jila kanaa sirritti hubachuu barbaachisa. Waggoota lamaan darban mootummaan Itoophiyaa gaggeesitoota TPLF wajjin mari'achuuf yaalii guddaa gochaa ture.
Mariiwwan Carraa Itoophiyaa murteessan hedduu gochuufis yaalamee ture. Ministirri muummee Abiyyi Ahimad naannoo Tigraayi wajjin lolatti seenuu akka hin barbaanne irra deddeebiin himaa turaniiru.


BBC- Asitti isinin dhaaba, jilli dhufe kuni itti gaafatamummaa garee lamaanuu haasofsiisuu qabu. Garuu balalliin gara naannoo Tigraayi dhaabbateera. Kanaafuu gareen kuni gara naannoo Tigraayi deemee gartuu lola irra jiru tokko argachuu ni dandahaa?
Obbo Maammoo- Bulchiinsa seera-maleessa Naannoo Tigraayi waliin rakkoon jiru kan garaagarummaa siyaasaa miti. Kuni duula seera kabachiisuuti. Tasgabbii dhabuu biyyattii keessatti mul'achaa jiru keessatti gahee guddaa qaama taphachaa jiru dhimma to'annaa jala oolchuuti.
Yakkamtoota waliin jaarsummaa hin qabnu. Kaayyoon keenya seeratti dhiheessudha. Jaarsummaa wanti jedhamu hin jiru. Ejjennoon mootummaan irra deddeebiin ibsu isa kana.
Akka ilaalcha kiyyaatti obbolaan keenya Afrikaanonni TPLF akka harka kennatu dhiibbaa osoo godhanii irra bu'aa qaba jedheen yaada. Ittigaafatamuus qabu. Yakkamtootaaf kan barbaachisu jaarsummaa osoo hin taane gara seeraatti fiduudha.
BBC- Jilli kuni gara Tigraayi deemuun hin heyyamamneef taanaan gaggeesitoota TPLF wajjin mari'achuus hin dandeenye taanaan waan isin amma jettan kana akkamitti raawwachuu danda'u?
Gaaffii kiyya durattiittin sin deebisa jilli kuni ministira muummee Abiyyi Ahimad erga haasofsiisanii booda gara naannoo Tigraayi akka deeman ni heeyyamamaafii?
Obbo Maammoo- Naannoo Tigraayitti yeroo ammaa duula loltummaati deemsifamaa jira. Duulli kuni yeroo gabaabaa keessatti xumura argata jennee amanna.
Duulli seera kabachiisuu mootummaan amma gochaa jiru yeroo xumurame gaggeesitoonni TPLF kanneen rakkoon kuni akka uumamu harka keessaa qaban wanti gochuu qabaatan yoo jiraate harka kennuudha.
Kana gochuufis ta'e gaggeesitootni TPLF ejjennoo isaanii ifa akka godhaniif jecha qaamni kamuu gara naannoo Tigraayi deemuun isarraa hin eegamu.
BBC- Kanaafuu amma kan jechaa jirtan jilli kuni gara naannoo Tigraayi deemuu hin danda'aniidhaa?
Obbo Maammoo- Akkuman jedhe jilli kuni gara Finfinnee kan dhufan ministira muummee Abiyyi Ahimad argachuufi. Ministirri muummees hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu amma ta'aa jiru kana ni ibsuuf.
BBC- Duulli loltummaa kuni uummata Tigraayi irratti akka hin xiyyeeffanne mootummaan ni ibsa. Garuu sababa lola kanaatiin namootni baayyeen buqqa'aniiru.
Dhabbileen namoomaa hedduunis lammiilee nagaa buqqa'an kana gargaaruuf jecha karaan akka banamuuf gaafachaa jiru. Ta'us dhaabbileen kunneen gara naannichaa galanii lammiilee nagaa miidhaaf saaxilaman akka gargaaraniif heeyyama nuuf hin kennine jedhu.
Kuni maalif hin heeyyamamneef?
Obbo Maammoo- Dhimmoota tokko tokko ifa gochuu na barbaachisa. Jalqabarratti duulli seera kabachiisuu kuni uummata Tigraayi irratti kan xiyyeeffate miti.
Dabalataanis duulli kuni miseensota TPLF hunda kan ilaallatu osoo hin taane, yakkamtoota TPLF keessa jiran irratti xiyyeeffata. Kuni nama hundaaf ifa ta'uu qaba.
Gaggeessitootni TPLF kunniin dhabamsiifamuun jalqabarratti uummata Tigraayi fayyadamaa kan ta'u. Mootummaan Itoophiyaa akkuma uummata biraatif dhiphatu uummata Tigraayiifis ni yaada.
Gaaffiikee deebisuufis dhaabbanni mootummoota gamtoomanii uummataaf deeggarsa namoomaa akka godhuuf hamma dandeenyu yaalaa jirra.
Kutaaleen naannoo Tigraayi hedduunis amma too'annaa raayyaa ittisaa jala jiru. Kanaafis mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaa uummataaf barbaachisu akka qaqqabuuf mootummoota gamtooman waliin hojjechaa jira.
Yeroo ammaa Maqalee qofaadha too'annaa raayyaa ittisaa jala kan hin jirre.
Mootummaan Itoophiyaa ejensiiwwan mootummoota gamtoomanii kanneen walaba ta'an waliin ummataaf deeggarsa geechisuuf karoora qaba. Karaa kanaanis kanneen biyya keessaa buqqa'aniifi gara biyyoota ollaatti kanneen baqatan kan qaqabnu taha.

Madda suuraa, Reuters
BBC- Yeroo ammaa kana dhaabbileen namoomaa lammiilee kanneeniif deeggarsa geechisuuf karaa darbiinsaa gaafachaa jiru. Dhaabbileen kunneen deeggarsa kana geechisuudhaaf mootummaan giddugaleessaa haala mijeessaa hin jiru jechaa jiru.
Obbo Maammoo- kuni sirrii miti. Kana karaa lamaan ilaaluu qabna. Iddoowan bilisa baasnee fi too'annaa raayyaa ittisaa jala jiranitti yeroo ammaa deeggarsa namoomaa dhaqabsiisuuf hojjechaa jirra.
Jiraattotaaf nyaata, qorichaa fi dahoo dhiheessuuf ejensiiwwan dhaabbata biyyoota gamtoomanii wajjin hojjetamaa jira.
Akka fakkeenyaatti jimaata darbe mootummaan Itoophiyaa jila tokko gara naannoo Tigraayitti kan erge yoo ta'u kunis wantoota iddoowwan adda addaatti waan uummataaf barbaachisu qaqqabsiisuufi.
Kana wajjin walqabatee ejensiiwwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomnii wajjin hin hojjennu sababa jennuuf hin qabnu.
Iddoowwan too'annoo raayyaa ittisaa jala hin oolle kan ilaaleenis lammiileen nagaa karaa ittiin eegaman irratti raayyaan hojjechaa jira.
Duulli loltummaa kuni sababni xumura hin arganneef ijoon mootummaan lammiilee nagaa eeguuf dursa waan kenneef jecha.
Mootummaan iddoowwan raayyaa ittisaa jala jiranis ta'ee hin jirretti deeggarsi namoomaa akka jiraatuuf hojjechaa jira.
BBC- lola kanaan lammiileen nagaa akka hin miidhamneef hojjechaa jirra jettan. Ta'us duula loltummaa haleellaa xiyyaaraa, Rookeetii fi diroonii(Xiyyaara nama maleessa) fayyadamaa jirtu.
Lolli akkanaa kuni lola adda baasanii dhahuu waan hin taaneef lammiileen nagaa hedduunis du'aa jiru miidhaanis irra gahaa jira.
Obbo Maammoo- Kuni lola hamma ta'etti miidhaan gahuunsaa waan hin hafne. Ta'us ajajni cimaan raayyaa waraanaatiif darbe yoo jiraate duula loltummaa kanaan hamma danda'ametti lammiilee nagaatiif eeggannoo akka godhani.
Nageenyi lammiilee nagaa duula loltummaa kana keessatti dhimma ijoodha. Mootummaan nageenya lammiileetiif ittigaafatamummaa waan qabuuf jecha duulli kuni yeroo hammanaa kan fudhateef. Osoo akkas ta'uu baatee torbanitti raawwata ture.
Halleellaa xiyyaaraa kan ilaaleen xiyyeefannaa isaa inni ijoon wiirtuwwan waraanaa fi meeshaalee waraanaa irratti. Lammiilee nagaa irratti hin xiyyeefatu. Waan akkasiimmoo maalif goona?
Uummanni Tigraayi lammiilee keenyaam. Duula kanas kan gaggeessiunu daa'imman, maanguddootaa fi lammiilee nagaa biroo xiyyeefannaa keessa galchineeti.
BBC- Lola kana rakkisaa kan godhu odeeffannoo qabatamaa lafarra jiru argachuu fi qulqulleeffachuu dadhabuudha. Malawwan qunnamtii kamuu adda kutuun akkasumas gazexeessitoonni bakkichatti argamuu dhabuun maaltu tahaa jira kan jedhu rakkisaa godheera.
Maalifi kan addunyaa kaanirraa adda kutuun barbaachiseef? Waan Tigraayi keessatti ta'aa jiru addunyaan akka hin beekne kan barbaaddaniif maalifi?
Obbo Maammoo- dhimma kanarratti qabxiilee lama kaasuun barbaada. Maloonni odeeffannoo bakka tokko tokkotti kan adda cite TPLF matumasaatiin duula waraanaatiif jecha barbadeessaniiti. Kuni sababa isa tokko.
Sababni inni lammataa naannoon Tigraayi labsii yeroo muddama jala waan jirtuuf, gareen yakkamtootaa kuni gareewaan kakaasanii akka balaa hin geessifnee fi kutaa biyyattii adda addaattis rakkoo kana akka hin babal'isneef jecha tarkaanfiin kuni fudhatamuu mala.
Kuni ammaan booda sababa hin ta'u, akkan duratti jedhe kutaaleen Tigraayi garri caalaan raayyaa ittisaa jala waan galeef. Guyyoota itti aananittis gaazexeessitootni carraa garas deemuu qabaachuu malu.
BBC- Gochi kuni waan Tigraayitti ta'aa jiru kanaaf ittigaafatamoo akka hin taaneef iftoomina dhoksuu mitii? Biyyattii keessatti yeroo jeequmsi ka'u intarneetii cufuun mootummaa Itoophiyaatiif haaraa miti.
Waan Oromiyaa keessatti ta'es argineerra. Qorannoo waan hin barbaachifnee fi waan qabatamaadhaan lafarratti mul'ate mootummaan akka uummanni hin barbaanne gochuudha.
Obboo Maammoo- Ani yaada kanatti waliingalu. Akkan jedhe kuni duula loltummaati. Karooraa fi raawwii guyyaa guyyaa kan loltuu himuun hin danda'amu.
Garuu kana wajjin walqabatee raayyaan ittisaa tarkaanfii kana milkeessuuf tooftaa kamuu fayyadamuu dandaha.
Gara dubbiikeetti yoon deebi'u garuu mootummaan waan dhoksuu barbaadu homaa hin qabu.
Nageenyi naannichaa yeroo mirkanaa'e, seerri yeroo kabajame booda gaazexeessitoonni gara naannoo Tigraayi deemanii yoo daawwatan waan nuti gammachuudhaan simannudha.
Qorannoos ta'ee gaafatamni garuu TPLF irratti kan ta'uu qabu. Gazexeessitoonni kana seenanii qorachuu qabu. Jiraattota naannoos dubbisuu qabu.
Wanti dhoksinu homtuu hin jiru. Duulli loltummaa kuni kan adeemsifamaa jiru karaa seera qabeessa ta'een lammiilee nagaatiif dursa kennuuni. Gama mootummaatin waan dhoksinu hin qabnu.
BBC- Dhalattoonni Tigraayi kutaa biyyattii adda addaa jiran sabummaa isaaniif qofa hidhaaf saaxilamaa jiru jedhamaa jira. Kanaan alattis eenyummaa isaaniitiin manni isaanii sakatta'ama, saba isaanii irraa addatti ittifamanii akka eegaman gabaasonni bahaa jiru.
Kuni saba tokkorratti kan xiyyeeffate miti yeroo jettan akkamitti ilaalama?
Obbo Maammoo- Mootummaan kuni yoomuu taanaan tarkaanfii sabarratti xiyyeeffate hin fudhanne. Saba adda hin baasu. Waan nama ajaa'ibudha.
Sirna saba bu'uureffate kan hundeesse TPLF. Mootummaan kan gochaa jiru saboonni karaa walqixa ta'een mul'ata walta'iinsaa akka uumamu hojjechaa jira. Karaa kamiinuu taanaan mootummaan lammiileesaa Tigraawaayi waan ta'aniif addatti baasee irratti hin xiyyeefatu.
Tarkaanfii seera kabachiisuu kamuu kan fudhannu ragaa irratti hundoofneeti. Namoonni dhuunfaa hariiroon isaan qabanis qoratameeti. Garuu lola ta'uu isaatiin yakki raawwatamuu mala odeefannoowwan jedhan bahu malu.
Ummanni namoota shakkan beeksisuu ni danda'u. karaa kanaanis caasaan nageenyaa tarkaanfiiwwan dabalataa ni fudhatu. Tarkaanfiiwwan kanas yoo fudhannu ofeegannoo fi karaa qo'atameen akk ta'u yaalla.
TPLF paartii saba bu'uurefatee ijaarame waan ta'eef miseensonnisaa hedduun dhalattoota Tigraayi. Alaa yoo ilaalamu mootummaan gartuu tokkorratti kan xiyyeeffate fakkaatee mul'ata.
Garuu caasaa nageenyaa keenya keessa hanqinni akkanaa yoo jiraate qorannee sirreeffama gochuu dandeenya.
Uummata wajjin marii hedduu gochaa jirra. Wiirtuu uummanni komii isaa itti dhageessisu hundeessaa jirra. Komiin yeroo dhufes sirreeffama goona.
Odeeffannoowwan karaa al-idilee ta'een argannes ni qulqulleesina. Rakkoon yoo jiraate tarkaanfii sirreefamaa fudhanna. Wantin jabeessee sitti himu garuu mootummaan haala qindaa'een dhalattoota Tigraayi irratti tarkaanfii hin fudhatu.
Tarkaanfiin kuni miseensota TPLF muraasa irratti kan xiyyeefate malee uummata irratti miti.
BBC- Duulli loltummaa miseensota TPLF muraasa irratti kan xiyyeefate ta'uu himama. Garuu namoonni naannoo Tigraayitti herreega Baankii banatan jalaa ittifameera.
Buufataalee xiyyaaraatti saba adda baasuuf waraqaa eenyummaa sabummaa gaafatamaa jirra kaneen jedhan jiru.
Namoonni tokko tokkommoo eenyummaa keenyaan balaliinsa irraa dhorkamne jedhu. Uummata Tigraayi waliin hariiroo cimsina jechaa wanti kuni adda hin deemuu?
Waraana kana yooma moo'atanilleen uummaticha haalli itti dhabuu dandeessan hin uumamuu?
Obbo Maammoo- Qaamolee nageenyaatiif ajaja ifa ta'etu darbe. Qaamni nageenyaa odeefannoo argate irratti hundaa'ee tarkaanfii akka fudhatu.
Wantoota sabummaa fi eenyummaa irratti bu'uureffaman akkanatti akkuma salphaatti waan ilaallu miti. Waan balaalefannudha. Kuni tasumaa waan fudhatama hin qabnedha.
Ta'us odeefannoowwan dogogoraa irraa ofeeguu qabna. Fakkeenyaaf guyyoota muraasaan dura miidiyaalee adda addaatiin fi miidiyaa hawaasaatiin oduun dhalattoonni Tigraayi kuma 50 caalan Finfinnee keessatti hidhamaniiru jedhu faca'ee ture. Kuni waan dhugaarraa fagaatedha.
Odeeffannoo abbaa alangaa waliigalaa irraa argadheen waldhabdee Kanaan walqabtee namoonni hidhaman 300 kan hin caalledha. Hunduummoo Tigraayii kan dhufan miti.
Kanneen keessaa garri caalaan isaanii meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuudhaani. Karaa baayyee olaanaa ta'een odeefannoowwan sobaa faca'aa jiru.
Odeeffannoo Kanaan walqabtuun herreega baankii nama kamiituu hin ittisne. Mootummana kan ittise herreega baankii dhaabbilee TPLF waliin hariiroo qabaniiti.
Kanaan alatti herreegni baankii dhalattoota Tigraayi hin ittifamne. Kuni dhugaarraa waan fagaatedha.
BBC- Odeeffannoo sobaa wajjin kan walqabatu mootummaan mataansaa odeefannoowan sobaa akka faca'an haalota uumaa jira. Gaazexeesitoonni bakka barbaadan socho'anii gabaasuu hin danda'an.
Gaazexeesitoonni hidhamaas jiru. Maloonni odeefannoo naannoo Tigraayi jiranis guutummaan guututti cufamaniiru.
Obbo Maammoo- Maloonni odeefannoo kan adda kutame naannoo Tigraayi qofatti. Kutaalee biyyattii gara caalutti Gaazexeessitoonnii akka barbaadan socho'anii gabaasuu danda'u. Dirqama ogumichi gaafatu garuu guutanii ta'uu qaba.
Ripoortaroonni biyyoota adda addaas Finfinneedhaa guyyaa guyyaadhaan gabaasaa jiru. Akkuman jedhe duulli loltummaa akka xumurameen gaazexeesitoonni bakka adda addaatti socho'anii gabaasuu danda'u.
BBC- Daandii xiyyaaraatti waraqaa eenyummaa gandaa agarsiisuun maalif barbaachise?
Obbo Maammoo- Hundumaaf akkas natti hin fakkaatu. Gara jalqabaatti qaamoleen tikaa namoota muraasa waraqaa eenyummaa akka agarsiisan gaafatanii ta'uu mala.
Kanas kan godhan mirga namoota kanneenii karaa eegen mirga socho'uu isaanii karaa hin daangessineeni. Kuni waan dhalattoota Tigraayi irratti fuulleffate miti.
BBC- Mootummaan yoom Maqalee too'achuuf yaada? Sana boodahoo maaltu uumama?
Obbo Maammoo- Duulli loltummaa seera kabachiisuu karoora qabameen deemaa jira. Humni raayyaa ittisaa kutaalee naannoo Tigraayi hedduu too'ateera.
Kanneen keessaa magaalonni ijoo tahan kan akka Adawaa, Aksum fi Addigiraat keessatti argamu. Amma too'annaa raayyaa ittisaa jala kan hin taane magaala guddoo, Maqalee qofa. Yeroo dhihoottis akka xumuramu ni eegama.














