Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Tigraayitti 'yakki waraanaa' akka hin raawwanne UN akeekkachiise

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii humni waraanaa Itoophiyaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay irratti haleellaa raawwachuuf yeroon dhumaa kennee ture xumuramuun dura, ''yakki waraanaa'' raawwachuu mala jechuun yaaddoo isaa ibse.
Lolli mootummaa federaalaa fi humnoota naannoo Tigraay gidduutti gaggeeffamu torban sadaffaa isaa qabateera.
Dhibbaan kan lakkaawaman lubbuu dhabaniiru, kumoota kudhaniin kan lakkaawaman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa lolli kun rakkoo namoomaa hammaataa uumee, Baha Afrikaas tasgabbii dhabsiisa jechuun sodaa qaban ibsu.
UN rayyaan ittisa biyyaa teessoo naannoo Tigraay kan taateefi jiraattota miiliyoona walakkaa ol qabdu magaalaa Maqaleetti, humna qabu fayyadamee seenuuf yeroon muraasa wayita hafetti, sodaa qabu ibseera.
Haatahu malee, yaa'iin Mana Maree Nageenyaa UN Kibxataaf dhimma Tigraayirratti mari'achuuf qabamee ture, ibsa malee xumuramuu AFPn gabaaseera. Akka gabaasa kanaatti biyyoonni Afrikaa yaalii Gamtaan Afrikaa gochaa jiruuf yeroon haa kennamu waan jedhaniif.


Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Dilbata darbe aanga'oonnii fi humnoonni waraanaa TPLF harka akka kennatan yeroo guyyaa sadii kennuu ibsanii turan.
Haata'u malee hoogganaan Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'eel ''mirga ofiin of bulchuu keenya kabachiisuuf du'uudhaaf qophiidha'' jechuun harka akka hin kennanne ibsaniiru.
Gama kaaniin Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa kan mootummaan hundaa'e, torban lama dura Maayikaadiraatti lubbuu namoota nagaa 600 ol kan galaafatan, dargaggeeyyii naannoo Tigraay, TPLF'tti hidhata qaban 'Saamrii' jedhamanidha jedheera.
Komishinichi dargaggeeyyiin kun magaalichatti kanneen sabaan Tigree hin taane albeen waraanuun, ulee fiixee furdatuun reebuufi gariin ammoo ibiddaan gubuun ajjeefaman jedheera.
Jalqaba ajjeechaan jumlaa kan raawwatamuu gabaase Aminastii Internaashinaal yoo ta'u, eenyu yakka kana akka raawwateefi lakkoofsa namoota ajjeefamanii hin ibsine ture.
TPLF yakka kanaaf himatamuu ilaalchisee deebii kenneen, yakka kana kan hin raawwanne ta'uufi dhaabbanni Idila addunyaa walaba ta'e yakka kana akka qoratu gaafateera.
UN maal jedhe?

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinara Mirga Namoomaa kan ta'an Miisheel Bachaleet ''gabaasaaleen meeshaalee gurguddoon akka taankiifi kaan Maqalee marsaniiru jedhu rifaasisaadha,'' jedhan.
Qaamoleen lameenuu ajaja ifaa fi nama hin dogongorsine humnoota isaaniif dabarsuun namoota nagaa akka eegan dhaamaniiru.
''Maqaleetti lola godhamu ilaalchisee haasaan lola akkaan jabaa gara lamaanuurraa dhagahamaa jiru waan hamaaf ni kakaasa, namoota saaxilamoo ta'aniifi sodaa keessa jiran balaa hamaa keessa galcha,'' jedhan Misheel.
''Haasaan akkasii sarbama seera namoomaa idila addunyaa ittuu hammeessa jedheen sodaadhas,'' jedhan.
MM Abiy magaalli Maqalee marfamuu ibsuun ''araaramni tokko hin jiru'' jechuun ture guyyaan harka kennachuuf kenname yoo dhumu haleellaa akka raawwatan Dilbata darbe kan dubbatan.
Haasaan kun yaada yakka waraanaa of keessaa qabaa jedhu Misheel.
MM Abiy irra deddeebiin humni waraanaa namoota nagaaf eegumsa akka godhu dubbachaa turan.
Haa ta'uutii naannicha keessa malli qunnamtii hundi adda citee waan jiruuf, UN mirgi namoomaa fi haalli namoomaa maalirra akka jiru beekuu hin dandeenye jedhan hooggantuun kun.
''Gabaasni sababa malee hidhamuu, ajjeechaan akkasumas miidhaafi qoollifannaan namoota sabummaan Tigraay ta'an irra gahaa jiru dabalaa jira,'' jedha UN.
Lola mootummaa Federaalaa fi Humnoota mootummaa naannoo Tigraay gidduutti godhamaa jiru kanaan namootni 40,000 ta'an Sudaanitti baqataniiru.
Lakkoofsi kun ji'oota dhufan keessatti 200,00 gahuu akka danda'u UN tilmaameera.

Hanguma baqattootni daangaa ce'an dabalan, maatiin gargar bahaa jira

Gaazexessituun BBC Aan Sooy Sudaan Naannoo Kasalaa bakka baqattootni Itoophiyaa kun itti qubatan Hamdayaat jedhamu dhaqxee ilaalteetti.
Baqattootni kun waan nyaatan qopheeffachuuf aara kasalaan fuulli isaanii gariin hagugameera.
Dubartii buna dhuguuf shiinii tooraan naqxee qophooftes arge.
Haala rakkisaa akkasii keessattis sirni bunaa jiraachuun na dinqeera.
Haala kaampii kana keessa jiru yeroo daawwattu dargaggoon tokko itti dhufe. Dargaggoon kun Gumruuka naannoo Tigraay magaala Humaraa jiru keessan hojjechaa turuu natti hime. Guyyaa sadii dura magaala Humaraatii baqachuu isaas dubbata.
Kaampii Sudaan naannoo daangaarraa fageenya hedduurratti ijaartetti maaliif hin deemne jennaan ''maatiikoon eegaa jira'' jedhe.
Amallee Tigraay keessa jiru jedha dargaggoon kun. Lola kanaan maatiin gargar bahuuf dirqamaniiru.
















