Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Gara riphee loltummaatti deemuu malaa?

Humna addaa Tigraay Guraandhala bara 2020 kan kaafame

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoon Tigraayitti waggoota lamaan darban leenjiin waraanaa hedduminaan keennamaa ture jedha qorataan ICG

Fiixee Kaabaa Itoophiyaarraa ka'uun waggoota soddomatti siiqaniif Itoophiyaa olaantummaan kan bulchaa ture TPLF gaarreen Tigraayitti deebi'uun riphee loltummaan mootummaa federaalaa loluutti deebi'uuf qophaa'uutti jira ta'a.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa garuu Sadaasa 4 irraa eegalee ''opereeshinii olaantummaa seeraa kabachiisuu'' jedhuun haleellaa eegaleen aanga'oota TPLF fi hoogganoota waraanaa walumatti 100 ol ta'an to'achuun riphee loltummaan akka hindhalannee abdateera.

Aanga'oonni TPLF ajajni hidhaa irratti bahee humni nageenyaa Itoophiyaa adamsaa jiru kun, gameeyyii qabsoo waggoota 17 TPLF fi isa boodas mootummaa Itoophiyaa keessatti aangoo murteessoo akka waraanaafi tika qabatanii hanga MM Abiy bara 2018'tti aangoo qabatanitti barootaaf aangoorra warra turaniidha.

MM Abiy jarreen kanaan ''cunqursitoota fi malaammaltoota'' jechuun yoo himatan, kanneen himataman kun ammoo himannaa irratti dhiyaate ni mormu.

Dhufaatii MM Abiy booda naannoo deeggarsa jabaa qaban Tigraayitti kan deebi'an aanga'oonni TPLF, jalqaba ji'a kanaa buufata ajajaa waraana biyyaa kaabatti argamu tasa to'ataniiru.

'Du'uuf qophiidha'

Dhaabbanni ittisa walitti bu'insaarratti xiyyeeffachuun hojjetu Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruup (ICG) buufatni waraanaa Izii kaabaa sadarkaa naannootti buufata ajaja waraanaa isa guddaadha jedha.

Haleellaa tasa buufata ajaja waraanaa kanarratti loltootni TPLF raawwataniin, meeshaaleen gurguddoo hedduun rookkeettiifi miisaayela dabalatee harka isaanii galuu kan danda'e ta'uus, raayyaan ittisa biyyaa xiyyaarota waraanaafi helikooptarootaan irree jabaa qaba.

Lolli naannoo Tigraay kun dhalachuu isaaf wantoota gumaachan keessaa tokko, Qaammee darbe mootummaan naannichaa ajaja mootummaa federaalaa diduun filannoo gaggeessuu hordofee MM Abiy bajata naannoo Tigraayiif ramadamuu qabu dhowwachuu isaaniiti.

Aanga'oonni TPLF buufata ajaja waraanaa Kaaba biyyattii kan waraananiif motummaan federaalaa humnaan isaanitti dhufuun isaa hin oolu jedhanii waan amananiif akka ta'e ibsaniiru.

MM Abiy Ahimad ammoo TPLF ''sarara diimaa isa dhumaa dabarte'' jechuun haleellaan qilleensaafi lola lafoo akka eegalu ajajan.

Lolli kun eegalee guyyaa 22 booda Abiy ''boqonnaan inni dhumaa'' lola Tigraay kan magaala Maqalee to'achuuf godhamu eegaluu ibsan.

Lafa gaarreen Naannoo Tigraay, Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaarreen Tigraay lole riphee lolaaf mijataadha

Abiy si'a lammataf aanga'ootniifi waraanni TPLF harka akka kennatan gaafatanii ture.

Haata'u malee, pirezidantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el AFP waliin haasaa godhaniin ''nuti namoota qajeelfamaan bulu, naannoo keenya bulchuuf mirga qabnu kabachiisuuf du'uuf qophiidha'' jedhan.

Loltuu hedduu kan qabu eenyu?

Qorataa Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruup (ICG) kan ta'e Wiiliyaam Deevison TPLF milishoota ganda keessa jiran irraa qabee hanga humna addaa sadarkaa naannootti jiran walitti yoo waamee waraana hanga 200,000 gahuu qabaa jedha.

''Waggoota lamaan darban haalli siyaasaa jijjiiramuu isaatiin naannoo Tigraay keessatti hedduminaan leenjiin waraanaa kennamaa ture '' jechuuniis BBC himeera.

ICG'n lakkoofsa loltoota Itoophiyaa ilaalchisee wanti tilmaamaan hime hin jiru. Haata'uutii Rooyitars dhaabbata Janes security jedhamurraa ragaa argateen loltootni waraana biyyattii keessa hiriiranii jiran 140,000 akka ta'an ibseera.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Tilmaamni kun dhugaa ta'ee yoo argame, loltootni mootummaa Itoophiyaa lakkoofsaan kan TPLF'n gadi ta'u. Haata'u malee, mootummaan federaalaa naannolee biroo keessa loltoota humna addaa argaman sassaabuun humna jabeeffachuu danda'a.

Seerri Itoophiyaa naannoleen nageenya daangaa naannoo isaanii keessa jiru tiksuuf humna addaa akka ijaarrattan hayyama.

Lolli Tigraay yeroo eegaletti humni addaa naannoo Amaaraa kan Tigraay waliin daangaarratti dhibdee qabu loltoota mootummaa Itoophiyaa gargaaruun Lixa Tigraayitti humna TPLF waraanaa turan.

''Lixa Tigraayitti humni waloon kan federaalaafi Amaaraa lakkoofsaanis humnaanis kan naanno Tigraayirra jabaadha'' jedha Wiiliyaam.

''Gara Lixaa lafi diriiraan jiru loltoota fuulleetti godhamuuf mijataadha'' jedha Wiiliyaam, itti dabaluuniis teessumni lafaa ''handhuura'' Tigraay naannawaa magaalota gara Bahaa akka Maqalee jiru caccabaafi gaarreeniin kan guutame waan ta'eef lola riphee loltummaaf mijata jedha.

Tigraay ''marfamteetti''

Lola sirna Dargii waliin godhamaa ture keessatti riphee lolaa kan turaniifi amma miseensa paarlaamaa Siwiidiin kan ta'an Arihee Hameednaakaa Lolli Lixa Tigraayitti godhamu daangaa Sudaan waliin biyyattiin qabdu dhuunfachuurrattis kan xiyyeefateedha jedhu.

Waggaa 29 dura lola Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaam waliin godhan irratti naannoo sana qabachuun seenaa darbe akka hin daballee san kutuun barbaachisaa ta'a jedhu.

Milishoonni Amaaraa raayyaa Itoophiyaa bira goruun TPLF lolaa jiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Milishoonni Amaaraa raayyaa Itoophiyaa bira goruun TPLF lolaa jiru

''Daandii takkittiin TPLF ittiin bahuu danda'uufi meeshaa galfachuu danda'u karaa Sudaani'' jedhan.

Gama kaaniin karaa Galaana diimaa akka bara 1980'ootaa humnoonni Eertiraa, TPLF waliin ta'uun Mangistuu lolan amma ulaa sochii argachuu hin danda'amu.

Sababni isaa ammoo bara TPLF Itoophiyaa olaantummaan bulchaa turetti Eertiraafi Itoophiyaan waraana hamaa erga gaggeessan waggaa 20 ol booda, MM Abiy michuu pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqii jabaa ta'uu isaaniiti.

''Yeroon jijjiirameera. Daandiin TPLF ittiin waa galfatu hin jiru, Kaabaan diina isaanii ejjennoo qabu pireezidant Isaayyaas Afawarqiitu jiraa'' jedha gulaalaan BBC Tigiriffaa Saamu'eel Gabrahiwoot.

Maddeen BBC Eertiraa keessa jiran loltootni mootummaa Itoophiyaa daangaa ce'uun Eertiraa keessatti of jabeessaafi hospitaalota Eertiraa keessatti madoo isaanii waldhaanaa jiruu jedhu.

Mootummaan Itoophiyaas ta'e kan Eertiraa garuu irra deddeebiin hirmaannaa Eertiraan lola kana keessatti qabdu haalaa jiru.

''Tigraay marfamteetti. Lola fuulleetti walitti bahanii lolan kana TPLF hin danda'u'' jedha Wiiliyaam Deevison.

Kana jechuun garuu humnooniii federaalaa injifannoo saffisaan argachuu fedhan ni goonfatu jechuu miti.

Akka Ariheen jedhanitti riphee loltootni falmmattoota waraanaa jabaa ta'uuf fakkeenyonni hedduun jiru.

''Ameerikaanonni xiyyaara waraanaa fi diroonii mara Afgaanistaanii qabu, garuu Taalibaan dandamachaa jira'' jedhu.

''Hidhattootni Haawtii Yaman jiran olaantummaa meeshaa waraanaa UAE fi Saawdii dandamataniiru.''

Humnoonni mootummaa federaalaa Maqalee to'achuuf yoo duulan magaalota meeqa akka to'ataniifi meeqa keessa akka darban ifa mitii jedha Wiiliyaam.

Kabaja ayyaana hundeeffama TPLF, Maqaleetti - bara 2015

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Booda kana sabboonummaan Tigraay dabaleera

Uummatni Tigraay eenyuun deeggara?

Akka Wiiliyaam jedhutti mootummaan magaalota Tigraay to'atees to'achuu baatees, loltootni Tigraay gandaa fi gaarrenitti baqachuun deeggarsa uummatarraa argataniin riphee loltummaaf of qopheessuu malu.

''Hoogganoonni mootummaa federaalaa yaada faallaa qabaatanis, ummatni Tigraay federaalli mootummaa filannoo seera qabeessa ta'een filatame kaasuuf gidduu seene jedhanii waan yaadaniif, gidduu seentummaa kana kan morman fakkaata,'' jedha Wiiliyaam.

Dabalataaniis, sirni Federaalaa TPLF bara 1991 aangoo erga qabatee booda akka biyyaatti hundeesse; ilaalcha siyaasaa, afaaniifi aadaa isaanii tiksuuf sirna isa sirriidha jedhanii waan amananiif ni deeggarus jedha qorataan ICG kun.

TPLF MM Abiy sirna mootummaa gidduugaleessaa jabaa tokko ijaaruu fedhaa jechuun komata.

Gulaalaan BBC Tigriffaa Samu'eel gama isaan, sabboonummaan Tigraay lalisaa jiru TPLF gargaaruu akka danda'u ibsuun, garuu carraan namootni hedduun mootummaa federaalaa itti deeggaran hin jiru jechuun hin danda'amu jedha.

''Qabsoo hidhannoo (sirna Dargii) irratti gaggeeffamaa ture keessatti, uummatni Tigraay guutummaan hidhattoota deeggaraa ture.

''Haata'u malee, waggoota soddomatti siiqan TPLF aangoorra ture keessatti, ummatni Tigraay hooggansa kana sababa malaammatummaafi cunqursaan mormaa ture,'' jedha Saamu'eel.

Lolli magaala Maqaleetti godhamu TPLF lola riphee loltummaa ni eegala moo hin eegalu kan jedhu ni murteessa kan jedhu Saamu'eel, mootummaan federaalaa lola Maqalee injifatees qaamolee naannicha keessa jiran waliin mariin yoo gaggeeffamuu baate, lolli ni dhaabbata jedhee akka hin amanne ibsa.