Lola Tigraay Kaaba Itoophiyaa: Eertiraan harka keessaa qabdii?

Humna Addaa Naannoo Amaaraa

Madda suuraa, AFP

Haleellaa humnoonni naannoo Tigraay Raayyaa Ittisaa Biyyaa achi buufatee jiru irratti banan hordofuun, Kibxata Sadaasa 03 wal diddaan mootummaa federaalaa fi kan naannoo Tigraay jidduutti adeema ture gara waraanaatti jijjiirame.

Hariiroon mootummaa federaalaa fi kan naannoo Tigraay erga filannoon biyyaalessaa marroo 6ffaa Hagayya bara darbeef qabamee ture, sababa weerara koronaavaayirasiin dabarfameen duuba akkaan hammaate.

Paartiin naannoo Tigraay bulchu TPLF murtee mootummaa federaalaa irra darbuun, Fulbaana darbe sadarkaa naannootti filannoo taasise. Filannoo kana mootummaan federaalaa 'seeraan ala' jedhee kuffise.

Sadaasa 03 haleellaa humnoonni Tigraay loltoota Izii Kaabaa Raayyaa Ittisa biyyaa irratti raawwatan hordofuun, MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajan. Iziin Kaabaa kutaa waraanaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa isa guddaa fi hidhannoo jabaa qabu ture.

Erga MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajanii booda torban sadan darbaniif, daangaa Tigraay kallattii adda addaan lolli adeemaa jira. Waraanni biyyaalessaa magaalota naannoo Tigraay gama Lixaa fi Kibbaa hedduu to'ateera.

Gama lamaaniinuu namoonni ajjeefamuu aanga'oonni ni himu. Haa ta'u malee lakkoofsi namoota lola kanaan du'anii hin baramne.

UNHCR akka jedhutti yoo xiqqaate namoonni 30,000 ol daangaa qaxxaamuruun gara Sudaan baqatanii jiru.

Tigraay keessatti iddoowwan filataman irratti haleellaan qilleensaa raawwatamaa jira. Kamisa darbe xiyyaarri waraanaa gaara Maqaleetti dhiyoo jiru irratti boombii buuste.

Aanga'oonni Tigraay mootummaan MM Abiy haleellaa kanaan lammilee nagaa miidhaa jira jedhanis, MM Abiy garuu tarkaanfiin kan fudhatamaa jiru hogganoota TPLF fi buufatawwan waraanaa qofa irratti ta'uu irra deddeebiin himaa jiru.

Walitti bu'iinsi qaamolee biyya keessaa lama jidduutti eegale kun Eertiraas hirmaachisee jira.

Qoodni Eertiraa maali?

Pireezidantiin Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el ibsa irra deddeebiin kennaniin, Eertiraan loltoota ishee bobbaasuun gama Shiraaroo fi Baadimmeen akkasumas Kibbaan ammoo gama Allaamaaxaan loltoota Itoophiyaa waliin Tigraay waraanaa jirti jedhan.

Sababa kanaafis Tigraay torbee darbe buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Asmaraa kan maandhee humna qilleensaa Eertiraa ta'etti rokeettii dhukaafte.

Rokeettiiwwan sadi dhukaafaman keessaa tokko buufata xiyyaaraa dhiyootti yoo kufu, kan hafan lamaan ammoo ollaa jireenyaa keessatti kufe jedhu jiraattonni.

Naannawa daangaa Eertiraa fi Itoophiyaa lolli hamaan adeemaa akka ture fi dhukaasni gurguddaan dhagaahamaa turuu maddeen naannichaa BBC'tti himaniiru.

Waraana daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa jidduutti bara 1998-2000 taasifameen, iddoowwan lolli jabaan ture akka Alixeenaa, Zaalambassaa, Tsooranaa fi Marab ammas dhukaasni jajjabaan gabaafameera.

Itaamaazhoor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa dhimma kanarratti gaafatamanii, loltoonni Eertiraa Tigraay waraanaa jiru jedhamuun sobadha jedhan.

Deebiin gama Asmaraa dhagahame maali?

Sadaasa 10, Ministirri Haajaa Alaa Eertiraa loltoonni biyya isaa "lola keessoo Itoophiyaa keessaa qooda hin qaban" jechuun Rooyitarsitti himanii turan.

Sana guyyaa tokko dura Sadaasa 09 Imbasiin Eertiraa Landan jiru ibsa gareen gamtaa paartilee warra parlaamentariyaan Tigraay gama Eertiraa irraa miidhaan irra gahuu mala jechuun baasan kufaa taasise.

"Imbasiin Eertiraa ibsa gareen warra parlaamentariyaan, naannoon Tigraay mootummaan Eertiraan miidhamuu malti jechuun baase, bu'uurarraa kufaa taasisa," jedha xalayaan UK'tti ambaasaaddarri Eertiraa Isxifaanoos Habtamaariyaam barreessan.

Yeroo mara tiwiitarii irratti yaada faallaa TPLF barreessuun kan beekaman Jaappaanitti ambaasaaddarri Eertiraa Isxifaanoos Afawarqii gama isaan, waa'ee haleellaa misaa'elaa Sanbata raawwatee deebii kennanii jiru.

"TPLF tarkaanfii daboorummaa seera qabeessa hin taane Sadaasa 13, 2020 raawwachuu itti fufe," jechuun barreessan. Waraana bara 1998 eegalchiisuunis TPLF qeeqan.

Lola lubbuu namoota 100,000 olii galaafatee ture sana akka eegalu sababa kan ta'e, Eertiraa ta'uu koreen araarsitu murteessee ture.

Lakkoofsi namoota buqqa'anii 40,000 ol ta'eera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lakkoofsi namoota gara Sudaan baqatanii 40,000 ol ta'eera

Kanarraa kan hafe Eertiraan waa'ee lola Tigraayitti adeemaa jiruu callisuu filatte. Miidiyaaleen biyyaalessaa biyyattii waa'ee lola kanaa homaatuu hin jenne.

Deebii gama Eertiraarraa eegamaa tureef haala fakkaatuun Ministirri odeeffannoo Eertiraa Yamaanee Gabramasqal Sadaasa 18 gocha TPLF "olkaasnee mul'isu" hin feene jedhan.

"Tattaaffii xumuraa [TPLF] taasisuu ol kaasnee mul'isuun gatii hin qabu, sa'aa 11ffaa kanarratti gochi akkanaa waanuma eegamu," jedhan. Gocha kam akka jedhan adda hin baane.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

MM Abiy fi ajajoonni waraana Itoophiyaa loltoonni isaanii gama daangaa Eertiraa irraan humnoota TPLF waraanaa akka jiran akeekaniiru.

Akka isaan jedhanitti miseensonni waraana Izii Kaabaa erga TPLF'n haleelamaniin duuba, daangaa qaxxaamuruun gara Eertiraa seenanii of gurmeessanii deebi'anii lolaa jiru.

Dhiyeenya soorama irraa gara Raayyaa Ittisaa kan deebi'an Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee, gareelee loltoota raayyaa ittisaa haleellaa Zaalambassaa, Raamaa fi Shiraarootti itti baname baqachuun gara Eertiraa seenanii turan qunnamuu dubbatan.

Loltoonni kunneen osoo dangaa Eertiraa hin seeniin deebi'anii loluun yeroos isaaniif hin danda'amu ture jedhan.

Loltoonni Itoophiyaa muraasa hin jedhamne magaalota Eertiraa keessatti mul'achuu fi kanneen madoo ta'an hospitaalota Eertiraa keessatti yaalamuu jiraattonni fi maddeen hospitaalaa BBC'f himanii jiru.

Maddi amanamaa ta'e tokko loltoonni Itoophiyaa lola irratti madaa'an, hospitaala magaalaa Kibba biyyattii Sanaafee jedhamtutti wal'aanamuu himeera.

Yaadannoo waraana daangaa dhiiga hedduu dhangalaase

Hariiroon badaan TPLF fi Eertiraa jidduu jiru waraana Itiyoo-Eertiraa bara 1998-2000 jidduu ture irraa ka'a,

Caamsaa 2000 lola marroo sadaffaaf taasifameen, loltoonni Itoophiyaa sarara ittisaa Eertiraa cabsanii seenuun Kibba Lixa biyyattii lafa bal'aa to'annoo jala oolchan.

Injifatamuun kun Isaayyaas Afawarqiif salphina guddaa ture. Hedduus ittiin qeeqamee jira.

Loltoota Itoophiyaa Caamsaa 2000

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Caamsaa 2000 loltooti Itoophiyaa magaalaa Eertiraa Baareentuu jedhamtu to'atan

Mootummaan Itoophiyaa TPLF'n durfamaa ture dirree dipiloomasii irrattis Eertiraa irratti injifannoo jabaa argate. Eertiraan waggoota dheeraaf biyya addunyaarraa citte taatee turte.

Pireezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii biyyootni lixaa lola daangaa kanarratti TPLFn kan durfamu mootummaa Itoophiyaaf loogan jechuun himataa ture. Koreen araarsituu idil-addunyaa murtee Eertiraaf tolu dabarse.

Isaayyaas MM duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawiin michoota isaa lixaa waliin ta'uun, aangoorraa isa darbachuuf shiraa ture jechuunis yakka.

Kanaaf jecha Eertiraan mormitoota Itoophiyaa qabsoo hidhannootti turan akka Ginboot-7, ABO, ONLF fi TPDM simachuun deeggaraa turte. Itoophiyaanis mormitoota Eertiraa simachuun deeggaraa turte.

Eertiraan naannoo Gaanfa Afrikaa jeequu fi Somaaliyaa keessatti garee amantii fiinxaleessan deeggaruun himatamaa turte. Sababa kanaan UN bara 2009 mootummaa Eertiraa qoqqobe. Eertiraan yeroo mara himata kana ni haalti.

Pireezidant Isaayyaas waraana keessa jiraachuu eeruun waggoota dheeraaf diimokiraasii didaa ture, mormitoota isaa hidhaa, miidiyaa walabaa ugguraa akkasumas tajaajila biyyaalessaa dirqama ta'e hojiirra oolchaa ture.

Sababa kanaan dargaggoonni biyyattii kuma dhibbaan lakkaa'aman godaanuuf dirqamaniiru.

Waliigaltee nagaa bara 2018

MM Abiy gara aangoo wayita dhufan wanti guddaan milkeessan tokko Eertiraa waliin nagaa buusuu ture.

Waxabajjii 05 bara 2018 aangootti bahanii osoo hin turiin, dhaabni biyya bulchaa ture kan amma diigame ADWUIn murtee komiishiniin daangaa Eertiraa fi Itoophiyaa bara 2002 dabarse akka fudhatu beeksise. Murteen kun Baadimmee Eertiraaf kan kennu ture.

Eertiraan hanga Itoophiyaan murtee kana haal-duree tokko malee fudhattee hojiirra oolchituutti mariif qophii miti jechuun didaa turte.

Callisa torbee lamaa booda Waxabajjii 20 uummattoonni biyyoota lamaanii misiraachootti hirribaa dammaqan.

Pireezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii "karoora itti aanuuf akka tolu dhugaa lafarra jiru kallattiin hubachuuf" jedhanii jila gara Finfinnee akka ergan beeksisan.

Haa ta'u malee wayita kana jedhanitti, haasadhuma sanaan diina isaa kan ta'an TPLF'f 'dhumateera' jedhan.

Karoorri Eertiraan Itoophiyaa waliin nagaa buusuuf qabdu TPLF kan hin hirmaachifne ta'uun yeroos barame. Yeroos TPLF dhaaba biyya bulchu keessaa hin baane ture.

Haa ta'u malee Isaayyaas waggaa 20 booda wayita gara Finfinnee dhufan hogganaa TPLF Dr Dabratsiyoon waliin wal arganii turan.

Sirna baniinsa daangaa Zaalambassaa fi Humaraa-Omhajaar FUlbaana 2018

Madda suuraa, Fitsum Arega

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna baniinsa daangaa Zaalambassaa fi Humaraa-Omhajaar Fulbaana 2018

Sirna baniinsa daangaa biyyoota lamaanii gama Zaalambassaa fi Humaraa-Omhaajaar irrattis, hogganoonni lamaan wal arganii harka wal fuudhanii turan. Kuni Fulbaana bara 2018 ture.

Adoolessa 8 bara 2018 wayita MM Abiy gara Asmaraa imalan, kun addunyaatti raajii ture. Sababni ammoo Pireezidant Isaayyas waggaa 20 oliif Itoophiyaa waliin araaramuu didee ture.

Afaan Tigriffaa qulqulluu ta'ee MM Abiy Asmaraatti biyyoota lamaan jidduutti boqonnaan nagaa fi wal ta'iinsa diinagdee haaraa banamuu labsan. Qalbii lammilee Eertiraa hedduus hawwatan.

"Daa'imman keenya hojii riqicha nuti diigne ijaaruu fi keenyan jibbaa nuti ijaarre diiguutiin ba'aa itti hin baay'ifnu," jechuun dubbatan.

"Yaa uummata Eertiraa jaalatamoo isiniif nagaatu mala. Waraanaa fi sagaleen waraanaa ni gaha," jedhan.

Sababa biyyoota lamaan jidduutti araara buusaniifis badhaasa Noobeelii Nagaa kan bara 2019 injifachuu danda'anii jiru.

'TPLF fi PFDJ'

Addi Bilisa baasaa Uummata Tigraay (TPLF) fi Addi Bilisa baasaa Uummata Eertiraa (EPLF kan booda PFDJ ta'e) osoo mootummaa Itoophiyaa duraanii Dargii waliin hin injifatiin hariiroo wal makaa qabu turan.

Bara 1975 hundeessitoota TPLF keessaa warri ijoon Eertiraa keessatti EPLFn ture kan leenji'an. Hanga bara 1985 Mangistuu kuffisuuf waliin ta'uun lolaa turan.

Haa ta'u malee garaa gartee yaadama siyaasaa qabaniif jecha yeroon isaan hariiroo qaban guutummaatti kutanis tureera.

Bara 1988 booda garuu deebisanii wal deeggaruu eegalan. Bara 1991 wayita TPLF Finfinnee qabatu loltoonni komaandoo fi mekaanaayzdii Eertiraa waliin turan.

Injifannoo booda waggoota 7 jalqabaa biyyoonni lamaan boqonnaa waraanaa cufanii, hariiroo naga qabeessaa fi wal ta'iinsa diinagdee jabaa qabaachaa turan.

Mallas Zeenaawii Fi Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, AFP

Hanga dubbiin akka hin taane ta'uu eegaluutti, hogganoonni dargaggoonni biyyoota lamaanii yeroosii Mallas Zeenaawii fi Isaayyaas Afawarqii hariiroo gaarii qabaachaa turan.

Booda bara 1998 lolli daangaa biyyoota lamaan jidduutti eegalee, bar-kurnee lamaa oliif nagaan dhabamee ture.

Kanaaf jecha wayita ammaa TPLF gara Eertiraatti quba qabuun waan nama ajaa'ibsiisuu miti.