Lola Tigraay Itoophiyaa: 'Jiddu seentummaa qaama alaa hin simannu' jedhan MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Waajjira MM
Ministirri Muummee Abiy Ahimad hooggantootnii fi loltootni TPLF harka akka kennatan yeroon kennan wayita dhumaa jirutti 'dhimma keessoo biyyatti irratti giddu seentummaa qaama alaa hin simannu' jedhan.
''Hawaasni idila addunyaa gidduu seentummaa fudhatama hin qabnee fi seera maleessa ta'eerraa of qusachuun, seera idila addunyaa kan ta'e 'qajeeltoo dhimma keessoo biyyaa gidduu seenuu dhabuu' akka kabajjan isin hubachiifna'' jedhan ibsa har'a kennaniin.
Ibsi kun wayita UN dabalatee dhaabbilee fi hoggantoonni addunyaa gara garaa lolli akka dhaabbatuu fi wal dhabdeen jiru mariin karaa nagaa akka furamuu dhiibbaa jabeessaa jiranitti bahe.
MM Abiy Dilbata darbe ibsa kennaniin, humnoonni mootummaa Federaalaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee marsanii akka jiran himaniiru.
Hoogganoonni TPLF fi loltootni isaanii sa'aa 72 keessatti harka akka kennatan ta'uu baannaan tarkaanfii xumuraa akka fudhatan himan.
Hoogganaan naannoo Tigraay gama isaaniin hanga dhumaatti falmachuuf murteessuu ibsan.
Ibsi qaamoleen lamaan kennan erga dhaagahameen booda miidhaan gahuu malu isa yaaddessuu Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii ibseera.
Yakki waraanaa raawwachuu akka danda'u wanti akeeku jira jechuunis lola kanaan lammiileen nagaa akka hin miidhamne hubachiiseera.
'Dhimma keessootti giddu seentummaa qaama alaa hin simannu'
MM Abiy Ahimad ibsa Roobii ganama barreefama Afaan Ingiliziin baasaniin lolli amma naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru kan eegale raayyaan ittisa biyyaa naannicha keessa jiru tasa haala hin eegamneen humnoota TPLF'n waraanaamuun akka ta'e yaadachiisan.
Kanneen gocha kana raawwatan seera dura dhaabuuf duulli gaggeessaa jiran kun ''dhimma keessoo biyyattii humna mootummaan ol hin taane'' jechuun ibsan.
Waliigalteen idil-addunyaa dhimma keessoo biyya birmadummaa qabdu tokkoo gidduu seenuu dhabuun akka kabajamu gaafata kan jedhu ibsi kun, bu'ura qajeeltoo kanaan hanga mootummaan Itoophiyaa gidduu seentummaan akka jiraatu gaafatutti seerri kun akka kabajamu hubachiisan.
Ibsi MM Abiy kennan kun kallattiin eenyu akka ilaallatu wanti ibsame hin jiru.


Gamtaan Afrikaa qondaalota olaanoo sadi muuduun jaarsummaaf gara Itoophiyaa ergus mootummaan Itoophiyaa mariif qophii akka hin taane ibseera.
Manni maree nageenyaa UN dhimma lola Tigraay irratti mari'achuuf beellama qabate ture erga haqee booda irra deebiin mariin akka gaggeeffamu murteesse.
Biyyootni miseensa mana marichaa ta'an akka Beeljiyam lola hammaataa jiruu fi gaaga'ama namoomaa geessisaa jiruun yaadda'uu himuun lolli ariitiin dhaabbate, mariin biyyaalessaa akka eegalu waamicha dhiyeessaa jiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
MM Abiy garuu ''fedha hawaasni idil-addunyaa opireeshinii olaantummaa seeraa kabachiisuuf gaggeeffamaa jiru deeggaruuf qabu ni hubannnaa ni dinqiisiifannas...hawaasni Idil-addunyaa mootummaan Itoophiyaa gaaffii deeggarsaa hanga dhiyeessutti qophaa'ee eeguu qaba'' jedhan.
''Akka biyya birmadummaa qabdu tokkootti Itoophiyaan daangaa ishee keessatti seerri akka kabajamu goochuuf mirga guutuu qabdi. Wanti amma raawwachaa jirus kanuma '' jedhan MM Abiy.
''Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu Kaaba Itoophiyaatti gaggeessaa jirruun lammiilee nagaaf eeggannoo gahaa gochuun, kasaaraa namoomaa lola TPLF eegaleen dhalate hir'isaa jirraa'' jechuunis ibsan.
Lola naannoo Tigraay keessatti mootummaa Federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti adeemaa jiru gara waraana hammaataa naannoo Baha Afrikaa tasgabbii dhorkuutti akka hin ceene UN dabalatee dhaabbileen idila addunyaa hedduun yaaddoo isaanii ibsuun akkamiin kana hanqisuun akka danda'amurratti mariitti jiru.
MM Abiy gama isaaniin michoota isaanii idil-addunyaan ''Itoophiyaan rakkoo keessoo kana ofiin furuuf humna gahaa qabdii'' jedhan.
''Cimsee hubachiisuu kaniin fedhu Itoophiyaan adeemsa seera ofii qabduu fi gaafatama idil-addunyaa eeguun rakkoo kana furuuf fedha fi dandeettii qabaachuu isheeti.''
Bu'uura kanaan ''dhimma keessoo biyyaa irratti gidduu seentummaa qaama alaa kamuu hin simannu" jedhan.
Lolli erga eegalee torbee sadi lakkoofsise kanaan lubbuun namoota dhibba hedduun lakkaa'amuu darbuu akka hin oolle himama.
Namoonni 40,000 ol daangaa qaxxaamuruun Sudaanitti kan baqatan yoo ta'u, kan naannoo Tigraay keessatti rakkoof saaxilaman hedduu ta'uus dhaabbileen deeggarsaa himaa jiru.
Deeggarsi namoomaa godhamu ulaan akka banamus waywaachaa jiru.
Mootummaan federaalaa Maqalee irraa kan hafe magaalota gurguddoo naannoo Tigraay mara to'achuu hima.
Mootummaan naannoo Tigraay gama isaan adda waraanaa gara garaa irratti injifannoo argachaa jiraachuu fi loltoota mootummaa federaalaa 'daran miidhaa' akka jiru hima.
Roobii galgala sa'aatiin 72 MM Abiy kennan xumuramuu hordofee lolli akka itti fufu eegama.















