Lola Tigraay Itoophiyaa: Akkamiin waraanni itoophiyaafi TPLF buufata xiyyaaraarratti walitti bu'an

- Barreessaa, Piitar Miwaayi fi Kiristoofar Giilis
- Gahee, BBC Reality Check
Buufati xiyyaaraa naannoo Kaaba Itoophiyaatti argamuufi murteessaa ta'e lola adeemaa jiruun bakkee ijoo qaamoleen lamaan irratti waldhaban ta'eera.
Qaamoleen mootummaatti hidhata qaban waraanni mootummaa Itoophiyaa buufata xiyyaaraa Aksuum akka to'ate himan. Haa ta'u malee, kuni humnooti Tigraay guyyoota darbanitti lafa xiyyaarri irrattu fiigu diddiiguurraa waan dhorke hin fakkaatu.
Haalli kominikeeshinii naannicha keessa jiru gara caalu waan adda citeef, haalli ture ifa miti.
Haala ture baruuf suuraawwan muraasa gadhiifaman ilaalleerra. Dabalataan, suuraa saatalaayitii buufata xiyyaarichaafi taateewwan turan duraa duubaan walitti fiduuf yaalleerra.
Lola buufata Aksuum to'achuuf
Akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasummaa mootummaatti hidhata qaban akka ibsanitti, humnoonni Itoophiyaa buufata xiyyaarichaa ALA Sadaasa 11 to'atan.
Hangasitti harka humnoota naannoo Tigraay (TPLF) jala ture.
Buufanni xiyyaaraafi naannawi suni guyyaa sana harka loltoota Itoophiyaa waan ifatti seene miti.


Gaafa Kamisaa, Sadaasa 19, bulchaan Naannoo Tigraay Dabratsiyoon G/Mikaa'el magaalli Aksum harka isaanii jala akka jirtu Rooyitarsitti himaniiru. Kuni buufata xiyyaaraallee dabalachuun isaa ifa miti.
''Aksum nu harka jirti - garuu waraanni Aksuum qabachuuf ergame jira - lolli jira,'' jedhan Dr Dabratsiyoon.

Gaafa Jimaataa, Sadaasa 20, mootummaan Aksum to'achuu isaa beeksise. TPLF bu'uuraalee misoomaa diddiiguus ibse.
Gaafa Dilbataa, Sadaasa 22, mootummaan miidiyaa suuraafi viidiyoo daandii buufata xiyyaaraa xiyyaarri irra fiiguufi diddige mul'ise. Waan qotame fakkaatus mul'ata.
Akka gabaasa miidiyaa mootummaatti TPLF ''buufata xiyyaaraa diinagdeefi ummata Aksumif waan guddaa gumaate qotee ballesseera.''

Suuraaleen kuni dhugaa ta'u isaanii baruuf deeggarsa 'Planet Labs' dhaan suuraa saatalaayitii osoo haleellaan hin raawwatiiniifi isa booda jiru ilaalleerra.

Madda suuraa, Planet Labs
Gaafa Kamisaa, Sadaasa 19, daandiin xiyyaarri irra fiigee balali'u akka hin diigamne mul'isa.
Suuraan gaafa Wiixataa, Sadaasa 23, kaafame sarara buufata xiyyaaraa agarsiisa. Kunis, gabaasa miidiyaa mootummaa sararri buufata xiyyaaraa akka xiyyaarri hin qubanne dhorkuuf qotamuu isaa waliin wal sima.

Madda suuraa, Planet Labs
Qorannoon biraas argannoo walfakkaataatti geesse.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Motummaan Naannoo Tigraay waan buufata xiyyaaraatti mudateerratti hanga yoonaa yaada hin kennine.
Dr Dabratsiyoon TPLF buufata xiyyaarichaa diddiiguu haalaniiru. Ta'us, waraanni Itoophiyaa akka fuulduratti hin qajeelle danqaan kaa'amuu mirkaneessan.
Suuraalee dogoggorsaa
Intarneetiifi qunnamtiin mobaayilii gara caalu Tigraay keessa waan adda citeef waan lafa jiru sirriitti baruuf ni rakkisa.
Miidiyaan mootummaa Itoophiyaa bakkeewwan waraanni to'ate dhaqee olaantummaan gabaasaa jira. Miidiyaa hawaasummaa irrattimmoo suuraalee dhugaa hin taaneefi dogoggorsiisoo ta'an irratti qoodamaa jiru.
Erga waraanni Itoophiyaa buufata xiyyaarichaa to'achuun gabaafamee booda, miidiyaalen hawaasummaa mootummaatti hidhata qaban, miseensonni waraanaa buufata xiyyaaraa jiraachuu isaanii fakkeessuuf suuraalee durii lolicha waliin walitti hin dhufne qoodaniiru.

Haaluma walfakkaataan, erga miidiyaan Itoophiyaa TPLF buufata xiyyaarichaa diddiiguu gabaasee booda, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa gamoo tarminaalaa buufatichaa haalaan diddiige qoodaniiru.

Garuu suuraa qoodame keessaa haleellaa buufata xiyyaaraa Liibiyaa bara 2014 raawwate ture.
Humaan Raayitis Waach mootummaan Itoophiyaa naannichatti tajaajila kominikeeshinii akka deebisu gaafateera.
Buufanni Aksum maaliif barbaachisaa ta'e?
Itoophiyaan biyya guddoo waan taateef waraana biyyaaf buufataaleen xiyyaaraa waan barbaachisu fiduufi namoota sochoosuf barbaachisaadha.
Naannawi Aksuumis sababoota seenaaf barbaachisaadha.
Daarektarri Mana Barumsaa Dhimmoota Idil - Addunyaa Balsillie Pirofeesar Ann Fitz-Gerald ''baay'ee barbaachisaadha. Sababni isaas buufataaleen xiyyaaraa Baahirdaariifi Goondaris miidhamaniiru waan ta'ef.
''Nageenyi buufataalee xiyyaaraammoo loltoota sochoosuufi qunnamtii itti fufsiisuuf haalaan barbaachisaadha,'' jedhan.
''Humnoonni nageenyaa buufata xiyyaarichaa qabaachuu yoo dhaban, tooftaan qaban balleessuudha. Waan doorsifamaniif tooftaa xumuraa ta'u mala,'' jechuun himu.















