Lola Tigraay Itoophiyaa: 'Gareen yakkamaa riphee loltummaatti deebi'uf ga'umsa hin qabu'

Madda suuraa, Reuters
Oppireeshiniin waraanaa mootummaan federaalaa Naannoo Tigraay keessa adeemsisaa jiru gara xumuramutti dhihaachuu waajjirri Ministeera Muummee ibsa Wiixata har'aa baasen beeksise.
Torban dura humnoonni federaalaa magaalaa Maqalee erga to'atan booda oppireeshinichi xumura akka argate ibsamus bakkeewwan garaagaraatti lolli akka ture gabaafamaa ture.
Ibsi kun hojiin amma mootummaan itti jiru humnootii TPLF kanneen miliqan seeratti dhiheessuu, seeraa fi tasgabbii mirkaneessuu, akkasumas lammiileen buqqa'anii fi naannicha keessa jiran gargaarsa namoomaa akka argatan gochuudha jedheera.
Dabalataan, tajaajilli telekomii fi daandii 'garee yakkamaan' diigame jedhe sirreessuun tajaajilatti deebisuu akka ta'e ibse.
Erga Sadaasa bultii 04 haleellaan buufata waraanaa federaalaa Naannoo Tigraay jirurratti mudatun ibsame as bakkeewwan hedduu naannichaatti tajaajilli bu'uraalee kanneen akka ibsaa fi telekomii adda citeera.
Torban darbe Itiyoo Telekoom magaalota muraasatti tajaajilli kuni hamma tokko akka eegalu gochuu ibsuun, yeroo dhihoottis guutummaatti akka gadhiifamu hojjetamaa jira jedheera.
Gama ibsaanis tajaajilli akka deebi'u hojjetamaa jiraachuu gabaafameera.
'Riphee loluuf ga'umsa hin qabu'
Yeroo lolli Naannoo Tigraayitti eegale humnoonni TPLF cimoofi waraanaan kan qoraman, akkasumas meeshaa waraanaa cimaa kan hidhatan waan ta'anif lolli akka MM Abiy jedhan dafee raawwachuu dhabuu mala jedhamaa ture.
Kanaanis, lolli Tigraay keessaa riphe loltummaatti geessuu mala jechuun kanneen ibsan turan. Oppireeshinii waraanaa torban sadiif taasifameen waraanni federaalaa Maqalee to'ateera.
Dubbiin waa'ee hidhattoota TPLF gadhiifame 'soba' gareen yakkamaa ittiin jedhan gadhiisedha kan jedhe ibsi waajjira MM.
TPLF duubatti deebi'un isaa tooftaaf akka ta'e akkasumas caasaa naannichaa qabatee socho'uus inni ibses dhugaarraa kan fagaate jechuun himate.
''Wanti dhugaa garuu gareen yakkamaa sirriitti mo'ameera, addas faca'eera. Riphee loltummaa gaggeessuufis ga'umsa dandeessisurra hin jiru,'' jechuun ibse.
''Sobaafi hokkora akka meeshaa waraanaatti bara gareen yakkamaa riphee loltummaa keessa ture hojjechuu mala,'' jechuun kanneen ijoo garee kana keessa jiran amala kana itti dhiisu diduu agarsiisa jedhe.


Dhalattoonni Tigraay nagaa, tasgabbii, bilisummaa fi guddina barbaadu jechuun gareen kun garuu of jijjiiruu yoo dide Itoophiyaa ijaaruuf michuu amansiisaa ta'u hin danda'u jechuun ibse.
''Bakka ka'umsi ijoo kanaaf sababa ta'u hin jireetti gareen yakkamaa biyya keessas ta'e ala michuu xiqqaa qabuufi adda faffaca'e jiruuf lolli riphee loltummaa waan mudatu miti.''
Itti gaafatamummaafi haqarraa baqachuuf araara idil-addunyaa gaafateera jechuun kan himate mootummaan, TPLF 'himannaa sobaa' dhiheessaa ture jechuun hime.
'Gareen yakkamaa lammiilee nagaaf hin dhiphatu'
Gama kaaniin, dhaabi TPLF kan hoggantoonni isaa ijoo ajajni hidhaa itti bahe barbaadamaa jiran irra deddebbiin lammiileen nagaa mootummaa federaalaan ajjeefaman jechuun himataa turan.
Opireeshinii kanaan lammiileen nagaa hin ajjeefamne kan jedhu mootummaan federaalaa, 'gareen yakkamaa' lammiilee nagaaf dhiphata jechuun waa hin yaadamnedha jechuun ibse.
''Gareen miseensota raayyaarratti ajjeechaa raawwate, akkasumas Maayikaadiraatti ajjeechaa raawwate, magaalota Baahirdaariifi Gonda ummanni hedduu keessa jiraatutti meeshaa waraanaa dhukaase, miseensota raayyaa ukkaamseefi lammilee nagaa akka dahootti fayyadame lola gaggeessu lammiilee nagaaf dhiphata jechuuf hamlee hin qabu,' jechuun ibse.
Bara wagoota 30'tti dhihaatuf dhaabichi Itoophiyaa bulches lammiileen nagaa dararamu yaadachiise ibsi kuni.
Doktorri fayyaa Humaraarraa gara Sudaanitti baqachuu himan BBC'tti akka dubbatanitti lola kanaan lammiileen nagaa du'aniifi miidhamanillee jiru.
''Eegumsiifi nageenyi lammiilee keenya hundaa tiksuun hojii ijoo mootummaa federaalaati,'' jedheera ibsichi.
Torban darbe mootummaan Itoophiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliin kanneen Naannoo Tigraayitti deeggarsa fedhanif deeggarsa geessuuf waliigalaniiru.
Hojiin kun hojjetamaa jiraachuu waajjirri Ministira muummee ibseera. Deeggarsi kuni baqattoota naannicha keessa jiran kan ilaallatu ta'unis ibsame.
Mootummaan lammiilee baqatan ni deebisa, akka jireenyi duriitti deebi'anis deeggarsa taasisa jedheera. Lammiileen gara Sudaanitti baqatan 40,000 ol ta'u.
Bakkeewwan hedduu naannichaatti tajaajilli telekomii waan adda cuteef ammallee haala lafa jiru jiraattotarraa baruun rakkisaadha.















