Lola Tigraay Itoophiyaa: 'TPLF waan rukutameef gahumsa ittiin lolu hinqabu' - Zaadig Abirahaa

Lola Tigraayiin TPLF ammatti rukutameera waan ta'eef gahumsa ittiin lolu hinqabu jechuun Ministirri Ijaarsa Demookraasii Itoophiyaa Obbo Zaadig Abrahaa BBCtti himan.
Gama kaaniin ammoo aanga'aan TPLF Obbo Getaachaw Raddaa ''lolli hin xumuramne, hin xumuramus'' jechuun TV Tigraay irratti dubbatan.
Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa Magaalaa guddoo Tigraay Maqalee to'achuu isaa erga ifa taasisee torban tokko ta'uuf deema.
Itti aansees Ministirri Muummee Abiy Ahimad oppireeshiniin lola motummaan isaanii naannichatti gaggeessaa ture xumurameera jechuunsaanii ni yaadatama.
Miidiyaaleen motuummaafi kanneen motummaan hidhata qabanis guyyaa Roobiitii kaasee magaalaa Maqaleetii tamsaasa eegaluun, magaalattiin sochii nagaatti deebi'aa jiraachuu himan.
Jiraattonni sochii idilee isaanii eegaluufi raayyaa ittisaa waliin hojjenna jechuus miidiyaaleen kunneen gabaasaniiru.
Faallaa kanaatiin ammoo TVn Tigraay kan eessaa akka tamsaasaa jiru hinbeekamnes, ammalleen humnootiin TPLF dhiheenya magaalaa Maqaleetti lolaa jiraachuu gabaase.
Dubbii himaan waraana Tigraay ibsa guyyaa Roobii TV kanarratti kennaniin, lolli hammaatee itti fufuu himanii, Kibxata darbe taankii 11 barbadeessineerra jedhan.
Miseensi koree hojii raawwachiiftuufi dubbi himaan TPLF Obbo Getaachaw Raddaa ammoo Kamisa galgala TV Tigraayiitti dhiyaachuun lolli hin xumuramne jedhan.
Namni dhaabbata miti mootummaaf hojjatuufi intarneetii saataalaayitiitti fayyadamuuf carraa qabufi kan ammatti magaalaa Maqaleetti argamu tokkos dhiheenya magaalattii dhukkaasni akka dhagahamu BBCtti himeera.
Magaalattii irraa tilmaamaan fageenya kiloomeetira 20 hanga 30 hincaalle irraa dhukaasni meeshaalee waraanaa gurguddaan irra deddeebiin ni dhagahama jedhan namni kun.

- Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali? Oduu gabaabaafi dheeraa
- Lola Tigraay: 'Obboleessi koo quxisuun qorichi guddoo isa barbaachisa'
- Gabaasa dhugummaa suuraalee lola Tigraayin walqabatan mirkaneessu
- Lolli Tigraay keessaa riphee loltummaatti deemuu malaa?
- Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?
- Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eenyudha?

Obbo Zaadig maal jedhan?
Ministirri Ijaarsa Dimokraasii Itoophiyaa Obbo Zaadiig Abrahaa dhimmacharratti BBCn dubbise, TPLF ammatti rukutameera waan ta'eef gahumsa ittiin lolu hinqabu jechuun BBCtti himan.
Miseensonni TPLF bakka bakkatti ciccitanii jiran shaakalaaf jecha dhukaasuu danda'u. Sagaleen dhagahamuus sana ta'uu malas jedhan.
Obbo Zaadiig ''Ammatti lolli gaggeeffamaa jiru hin jiru. Kan jiru garee 'shororkeessitoota' muraasa qubaan lakkaa'aman hordofanii to'achuu qofaatu hafe,'' jedhan.
Itti dabaluunis TPLF ammatti gahumsa lola gaggeessuu isa dandeessisu hinqabu kan jedhan Obbo Zaadiig; loltuu, meeshaalee gurguddaafi deeggarsa ummataallee hinqabu jedhan.
'Maqalee galuu jechuun Maqalee to'achuu miti'
Haata'u malee Obbo Geetaachoo Raddaa kan erga Waraanni mootummaa Federaalaa magaala Maqalee to'atanii yeroo duraaf Kamisa galgala TV Tigraay irratti dhiyaatan, ''lolli kun hin xumuramne'' jedhan.
''Maqalee galuu jechuun Maqalee to'achuu jechuu mitis'' jedhaniiru.
Humni isaanii magaalaa Maqalee kan gadhiiseef ''erga dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon bakka bu'oota hawaasa magaalittii waliin mari'atanii booda nageenya uummataaf jechuun,'' jedhan.
Bilbilliifi tooftaaleen qunnamtii kaan waan hindeebineef, akka mootummaan jedhu Magaalaan Maqalee sochii nagaatti deebi'aa jiraachushee ykn akka humnootiin TPLF jedhan naannawa magaalatiitti lolli jiraachuu adda baafachuun rakkisaadha.


Kana malees suuraaleen lola guyyaa Sambataa rayyaan ittisaa Maqalee hingaliin dura gaggeeffameen siviloota irra miidhaan qaqqabuu mullisan, maddeen hospitaalota Maqalee irraa argamaniiru.
MM Abiya tibba miseensoota paarlaamaatiif ibsa kennaniittis oppireeshinii Maqalee to'achuuf gaggeeffameen, namni sivilii tokkollee miidhaan irra hingeenye jechuunsaanii ni yaadatama.
Obbo Zaadig dhimma kanarratti gaafatamanii, ''Haasaan MM ragaa sirriirratti kan hundaa'edha. Oppireeshiniin gaggeeffamees kan haalaan itti yaadame waan ta'eef, gama keenyaan guutummaatti miidhaa sivilii hambifneerra,'' jedhan.
Ummanni Tigraayiitti argamu kan keenya waan ta'eef, waldhabdeefi aariin garee TPLF irratti qofa waan ta'eef, ummata balaa irraa hambisuuf of eeggannoon taasifamuu himan.
Kana jechuun ammoo jedhan Obbo Zaadig, ''gama keenyaan namoota nagaa irra miidhaan hinqaqqabne jenna malee, kan gama isaanii jechuu keenya miti. Siviloota dahachuun turuuf yaalanii ture. Kanaafuu sababii sanaan kan dhufe ta'u mala,'' jedhan.
Gocha Maayi Kaadiraatti raawwatame Maqalee irratti mudachuu akka danda'u ragaaleen tika irraa argaman ni mul'isu waan tureef, qaama isaa ta'uu danda'as jedhan.
Ammatti ragaa akka hinqabneefi waljalaan Maqaleen wayita guutummaatti tasgabbooftee ragaalee akka qulqulleeffatan himan.
Kana malees maddi oduu Rooyitaris yoo xinnaate hojjattoonni dhaabbilee tola ooltummaa afur sababii lolaatiin ajjeeffamaniiru jechuun gabaaseera. Dhimmicha irratti wanti mootummaan beeku ilaalchisees BBCn Obbo Zaadiig gaafatee ture.
''Akkuma beekamu wayita akkanaatti oduun gara garaa himamuu danda'a. Nutis ammaan tana ragaan qullaa'aa, tajaajilli bilbilaa deebi'aa, daandiin siirrataa waan jiruuf waljalaan qulleeffamaa kan dhufu ta'a.
Kanaafuu ammatti kana hin beeku. Ta'us wanti muummeen gama keenyaan guutummaatti miidhaa sivilii hambiifneerra kan jedhu jala muruu barbaachisaadha,'' jedhan.
Lolli mootummaa federaalaa fi humnootii TPLF gidduutti eegale amma ji'a tokko keessa jira.
Magaalaa Maqalee dabalatee naannoon Tigiraay irra caalaan to'annoo mootummaa federaalaa jala galuu MM Abiy Ahimad himuunsaanii ni yaadatama.
Waraana kana hordofee namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbuusaanii yoo dhaban kenneen 40,000 ol tahan ammoo qe'ee isaanii irraa baqatanii biyya ollaa Sudaan galaniiru.
Isaaniin deebisanii galchuufi deeggarsi namoomaa bakkeewwan barbaadamanitti akka dhiyaatan gochuuf akka hojjetu mootummaan ibsameera.
Haaluma kanaanis mootummaafi UN haala gargaarsi namoota barbaachisuuf itti gahurratti waliigalteerra gahunsaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.


















