Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa dhaabatee mariin akka eegalamu Pompewoon gaafatan

Abiy Ahimad (bitaa) fi Maayik Pompewoo (mirga)

Madda suuraa, Getty Images

Kaaba Itoophiyaatti lolli dhaabatee waldhibdeen dhalate mariin akka furamu Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Pompeyoo gaafatan.

Poompewoon kan kana jedhan marii bilbilaan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin guyyaa Wiixataa taasisaniin.

Dubbiin Pompewoo erga mootummaan federaalaa Naannoo Tigraay keessa oppireeshinii gaggeesse xumuruu ibseefi naannicha ijaaruf akka dalagu hime booda dhagahame. Humnoonni TPLF immoo lolli itti fufuu ibsaniiru.

Gama kaaniin immoo miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaaba biyyattiitti haleellaa irratti raawwaten to'atamanii turan gadhiifamuun gabaafameera.

Pompewoon maal jedhan?

Pompewon ergaa Tiwiitara isaanii gubbaa barreessaniin MM Abiy Ahimad waliin gaafa Wiixataa bilbilaan mari'achuu ibsan.

Mootummaan Itoophiyaa Sadaasa 28, 2020 oppireeshiniin waraanaa xumuruu ibsuun ibsa baase akka quba qaban ibsuun, ta'us wal hammessuu amma mul'atuufi balaa lolichi fiduu maluun yaadda'uu ibsan jedhe waajjirri isaanii.

''Lolli Tigraay keessaa dhaabatee mariin akka eegalu, akkasumas tajaajilli deeggarsa namoomaa danqaa hin qabneefi nageenya qabu akka banamu gaafadhe,'' jedhan Pompewoon.

Itti fufaniis, ''waldhibdee kana hiikuun Itoophiyaa daandii dimookiraasiirraa itti fufsiisuun barbaachisaadha.''

Mootummaan Itoophiyaa kana dura hulaa deeggarsa namoomaa banuufi qaamolee deeggarsa taasisan waliin akka dalagu ibseera.

Biyyoota haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti humnoota TPLF'n raawwate balaaleeffate keessaa Ameerikaan tokkodha. Pompewoon yeroo humnoonni TPLF rokeetii Asmaraafi magaalota birootti darbatanis qeeqaniiru.

Dubbii Himaan Itti - aanaa Ministeera Dhimma Alaa US, Cale Brown akka ibsanitti, marii Pompewoon MM Abiy Ahimad waliin taasisaniin adeemsa mariin furuufi araara buusuu irratti Ameerikaa dabalatee kaanis akka deeggaran ibsan.

Itoophiyaan loli Tigraay keessaa dhimma keessoo ta'u ibsuun, dhiibbaa qaama alaa akka hin fudhanneefi qondaaltota TPLF himatan waliinis akka hin mari'anne irra - deddeebiin ibsaniiru.

Marii Pompewoo booda addatti gama Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa wanti jijjiirame jiraatuu isaaf ibsi agarsiisu hin jiru.

Mootummaan Itoophiyaa mirga namoomaa dhalattoota Tigraayis ta'e saboota kaan akka kabachiisu Pompewoon gaafachuullee ibsan.

Dabalataan Pompewoon hariiroo cimaa US Itoophiyaa waliin qaban kaasuun, riiformii seena-qabeessa biyyatti akka deeggaraniifi nageenyaafi badhaadhina Gaanfa Afrikaaf Itoophiyaan barbaachisaa ta'u kaasu isaanillee ibsan.

Wanti haaraa maali?

Qondaaltonni siyaasaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT) miseensota waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 4,000 ol gadhiisu beeksisan.

Kunneen yeroo humnoonni TPLF buufata waraanaa Izzii Kaabaa irratti haleellaa raawwatan kan to'atamanidha.

Haleellaan kunis waraanni federaalaa naannichatti oppireeshinii akka gaggeessuuf jalqabbii ta'eera.

Gama kaaniin miidiyaan biyyaalessaa EBC akka gabaasettimmoo miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa 3,000 ol gadhiifamu ibsuun magaalaa Dabaarqitti simannaan isaaniif taasifamuu ibse.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

''Kan ukkaamfamanii fudhatamaniifi hin lollu jedhanii miliqanidha,'' kan jedhe EBC'n, jiraattonni Godina Kaaba Gondar simannaa isaaniif taasisu ibse.

Kunneen, Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Birhaanuu Juulaa loltoota 7,000 ol gadhiisisne kan jedhan keessaa jiraachuufi dhabuun garuu ifa miti.

Kanneen keessaa muraasni dhalattoota Tograay ta'uutu gabaafame. TPLF garuu kuni akka ololaati jedhee fudhachuu mala.

Gaafa Wiixataa MM Abiy waraanni Naannoo Tigraayitti taasifame xumura argatuu himanis, qondaaltonni TPLF garuu lolli itti fufuu himu.

Komishiniin mirga namoomaa maal jedhe?

Ibsa kaleessa, Wiixata, baasen Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhalattoonni Tigraay erga lolli eegale addatti fo'amuu isaanii komiin isa dhaqqabuufi kanaanis yaadda'uu ibse.

Dabalataan, mootummaan tajaajila telekoomii akka deebisu gaafate.

Komishinichi loogiin saba bu'uura godhate dhalattoota Tigraay irratti isaaf dhihaatu akka isa yaaddesseefi hordofaa akka jirullee ibse.

Komiiwwan kunneenis namoota muraasa irratti dirqiin boqonnaa akka bahan, akkasumas imala hojiifi barnootaaf taasifaman dhowwuu akka ta'e fa'i ibse.

Imaamatnis ta'e seerri kana eeyyamu jiraatuu baatus, adeemsi shakkamtoota muraasa qabachuuf hojiirra oole hawaasarratti dhiibbaa uumaa jira jedhe.

Kana furuufis qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin marii taasise jedheen akka dafee furamu deebii argatuu isaa beeksiseera. Kanas akka fudhatu ibse.

Ta'us, ammallee itti dhiheenyaan hordofaa akka jiruufi qaamoleen mootummaa dhimmichi ilaallatu, keessumaammoo hojjettonni tikaa buufata xiyyaaraa jiran 'sababa gahaa malee' imaltoota akka hin dhorkine cimseen akeekkachiisa jedheera.

Rakkoon N. Tigraay keessaa maal ture?

Aangoo, filannoofi riformiin siyaasaa sababoota hedduu waldhibdeen kuni akka ka'u ka'umsa ta'an keessaati.

Waldhabdee yeroo dheeraaf motummaa fedeeraalaafi TPLF kan naannoo Tigraayi bulchu jidduutti uumamee ture, filannoon biyyaaleessaa bara darbee gaggeeffamuuf ture sababii Covid-19n yeroo biraatti dabarfamuun caalaa haallichi akka harbaa'u taasiseera.

Itti aansees filannoo naannoon Tigraay qofaatti gaggeessee motummaa federaalaan fudhatama dhabeera. Mana maree biyyattiin seeraan ala jedhamuunis kuffifameera.

Waldhibdeefi wal himannaa ittii cimuunis jalqaba baatii dabretti Izzii kaabaa waraana federaalaa irratti humnootii TPLFn halleelaan raawwatameera jechuun MM tarkaanfiin akka fudhatamuuf ajajuunsaanii ni yaadatama.

Lola motummaan federaalaa ''seera kabachiisuu'' jechuun torban sadan oliif fudhateenis, namoonni lakkoofsi isaanii sirriin hinbeekamne yoo lubbusaanii dhaban, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo gara Suudaaniitti baqataniiru.

Sanbata darbe Magaalaa guddittiin naannichaa Maqaleen to'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa jala erga oolfameen booda, duulli waraanaa xumuramuusaa MM Abiy Ahimad himunsaanii ni yaadatama.