Lola Tigraay Itoophiyaa: Hojjettonni tikaa ‘sababa gahaa malee’ imaltoota akka hin dhorkine komishinichi akeekkachiise

Dr. Daani'eel Baqqalaa

Madda suuraa, EHRC/FB

Mootummaan Federaalaa ijaarsa Naannoo Tigraayirratti xiyyeeffannon taasise dirqamoota mirgoota namoomaa kabajuufi eguun kan durfamu ta'uu qaba jedhe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Mootummaan Federaalaa oppireeshinii 'olaantummaa seeraa kabachiisuuf' jedheen torban sadiif gaggeesse Jimaata darbe xumuruu ibsuun, ammaan achi naannicha ijaaruufi gargaasa namoomaa irratti akka xiyyeeffatu ibseera.

Lola kanaan haga ammaa kanneen dhibbaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, kumaatamni ammoo qe'eesaanii dhiisanii baqataniiru.

Naannichatti maloonni qunnamtii adda citanii waan jiraniif, odeeffannoo argachuun daran ulfaata.

Ibsi komishinichaa maal jedha?

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa guyyaa Wiixataa baaseen, kana durallee yeroo oppireeshiniin gaggeeffamu lammiileen nagaa akka hin miidhamne yaadachiisuu isaa ibse.

Ammallee dhimmoota mootummaan xiyyeeffannoo itti kennuu qaba jedhe ibseera.

Miseensonni maatii wal biraa badan akka wal argan, deeggarsi namoomaa akka dhaqqabu, akkasumas tajaajiloonni ijoo ummataaf akka gadhiifaman gaafate.

Kanneen keessaa tajaajilli telekoomii, bishaanii, elektirikii dabalatee tajaajiloonni bu'uuraa kana fakkaataniifi tajaajilli qaamolee deeggarsa namoomaa kennan bakka duriitti akka deebi'an gaafate.

Dabalataan, kanneen lola tureen qe'eerraa buqqa'aniifi baqatan qe'ee isaanitti akka deebi'an akkasumas maatiirraa kan adda bahan akka walitti dhufan haalli akka mijatu gaafate.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Kanaafis, lojistikiifi bu'uraaleen misoomaa mirga namoomaa akka ijaaraman jedhe.

Dabalataan, itti gaafatamummaa mirkaneessuufi kanneen buqqa'an deebisanii dhaabuuf; akkasumas sarbamni mirga namoomaafi miidhaan namoomaa dhaqqabsiise qorachuuf adeemsi ifaafi walaba ta'e ammumaa akka hojiirra oolu gaafateera.

Adeemsonni araaraafi haqaa amanamummaa qabaniifi loogii hin qabne akka qophaa'anis komishinichi ibsa baaseen gaafateera.

Komishinichi loogiin saba bu'uura godhate dhalattoota Tigraay irratti isaaf dhihaatu akka isa yaaddesseefi hordofaa akka jirullee ibse.

Komiiwwan kunneenis namoota muraasa irratti dirqiin boqonnaa akka bahan, akkasumas imala hojiifi barnootaaf taasifaman dhowwuu akka ta'e fa'i ibse.

Imaamatnis ta'e seerri kana eeyyamu jiraatuu baatus, adeemsi shakkamtoota muraasa qabachuuf hojiirra oole hawaasarratti dhiibbaa uumaa jira jedhe.

Kana furuufis qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin marii taasise jedheen akka dafee furamu deebii argatuu isaa beeksiseera. Kanas akka fudhatu ibse.

Ta'us, ammallee itti dhiheenyaan hordofaa akka jiruufi qaamoleen mootummaa dhimmichi ilaallatu, keessumaammoo hojjettonni tikaa buufata xiyyaaraa jiran 'sababa gahaa malee' imatoota akka hin dhorkine cimseen akeekkachiisa jedheera.

Rakkoon N. Tigraay keessaa maal ture?

Waldhabdee yeroo dheeraaf motummaa fedeeraalaafi TPLF kan naannoo Tigraayi bulchu jidduutti uumamee ture, sababii filannoon biyyaaleessaa bara darbee gaggeeffamuuf ture sababii Covid-19n yeroo biraatti dabarfamuun caalaa haallichi akka harbaa'u taasiseera.

Itti aansees filannoo naannoon Tigraay qofaatti gaggeessee motummaan federaalaa fudhatama dhabeera. Mana maree biyyattiin seeraan ala jedhamuunis kuffifameera.

Waldhibdeefi wal himannaa ittii cimuunis jalqaba baatii kanaatti Izzii kaabaa waraanaa federaalaa irratti humnootii TPLFn halleelaan raawwatameera jechuun MM tarkaanniifiin akka fudhatamuuf ajajuunsaanii ni yaadatama.

Lola motummaan federaalaa ''seera kabachiisuu'' jechuun torban sadan oliif fudhateenis namoonni lakkoofsi saanii sirriin hinbeekamne yoo lubbusaanii dhaban, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo gara Suudaaniitti baqataniiru.

Sanbata darbe Magaalaa guddittiin naannichaa Maqaleen to'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa jala erga oolfameen booda duulli waraanaa xumuramuusaa MM Abiy Ahimad himunsaanii ni yaadatama.