Lola Tigraay, Itoophiyaa: Qondaaltonni TPLF fi humnoonni addaa Maqaleerraa baqatan eessa jiru?

Madda suuraa, EPA
Sambata darbe humnoonni waraanaa federaalaa Itoophiyaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay to'achuun erga ibsameen booda qondaaltonni TPLF ifatti eessa akka jiran hin beekamu.
Dura taa'aan TPLF Dr Dabrasiyoon G/Mikaa'el miidiyaalee waliin ergaa gabaabaan wal arguurra bakka jiran hin dubbanne.
Erga magaalaan Maqalee to'atameen booda ammoo hojiin itti aanuu qondaaltota TPLF adamsanii to'achuun seerratti dhiyeessuun gahee miseensotai poolisii federaalaa akka ta'ulleen MM himanii turan.
Qondaaltonni TPLF eessa jiru?
Loltoonni Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (ABUT), erga magaalaan Maqaleen harkaa baatee booda moggaatti ba'uun wayita bifa haaraan of-gurmeessan argamaniiru.
Kanas Ministira Mummee Abiy Ahimad turan Wiixata kaleessaa wayita gaaffii miseensoota paarlaamaa deebiisaniitti kan himan.
Abiy Sambata darbe magaalaa Maqalee to'achuu labsuun oppireeshiniin xumuramuu himanii turan.
Dura Taa'aan TPLF, garuu itti fufanii akka lolan dubbatan, lolli guutummaatti hin dhaabbannees jedhu qondaalli kun.
Ministirri Muummee Abiy ammoo loltoonni TPLF maqalee dheessanii baqatan eessa akka riphan beekna jechuun dubbatu.
"Maqaleerraa kiilomeetira 50 fagaattee kan argamtu naannawa Hagara Salaam jedhamutti isaan argineerra. Achi dawoo godhatanii jiru,'' jechuun paarlaamaatti himan.
Loltoonni dheessan kunneen sababii maatii isaaniifi ''loltoota ukkaamsanii fudhatan'' isaan waliin jiraniif jecha raayyaan federaalaa akka hin haleelle ibsan MM Abiy.
Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el garuu naannoo jedhame jiraachuu waakkatanii, loltoonni garuu Maqaleetti dhiyoo jiraachuu hin haalle.

- Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali? Oduu gabaabaafi dheeraa
- Lola Tigraay: 'Obboleessi koo quxisuun qorichi guddoo isa barbaachisa'
- Gabaasa dhugummaa suuraalee lola Tigraayin walqabatan mirkaneessu
- Lolli Tigraay keessaa riphee loltummaatti deemuu malaa?
- Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?
- Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eenyudha?

Qondaalli kun duraan hanga loltoonni federaalaa dachee Tigraay keessa jiranitti ni falmanna, ni lollas jedhanii turan.
Lola torban afur dura eegalee kanaanis gam-lachuunuu namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, hedduunis madaa'aniiru.
Ministirri Muummee Abiy loltoonni isaanii lammiilee nagaa tokkollee akka hin ajjeesne himu.
Garuu naannichatti malli qunnamtii adda citee waan jiruuf, dhugaa lafa jiru qaama walabaa irraa mirkaneeffachuun hin danda'amne.
Maddi waldhibdee maali?
Aangoo, filannoofi riformiin siyaasaa sababoota waldhibdeen dhaaba TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu akka ka'u taasisan keessaayi.
Muddamni qaamolee lamaan gidduu ture torban afur dura humnoonni TPLF buufata humna federaalaa Maqaleetti argamu rukutuu isaanii kan MM Abiy Ahimad, tarkaanfiin akka irratti fudhatamu waraana ifatti ajajani.
Lola motummaan federaalaa ''seera kabachiisuu'' jechuun torban sadii oliif fudhateenis, namoonni lakkoofsi isaanii sirriin hinbeekamne lubbusaanii yoo dhaban, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo gara Suudaaniitti baqataniiru.
Sanbata darbe Magaalaa guddittiin naannichaa Maqaleen to'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa jala erga oolfameen booda, duulli waraanaa xumuramuusaa MM Abiy Ahimad himunsaanii ni yaadatama.
















