Lola Tigraay: Mootummaatti harka kan kennatan Aadde Keeriyaa Ibraahim eenyu?

Madda suuraa, HOUSE OF FEDERATION
Erga waraanni mootummaa Sambata darbe magaalaa Maqalee to'achuu ibsee, qondaaltota naannoo Tigraay adamsamaa turan keessaa tokko kan ta'an Aadde Keeriyaa Ibraahim mootummaatti harka kennachuunsaanii kaleessa miidiyaa biyya keessaan gabaafamee ture.
Aadde Keeriyaan qondaaltota TPLF kanneen ajaji mana murtii irratti ba'e 96 keessaa tokkodha.
Miseensa koree hoji-raawwachiistuu TPLF kan ta'an Aadde Keeriyaan waggaa dheeraaf aangoo mootummaa olaanaa naannoo fi federaalaa irra turan, dhumarrattis Afa-yaa'ii Mana Maree Federeeshinii ta'anii osoma tajaajilaa jiranii aangoo dhiisan.
Aadde Keeriyaa tibba mootummaan sababa weerara koronaavaayirasii yeroo filannoo marsaa ja'affaa dabarse, paartiin naannoo Tigraay bulchu TPLF ammoo didee filannootti ciche, gara Tigraay imaluun, aangoosaaniis gadi dhiisan.
Yeroo sana filannoo gaggeessuun waan hin danda'amnee fi sababa kanaanis qaawwaa aangoo mootummaa uumamu duuchuuf filannoowwan barbaaduurratti walii hin galle turan Aadde Keeriyaan.
Mormiisaaniis TV naannoo Tigraay irratti ba'uun ibsanii aangoo gadi dhiisan.
Afa-yaa'ii Mana Maree Federeeshinii kan turan Aadde Keeriyaa Ibraahim, tibba sana,''Aangoo heerri eyyamuun ala mootummaan abbaa irree wayita uumamu an taa'ee hin tumsu, garee abbaa irree guyyuu heera mootummaa sarbu waliin hojjechuuf fedhii hin qabu'' jechuun fedhiisaaniitiin aangoo gadi dhiisuu ibsanii turan.
Aadde Keeriyaa Ibraahim erga aangoo gadi dhiisanii gara Tigraay imalanii booda,filannoo naannoo Tigraay 'seeraan ala' jedhame irratti hirmaataniiru, mana maree naannoof filatamuunsaanii himameera.
Gama biraatiin ammoo Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC)n namoonni to'annaa seeraa jala jiran, sababa to'atamaniif gidu-gala ossoo hin godhin, kabajaa fi qabiinsa namoomaa argachuu qabu jedhuun gaafateera.
Dhaabbatichi ergaa karaa fuula twiitara isaatiin dabarseen, namoota sababa walitti bu'iinsaa fi haalota hookkaraan to'ataman/hidhaman ni daawwannas jedheera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Aadde Keeriyaa Ibraahim eenyu?
Eertiraa magaalaa Asmaraatti kan dhalatan Aadde Keeriyaan, barnootasaanii digirii jalqabaa ikkonoomiksiidhaan, digirii lammataa ammoo 'Environmental Antropology'dhaan eebbifaman.
Aadde Keeriyaan, sochii bulchiinsa mootummaa naannoo Tigraay fi federaalaa keessatti waggaa dheeraaf hirmaataniiru.
Dubartoota muraasa koree hoji-raawwachiistuu TPLF keessa galan keessaa Aadde Keeriyaa Ibraahim tokko.
Mana Maree olaanaa biyyattii kan ta'e, Mana Maree Federeeshinii keessattis Afa-yaa'ii ta'uun waggaa lamaa oliif kan hojjetan yoo ta'u, bakka kanatti hojjechuun biyyattii keessatti dubartii lammaffaadha.
Aadde Keeriyaan gara Federaalaa osoo hin seenin dura bara 1995 irraa kaasanii naannoo Tigraay keessatti caasaalee bulchiinsaa aanaarraa kaasanii jiran keessatti itti gaafatamummaa adda addaarratti hojjetaniiru.
Afa-yaa'ii Mana Maree Federeeshinii ta'uusaaniin dura Biiroo Siivil Sarvisii naannoo Tigraay hoogganaa turan. Kibba Baha Tigraayittis Biiroo Dhimmoota Dubartootaa hoogganaa turan.
Ka'umsa rakkoo
Waldhabdeen motummaa federaalaafii TPLF kan naannoo Tigraayi bulchaa ture jidduu yeroo dheeraaf ture, erga filannoon biyyaaleessaa bara darbe gaggeeffamuuf ture sababii koronaavaayirasiitiin yeroo biraatti dabarfameen booda haalaan cimuunsaa ni yaadatam.
Itti aansees murtee motummaa federaalaa diduun naannoon Tiraay dhuma bara darbee keessa sadarkaa naannootti qofaatti filannoon gaggee, motummaa federaalaatiin fudhatama dhabusaatiin alattis mana maree biyyattiin seeraan ala jedhamuun kufiifameera.
Manni maree federeeshiniis aanga'oonni naannichaa heera motummaa darbuufi seeraan ala socho'aniiru jechuun walitti dhufeenya kallatti motummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin qabu adda kutuun uggura bajataa kaa'ee ture.
Haala wal balaaleefannaafi wal himanaanni itti fufee osuma jiruu jalqaba baatii Onkolooleessaatti ammo MM Abiya Ahimad Izzii Kaabaa Raayyaa Federaalaa naannichatti argamu irratti humnootii TPLFtiin haleellaan raawwatameera jechuun raayyaan ittisa biyyaa humnootii naannichaa irratti tarkaanfii akka fudhatuuf ajaju ibsanii turan.
Lola motummaan federaalaa ''seera kabachiisuuf'' jechuun turban sadiin dura naannichatti gaggeessuu eegaleenis lakkoofsi sirriin beekamu baatulleen namoonni dhiibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii kanneen kumaatanaan lakkaa'aman ammo gara biyya ollaa Sudaaniitti baqataniiru.
Sambata darbees erga magaalaa guddiittiin naannichaa Maqaleen to'annoo raayyaa federaalaa jala olfamuun himameen boodas duulli waraanaa xumuramusaa MM Abiy himunsaanii ni yaadatama.















