Lola Tigraay: MM Abiy lolli Tigray xumuramuu ibsanis 'lolli adeema jira' jedhamu maddeen

Madda suuraa, Kominikeeshiinii mootummaa naannoo Tigraay
Erga MM Abiy Ahimad lolli Tigraay xumuramuu jechuun labsanii guyyootaan booda ammallee lolli dhiyeenya magaala Maqaleetti gaggeefamaa akka jiru jiraattonni himan.
MM Abiy Ahimad lolli Tigraay xumuramuu erga labsanii booda, BBC'n yeroo jalqabaaf magaala guddoo naannichaa Maqalee irraa namoota dubbisuu danda'eera.
Akka namoonni intarneeta Saatalaayitii fayyadamuun BBC'tti dubbatan kanaatti ''naannawa dhiyeenya magaala Maqalee jiranitti lolli ammallee gaggeeffamaa jira'' jedhan.
Namonni lama BBCn magaalittiirraa dubbiseefi nageenya isaaniif yaaddoo waan qabaniif eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan kunneenis, Roobii fi Kamisa darbe fageenyarraa dhukaasa meeshaalee waraana gurguddoo dhagahuu himan.
Sagaleen dhukaasaa dhagahaman kun kallattii Lixaafi Kibba magaala Maqaleerraan ta'uus himaniiru.
Ministirri Ijaarsa Dimookrasii Itoophiyaa obbo Zaadiig Abrahaa garuu odeeffannoo kanaan dhugaa miti ''waraanni hin jiru'' jedhan.
Itti dabaluunis TPLF ''ammatti dandeettii lola gaggeessuu hin qabu'' jedhaniiru.
Dubbii himaan waraana Tigraay Gabree Gabratsaadiqaan gama isaaniin TV naannichaarratti ibsa Roobii darbe kennaniin dhiyeenya magaalaa Maqaleetti waraanatti akka jiran dubbatan.
Itti dabaluunis ''waraanni kun salphaatti hin xumuramu'' jedhan.
'Maqalee mootummaan hin jiru'

Erga lolli eegalee ji'a tokko keessatti hanqinni tajaajiloota bu'uraa mudachuu isaatiin rakkachuu jiraattotni magaala Maqalee ni dubbatu.
Loltoonni Mootummaa Federaalaa Sanbata darbe magaala Maqalee erga to'atanii boodas haala rakkisaa keessa akka jiran himatu.
Maddii BBC tokko ''ammallee ibsaan hin jiru, bishaaniifi tajaajilli baankiis hin jiru'' jedha.
Poolisiin naannoofi qaamni nageenyaa waan hin jirreef saamichi taatee idilee ta'eeras jedha.
''Magaalicha keessa mootummaan hin jiru'' kan jedhu jiraataan kun, humnoonni mootummaa bakkeewwan muraasa qofatti akka mul'atan dubbateera.
Gama biraatiin ammoo miidiyaaleen biyyittii mootummaatti hidhata qaban magaalittiin ''jireenya idileetti deebi'aa jirti'' jechuun gabaasaniiru.
'Namoota nagaa du'an'

Sanbata darbe loltoonni mootummaa federaalaa magaala jiraattota miliyoona walakkaa qabdu to'achuun dura haleellaan raawwatamee ture.
Haleellaa kana jalaa baraaramuufis jiraattotni muraasni magaalittii alatti baqatanii turan.
Wiixata darbe MM Abiy Ahimad paarlaamaa biyyattii duratti dhiyaachuun miseensota paarlamatti warana kan keessa ''namni nagaan tokko hin ajjeefamne'' jechuun himan.
Haata'u malee maddeen BBC'n Maqaleerraa dubbise haleellaa Sanbata darbeen booda namoota nagaa mada'aaniifi du'an Hospitaala keessatti arguu dubbatu.
Akka maddii odeeffannoo suura mana haleellaa kanaan manca'eefi nama nagaa miidhamee BBC'f ergee kanaatti, haleellaa naannoo Aydeer Edaagaa Beegii jedhamutti raawwatameen miseensonni maatii tokkoo ajjeefamuus himeera.
Lola Sanbata darbee hordofees hospitaalonniifi dhaabbileen fayyaa Maqalee keessa jiran namoota madaa'aniifi du'aniin cinqamuu Koreen Fannoo Diimaa Idila Addunyaa gabaaseera.
Komii kanaaf deebii kan kennan Obbo Zaadiig Abrahaa waan MM Abiy Paarlaamaatti himan irra deebi'uun ''gama keenyaan miidhama namoota nagaa guutummaatti hambisneerra'' jedhan.
'Waraanichi itti fufa'
Humnoonni Tigraay ammallee waraanichi naannicha keessa bakkewwan garaagaraatti gaggeefamaa jiraachu himu.
Dhaabbileen Televizhinii naannichaa lama qabiyyeewwan TPLF'n deeggaran kan tamsaasaa jiran yoo ta'u, bakki irraa tamsaasan garuu bakka durii miti.
Aanga'aan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa Kamisa galgala TV Tigraay irratti ibsa kennaniin ''Lolichi hin xumuramne hanga mirga ofiin of bulchuufi jiraachuu keenya deebifannittis hin xumuramu,'' jedhan.
Haaluma walfakkaatuunis UN bakkeewwan to'annoo motummaa jalatti argaman galuuf motummaa waliin waliigaltee irra gahan illeen, ammallee Naannoo Tigraay ''bakkeewwan adda addaatti'' lolli gaggeeffamaa waan jiruuf, deeggarsa namoomaa taasisuuf danqaa itti ta'u AFPn Jimaata gabaaseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haa ta'u malee Ministirri Ijaarsa Dimookrasii Itoophiyaa Obbo Zaadiig BBCtti akka himaniitti, lolichi xumurameera ''wanti hafe hoogganoota TPLF to'achuudha,'' jedhu.
Mootummaan Itoophiyaa erga Sanbata darbee Maqalee to'atanii booda ''oppireeshiniin olaantummaa seeraa kabaachiisuu'' xumuramuufi amma aanga'oota dhaaba TPLF kan akka Obbo Getaachoo fi ajajoota waraanaa adamsanii qabuu akka ta'e ibsun isaa ni yaadatama.
Humnoonni Tigraay gama isaaniin naannoo isaanii ''weerartoota'' irraa ittisuuf lola akka itti fufan ibsu.
Lola erga eegalee ji'a tokko ta'e kanaan namootni 45,000 ta'e qe'ee isaaniirraa buqqa'uun Sudaanitti baqataniiru.















