Lola Tigraay: Sababa lolli adeemaa jiruuf deeggarsi hin qaqqabne- UN

Lammiilee Itoophiyaa Tigraay irraa Sudaanitti baqatan

Madda suuraa, Getty Images

Naannolee Tigraay bakeewwaan hedduu keessatti lolli itti fufee jiraachuu isaatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf danqaa ta'uu Motummaan Gamtooman (UN) beeksise.

Naannicha keessa namoonni miiliyoonaan lakkaawaman nyaataa fi qoricha fixaa jiru.

Aanga'ootni UN tajaajila oduu Faransaay AFP'tti akka himanitti, naannichtti bakkeewwan to'annaa mootummaan federaalaa jala jiran keessatti deeggarsa namoomaa ''danqaa malee'' dhiyeessuuf waliigalamuus hanga Jimaataatti karaan ittiin galan akka hin jirree himan.

Humnoonni mootummaa federaalaa Sanbata darbe magaala Maqalee galuu isaanii hordofee lolli gaggeefamaa ture xumurameera jedhamee ture.

Lola kanaan lubbuun namoota dhibbaatamaan lakkaa'amanii yoo darbu namoonni kumoota hedduun lakkaawan qe'ee isaaniirraa buqqa'u biyya ollaa Sudaaniitti baqataniiru.

BBC'n Kamisa kaleessaa jiraattota magaala Maqalee dubbisee kan ture yoo ta'u, isaaniis ''dhiyeenya maagalichaatti lolli adeemaa jira'' jedhan. Humnootiin TPLF akkasuma lolli ammallee itti fufuu ibsa.

Ministirri Ijaarsa Dimookrasii Itoophiyaa Obbo Zaadiig Abrahaa garuu ''lolli hin jiruu'' jedhu.

Waajira Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dubbii himaa kan ta'an Saaviyaanoo Abreew AFPtti akka himaniitti: ''Naannoo Tigraay bakkewwan hedduutti lolli gaggeefamaa akka jiru gabaasa qabna. Kunis nuuf haala yaaddessaafi hojii keenya walxaxaadha'' jedhaniiru.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu

Roobii darbe UN naannolee humnoonni mootummaa federaalaa to'atan keessatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf mootummaa Itoophiyaa waliin waliigaluu ibsee ture.

Haata'u malee Jimaata har'aallee qorannoon nageenyaa gaggeefamaa akka jiruufi torbee dhufu dura deeggarsi akka hin qaqqabne aanga'oonni UN sadii AFP'tti himaniiru.

''Mootummaa federaalaa waliin waliigaltee raawwanneen naannichatti galuuf hayyama arganeerra. Haata'u malee Tigraay keessa haalduree tokko malee socho'uuf qaamolee hunda waliin waliigaltee wayiirra gahuu feena '' jedhan Abreew.

Kanneen deeggarsa namoomaa atattamaan barbaadan keessaa cunqursaa fi tajaajila loltummaa dirqamaa Eertiraa baqachuun Tigraay kaampiiwwan keessa kan jiran baqattootni 96,000 ta'an ni argamu.

Kaampii sana keessa nyaatni jiru dhumaa akka jiru amanama. Gabaasaaleen hin mirkanaa'iin ammoo haleellaafi ukkaamsuun nama fudhachuun raawwatamaa akka jiru himu.

Ejensii baqattootaa UN damee Itoophiyaa kan hoogganan Aan Enkoontiree, baqattoota kanaaf nyaata, qorichaa fi wantoota barbaachisuu biroo atattamaan dhiyeessuuf yaalaa akka jiraniifi nageenya akkaan yaaddessaa naannoo kaampiirraa gabaafamu qorachuutti akka jiranillee himan.

''Baqattootni ajjeefamuu dhageenyeerra, kaan dirqiin akka lolan godhamuu dhageenyeerra. Kanneen butaman jiraachuus dhageenyee jirra'' jechuun AFP'tti himan.

Gabaasaalee akka kanaa qulqulleeffachuun sababa malliwwan kominikeeshinii adda citanii jiraniif rakkisaa ta'eera.

Motummaan federaalaafi TPLF maaliif wal lolu?

Osoo MM ABiya bara 2018tti gara aangootti dhufuun riiformiiwwan haaraa hojiirra hinoolchiin dura TPLF raayyaafi jireenya siyaasa biyyattii waggoota 27f olaantummaan dhunfatee ture.

Bara darbe ammoo MM Abiy paartii biyya bulchaa ture ADWUI baqiisuun paartii biyyaaleessaa Badhaadhiin hundeessan. TPLF garuu paartii haaraa kanatti makamu dide.

Isarraa kaasee waldhabdeen motummaa federaalaafi kan naannoo Tigraay jidduu ittuma badaa adeemuun sadarkaa amma itti jiran, lola irra qaqaban.