Lola Tigraayi: 'Lammiileen gara Sudaanitti baqatan yeroo dhiyootti ni deebi'u'

Ambaasaadar Diinaa Muftii

Lammiilee lola naannoo Tigraay baqachuun gara Sudaanitti baqatan deebisuuf hojiin eegalamuusaa dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himaniiru.

Guyyoota muraasa dura Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii UN lammiileen Itoophiyaa 40,000 ol ta'an daangaa ce'uun gara Sudaan baqachuu himee ture.

Lammiilee kunneen gara biyyaatti deebisuuf mootummaa Sudaan waliin hojjechaa akka jiran kan himan Ambaasaaddar Diinaan, "eessa jiru, meeqa, eenyufaadha, haala akkamiirra jiru kan jedhu Imbaasii Itoophiyaaf hojjechaa jira. Yeroo dhiyootti ni deebi'us" jedhan.

Kana malees kutaalee naannoo Tigraay rakkoon itti uummametti qorichawwan dabalatee meeshaaleen deeggarsaa biroo ergamuusaa kan himan Ambaasaaddarichi, hojiin bu'uraalee misoomaa akka tajaajila telekoomii, ibsaa fi kunneen biroo deebisuus hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Oduu Deeggarsa dhaabuu Gamtaa Awuroopaa fi Hojii Diplomaasii

Tibbana haala naannoo Tigraay keessa deemaa jirun walqabatee Gamtaan Awurooppaa (EU)n deeggarsa Itoophiyaaf laatu dhaabuu akka danda'u miidiyaalee tokko tokkon himamaa tureera.

Dhimma kana gaazexeesitootaan kan gaafataman dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti, oduun akkasi jedhu "oduu sobaati" jedhan.

Gama biraatin mootummaan isaanii haala naanoo Tigraay keessa jiru hawaasa addunyaa hubachiisuuf hojiilee dippilomaasii hojjechaa akka ture kan himan Ambaasaaddar Diinaan, torbeewwan lamaan darbanitti angawoota biyyaalee garaagaraa akkasumas bu'oota dhaabbilee idil addunyaa biyyattii keessa jiran walin mari'atamuu dubbatan.

Itti aanaa Ministira Mummee fi Ministirri dhimma Alaa Dammaqa Mokonnin angawoota biyyaalee akka Faransaay, Jarmanii, Yunaayitid Kingdam, Xaaliyaanii fi Gamtaa Awurooppaa walin mari'achuu isaanii himan.

Kana malees Obbo Dammaqa Mokonnin haala naannoo Tigraay keessa jiru ilaalchisuun angawoota biyyaalee biroo walin bilbilaan mari'achuu himuun, "opireeshinichi kasaaraa xiqqaan xummuramuusaafi hojiin deebisanii dhaabuu fi lammiilee biyya keessattis ta'e gara biyya biraatti baqatan deebisuu eegalamuusaa maricharratti ka'eera" jedhan.

Marii angawoota biyyaalee walin taasifameen 'rakkinichi maalif mariidhaan hin furamne' yaadni jedhu ka'aa akka ture himuun "bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay ni jira.

Mariin yoo barbaachise bulchiinsa yeroo kana walin, hawaasa siiviilii fi jaarsolii biyyaa walin mari'achuun akka danda'amuuf garee seera cabsuun barbaadaman walin mari'achuun akka hin danda'amne sirriitti itti himaniiru" jedhan.

Mariiwwan taasifaman milkaawoo ta'uu, hooggansi biyyaalee fi dhaabbilee kunneenii nageenya Itoophiyaaf deeggarsa qaban agarsiisuufi yaaddoo nageenya lammiilee nagaa irratti ilaalchisee qabanis kaasuu isaanii dubbataniiru.