Lolli Tigraay sadarkaa ammaarra akka hin geenye gochuun 'rakkisaa ture' - Tibor Nagy

Madda suuraa, EPRDF OFFICIAL
Lolli mootummaa federaalaa fi humnoota naannoo Tigraay gidduutti Sadaasa 4 eegalame dhibbaan du'aaf saaxile, kumoota hedduu ammoo qe'eerraa buqqise, akka hin dhalanne hambisuuf haalli ture rakkisaa akka ture anga'aan US BBC'tti himan.
Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa keessatti barreessaa Itti aanaa dhimmoota Afrikaa kan ta'an Tibor Nagy turtii BBC waliin taasisaniin, ''Amma lolli inni ho'aan dhaabateera... amma wanti barbaachisaan waayee deeggarsa namoomaati,'' jedhan.
Lola mootummaan federaalaa ''oppireeshinii olaantummaa seeraa kabachiisuuti'' jedhuufi aanga'ootni TPLF ammoo ''weerara mirga ofiin of bulchuu keenya mulquuf '' gaggeeffame jedhan kanaan miidhaan qaqqabe hangam akka ta'eefi eenyu maal akka balleesse beekuun rakkisaa ta'eera.
Sababni isaa ammoo dhaabbileen idila addunyaa gara naannichaa akka hin seenne ta'ee, malootni qunnamtii akka bilbilaafi intarneetaa adda citanii turuu isaaniiti.
MM Abiy Sadaasa 4 raayyaan ittisaa naannichatti akka duulu yoo ibsan, sababni kaasan raayyaan ittisaa ajaja kaabaa jiru haleelamuufi meeshaaleen gurguddoon saamamuu akka ta'e ibsanii turan.
UN fi US dabalatee dhaabbilen idila addunyaa hedduun lolli dhaabatee mariidhaan rakkoon akka furamu gaafachaa turan.
Sanbata darbe loltootni mootummaa federaalaa magaalaa guddoo Tigraay Maqalee to'achuu hordofee, MM Abiy oppireeshiniin Sadaasa 4 eegalame xumuramuu ibsan.
Ibsa MM Abiy kana guyyaa lama booda Wiixata darbe ammoo, Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Pompeyoo MM Abiy waliin bilbilaan haasa'uufi Kaaba Itoophiyaatti lolli dhaabatee waldhibdeen dhalate mariin akka furamu gaafachuu ibsaniiru.
Tibor Nagy maal jedhan?
Ministeera Haajaa Alaa US'tti barreessaa itti aanaa dhimmoota Afrikaa kan ta'an Tiboor Naazhi mootummaan isaanii qabatamatti haala naannoo Tigraay keessa jiru beekuuf, mootummaan Itoophiyaa tajaajila qunnamtii akka gadhiisuu cimsee gaafachaa akka ture himaniiru.
''Qabinsi baqattootaa baayyee barbaachisaadha. Akka carraa ta'ee odeeffannoo kanarratti bahan qulqulleeffachuun rakkisaa ture. Baayyee yaaddessaa ture.
Mootummaan Itoophiyaa tajaajila kominikeeshinii deebisee akka hojiirra oolchu cimsinee hubachiisaa kan turreef keessaa sababni inni tokko kana. Odeeffannoo dhugaa achi jiru beekuuf akkaan barbaachisaa ture,'' jedhan Tiboor.
Mootummaan Itoophiyaa ejensiiwwan namoomaa fi gaazexessitoota idila addunyaa naannichatti akka hin imalle kan dhorkaa tureef, nageenya isaaniif eeggachuun akka ta'e irra deddeebiin ibsaa tureera.
'Amma lolli inni ho'aan dhaabateera...'
Tiboor sababa mootummaan Itoophiyaa dhiyeesse kanaan waliigaltuu jedhamanii isa gaafatamaniif nan waliigala jedhu.
''Eyyen bakka lolli jabaan deemaa jiruufi eenyu bakka kana to'atee argama kan jedhu yeroo gaaffii ta'etti'' dhorkaan bobbii naannichatti godhamu kaahamuun yaada isaan amansiisu ta'uu himan.
''Amma lolli inni ho'aan dhaabateera. Lolli dhaabateera jechaa hin jiru, garuu amma wanti barbaachisaan waayee deeggarsa namoomaati'' kan jedhan Tiboor mootummaan Itoophiyaafi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gargaarsa namoomaa qaqqabamaa gochuuf waliigalteen irra gahan jajjabeessaadha jedhan.
''Amma raawwiin waliigaltee sanaa murteessaadha. Ejensiiwwan danqaa malee achi gahuu qabu,'' jechuunis raawwiin waliigaltiichaa xiyyeeffannaa akka fedhu ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Lolli torbanoota darban argine akka hin dhalanne hawaasni idila addunyaa wanti gochuu qaban ture?
Dhaabbilee fi namootni siyaasa Itoophiyaa haalaan hordofaniifi xiinxalan, hariiroo mootummaa federaalaafi bulchitoota naannoo Tigraay gidduu jiru irratti hundaa'uun, wal-dhibdeen gidduu isaanii jiru gara lola hammaataatti ce'uu akka malu akeekkachiisaa turan.
Sababa weerara Covid-19'n mootummaan Federalaa filannoon bara 2020 gaggeeffamuun irra ture akka darbu murteessuufi naannoon Tigraay murteen kun ''faallaa heera biyyaati'' jechuun filannoo kana ofiin gaggeessuun muddama kana daranuu hammeesseera.
'Crisis Group' dhaabbilee hariiroo hammaachaa dhufe kana qorachaa fi haalichi mariin akka furamu gaafachaa turan keessaati.
'...anga'ootni Tigraay Itoophiyaarraa fottoquu hin fedhan'
Gaaffii lolli kun sadarkaa torbanoota sadan darban irra gaheefi gaaga'ama qaqqabsiise kanarra akka hin geenye hawaasni idila addunyaa wanti gochuu danda'an jira turee jedhamanii kan gaafataman aanga'aan US dhimma Arikaa Tiboor haalichi rakkisaa akka ture himu.
''Akka nama Itoophiyaa bara 1984 irraa eegalee hordofaa tureetti, akkaan rakkisaa ture jedheen amana.
Waldhibdeen isaanii sadarkaa kanarra hanga gahutti qaamni lamaanuu mariif guddoo fedha agarsiisaa hin turre,'' jechuun lola kana hambisuuf carraan hawaasni idila addunyaa qabu dhiphaa akka ture akeekan.
''Wanti hubachuun barbaachisu lola kana keessa biyya walabaa lamatu jira miti'' kan jedhan Tiboor, lola biyya walaba taate tokko keessatti lola mootummaan federaalaa naannoo of jalaa qabu tokko waliin loludha jechuunis himan.
''Heerri Itoophiyaa naannoleen fedha fottoquun biyya ta'uu qabaachuu labseera, haata'uuti ragaalee qabnuun aanga'ootni Tigraay Itoophiyaarraa fottoquu hin fedhan.
Carraa argataniin MM aangoorraa buusanii aangoo waggoota 27'f qabatanii turanitti deebi'uu barbaadu,'' jedhan.
Erga lolli kun eegalamee aanga'ootni TPLF irra deddeebiin rakkoo kanaaf mariidhaan falli akka tolfamu gaafachaa turus, mootummaan federaala kanneen yakka ''biyya ganuu'' raawwatan hanga seera dura dhaabutti akka hin mariyannee ibseera.
Tiboor lola qaamolee lamaan kana gidduutti lolamaa tureef moggaasa mootummaan federaalaa ''oppireeshinii olaantummaa seeraa kabachisuu'' jedhu kenneefiin akka walii hin gallees gaaffifi deebii BBC waliin taasisaniin ibsaniiru.
''Inni jecha isa sirrii natti hin fakkaatu. Sababni isaas ifatti oppireeshinii waraanaati. Amma wanti hamaan lolli kun lola riphee lolaa yeroo fudhatuutti ce'uu isaati,'' jedhaniiru.

- Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali? Oduu gabaabaafi dheeraa
- Lola Tigraay: 'Obboleessi koo quxisuun qorichi guddoo isa barbaachisa'
- Gabaasa dhugummaa suuraalee lola Tigraayin walqabatan mirkaneessu
- Lolli Tigraay keessaa riphee loltummaatti deemuu malaa?
- Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?
- Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eenyudha?
US dabalatee dhaabbileen idila addunyaa haala adeemaa jiru ilaalchisee Ministirri Muummee Abiy gaafatama akka nama biyya bulchaa jiruutti qaban yaadachuusurratti rincica agarsiisaniiru yaadi jedhu ni dhagahama.
Kanaaf deebii kan kennan Tiboor, ''Adeemsi kun takka fuula duratti deemaa, takka boodatti deebi'aa ture. MM Abiy rakkoolee federaalizimiin saba daneessaa biyyattiin waggoota 27 ittiin bulaa turte dhaalan sirreessuun qormaata akka ture beekamtii kennuufiin barbaachisa.
Afuurri ukkaamfame takkaatti akka hin dhoone gochuun qormaata ture. Humnoonni kana keessaa qooda qabaniis hedduudha. Jiini kuni garuu ji'a gaarii hin turre,'' jedhaniiru.















