Lola Tigraayi: Qondaala olaanaa TPLF lola Tigraay booda mana murtiitti dhiyaatan kan jalqabaa

Madda suuraa, ENA
Qoondaaltoota olaanoo TPLF kanneen motummaan Itoophiyaa yakkawwan adda addaatiin shakkuun barbaadaa jiru keessaa tokko kan ta'an Addiisaalam Baalleemaa(PhD) Kamiisa har'aa Finfinneetti mana murtiitti dhiyaachuun himame.
Kanaanis oppareshinii waraanaa Tigraayiitti gaggeefameen booda oggansa olaanoo TPLF mana murtiitti dhiyaate keessaa kan jalqabaa ta'an.
Dhiyeenya kana Ambaasaadar Reediwaan Husseen Dubbii Himaa Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Tigiraay, haala naannoo Tiraay ilaalchisuun ibsa dhihenya kennaniitti, Afa-yaa'ii duraanii mana maree federeeshinii Aadde Keeriyaa Ibraahim fi Bulchaa Ittaanaa duraanii naannoo Tigraay Ambaasaaddar Addisaalam Baaleemaa akka fakkeenyaatti kaasanii ture.
''Isaan kunneen poolisiidhaan to'atamanii yaadasaanii kennaa jiru. Yeroo muraasaan booda yaada isaanii hawaasi bal'aan ni dhagaha'' jedhaniiru turan.
Dhimma Dr Addisaalam Baalleemaa, kan naannoo Tigraayiifi motummaa feederaalaa keessatti sadarkaalee ittigaafatamummaa olaanoo irra tajaajilaa turanii kanas kan ilaalee mana murtii Federaalaa sadarkaa tokkooffaa dhaddacha ramaddii Araadaa yeroo beelamaati.
Baatii tokkoon dura lolli naannoo Tigraayiitti gaggeeffamuun walqabatee qondaaltoota TPLF ajajni hidhaa irratti bahee ture keessaa tokko kan ta'an Dr Addisaalam, yakkawwan garaa garaatiin shakkamuun mana murtiitti dhiyaatan.
Poolisiinis yakkawwan ittiin Dr. Addisaalam shakkeen garaa garaa kan dhiyeessee yoo ta'u, isaan keessaayis 'izzii waraana kaabaa irratti haleellaan akka raawwatamuufi meeshaaleen waraanaa olaanoon akka hatamuufi haala mijeessuu, akkasumas haleellaa lammiilee nagaa Maayikaadiiraatti raawwatameef qindeessuun' shakkamusaanii poolisiin dhaddacha irratti dhiyeessuu FBCn gabaase.
Dabalataanis, poolisiin Dr Addisaalam Baalleemaa irratti himannaawwan biraa hedduun kan dhiyeesse yoo ta'u, wayita ambaasaadara turaniitti walitti dhufeenya biyyattiin biyyoota biraa waliin qabdu akka baduufi akka adda cituuf dhiibbaa taasisuun, icciitiiwwaniifi ragaa motummaa dabarsanii kennuu akkasumas oggansa ABO-shanee waliin wal arguufi icciitii motummaa dabarsanii akka kennaniifi garicha waliin hojjataa akka turan dhaddachichaatti hime.
Shakkamaa Addisaaleem(PhD) aanga'oota TPLF waliin ta'uun yakka raawwachuufi hokkarriifi jeequmsi akka dhalatu gocha garaagaraa qindeesssaa akka turan shakkaman.
Hoogganoota Gamtaa Afrikaatti dhiyaachuun mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa akka godhan gochuun akkaasumas Ambaasaaddara Chaayinaa tokko waliin ta'uun Paartiin koministii Chaayinaafi TPLF akka ijaaramu yaalii gochaa turaniiru jechuun Poolisiin Mana Murtiitti himeera.
Shakkamaan Dr. Addisaleem gama isaanitiin himata Poolisiin irratti dhiyeesse kana kan hin raawwannee ta'uu mana murtichaatti himatanii, ''ergan Wiixata Jaarsummaaf Dabratsiyoon Gabramikaa'eel(PhD) walii haasa'aa tureen booda Roobiin qabame'' jechuu mana murtiitti himuu isaanii Faanaa gabaaseera.
Itti dabaluuniis Ambaasaaddarootaa fi aanga'aoota waliin kan mariyatan dhimmuma jaarsummaarraatti ta'u mana murtiitti himuun gabaafameera.
Haa ta'u malee to'atamuusaanii alatti, shakkamaan kun yoomiifi eessatti akka to'annaa jala oolfaman wanti gama motummaatiin jedhamee hinjiru.
Poolisiin shakkamaan kun yakka ittiin shakkaman raawwachuu isaaniif ragaa akka qabu ibsee qorannoo dabalataaf guyyaa 14 gaafate manni murtiis hayyameefiira.
Maatii Amb. Siyyuum Masfiin
Haaluma walfakkaatuun baroota dheeraaf ministira haajaa alaa Itoophiyaa akkasumas Chaayinaatti Ambaasaaddara Itoopihyaa ta'uun kan tajaajilan Siyyuum Masfiin haati warraa fi ilmi isaanii polisiin to'atamanii har'a mana murtiitti dhiyaachuun ibsame.
Haati warraa Amb. Siyyuum Masfiin aadde Falagahiiwoot Bariheefii ilmi isaanii Agaazii Siyyuum to'annoo jala kan oolan yakka garaagaraan shakkamanii akka ta'e Poolisiin mana murtiitti ibseera.
Pooilsiin maatiii Amb. Siyyuum irrattii qorannoo dabalataa akka gaggeessu manni murtii guyyaa dabalataa saddeet hayyameeraaf.
Waldhibdeen mootummaa federaalaafi TPLF kan naannoo Tigraay bulchaa ture gidduu ture gara lolaatti erga ce'ee poolisiin Federaalaa aanga'aoota olaanoo TPLF kanneen yakkawwan adda addaatiin shakkeera jedhe ajaja hidhaa baasuun ni yaadatama.
Haleellaa humnootii Izzii Kaabaa bakka waraanni federaalaa buufateerratti raawwatameera jedhame dabalatee, aanga'oota TPLF motummaan yakkaan shakkuun nan barbaada jedheen alattis qondaaltoonni waranaafi poolisii olaanoon to'achuuf ajaja itti baaseera.
Isaan keessaa hanga ammaattis to'annoo jala oolfamunsaanii ifatti kan himame,kan har'a maan murtiitti dhiyaatan pirezidaantii duraanii naannoo Tigraayiifi Ambaasada kan turan Addisaalam Baaleemaa fi af-yaa'iimana maree federeshinii duraanii Aadde Keeriyaa Ibraahiimiidha.















