Lola Tigraay Itoopiyaa keessaa: 'TPLF waliin mariif taa'uun aadaa hokkoraaf beekamtii kennuudha'

Geediyoon Ximootiwoos(PhD)

Abbaan Alangaa Federaalaa Geediyoo Ximootiwoos (PhD) sagantaa BBC Hard Talk irratti dhiyaachuun 'TPLF waliin mariif taa'uun aadaa hokkoraaf beekamtii kennuudha' jedhan.

Lolli mootummaa federaalaa fii humnoota TPLF gidduutti eegale torban sadaffaa lakkoofsiseera.

Hanga ammaatti naannicha keessatti wanta ta'aa jiru sababa malootni qunnamtii hundi adda citanii jiraniif qabatamaan beekuun rakkisaa ta'eera.

Ta'uus lola kanaan lubbuun dhibbaan lakkaawamu darbuufi kumaatama kan ta'an qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Lola naannoo Tigraay keessatti adeemaa jiru ilaalchisee Abbaan Alangaa Federaalaa Geediyoo Ximootiwoos (PhD) sagantaa BBC Hard Talk irratti dhiyaachuun lolli kun lola mootummaan federaalaa fedhee itti gale akka hin taane ibsaniiru.

Maddi lola kanaan humnoonni TPLF buufata ajaja waraana Itoophiyaa kaaba biyyattiitti argamu haleeluun miishaa lee waraanaa gurguddoo to'achuudha jedhan.

MM Abiy Dilbata darbe aanga'ootaafi miseensota waraanaa TPLF'f yeroo sa'aa72 kennuun harka isaanii karaa nagaa akka kennatan yoo gaafatan sun yoo ta'uu baate duulli gara magaala Maqaleetti godhan jabaa ta'uu ibsanii ture.

Dubbii himaan waraana Itoophiyaas wayita magaalaa Maqalee marsuu ibsanitti asitti ''araarri ta'u hin jiru'' jedhanii ture.

Yaadni kun UN dabalatee dhabbilee idila addunyaa hedduu kan rifaasise yoo ta'u sodaa 'yakki waraanaa' raawwatamuu mala jedhullee uumee ture.

Dr Geediyoon haasaan dubbii himaa waraana Itoophiyaa aanga'oota TPLF harka kennachiisuuf dubbii dubbatameedhaa jedhan.

''Dubbiin kun kan koloneela waraanaa dirree waraanaa irra jiruuti. Dubbii himaa waraanaa waan taheef imaammata waraanaa dubbate. Kan inni jedhes hidhattootni TPLF akka harka kennataniif waamicha taasisuu isaati.

Dabalataan jiraattotni akka hiikkataniifi naannoo halleellaa waraanaa irraa akka of eeggataniif waan dubbatanidha''jedhan.

Hooggantuunmirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Midheel Bachaleet naannoo magaal Maqaleetti lolli gaggeefamu yakka waraanaa ta'uu mala jechuun akeekkachiisanii ture.

Yakki sodaatamu laalchisee Dr. Geediyoon ''mootummaan waan akkasii akka hin uumamneef karaa nagaa waamicha gochaa ture. Jaarrolee biyyaas ergaa ture.

Garuu kana hundaa ni kuffiisan. Kanaafimmoo mirga seeraa kabachiisu qaba'' jechuun deebatan.

Lolli kun miidhaa kana caalu fiduun dura araaraan xumuruuf gama mootummaan fedhiin jiraa jedhamnii isa gaafatamniifis qaama ''yakka gurguddaa raawwate waliin mariif taa'uun ergaa hamaa qaba'' jedhan.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu

''Biyya kamittuuu haleellaan humna waraanaa irratti raawwatee meeshaan waraanaa ciccimoon yoo jalaa fudhatame deebiin isaa kana irraa adda hin tahu.

Magaalota uummata baayyee qaban irratti haleellaa rokkeetii gochuun, uummata sodachisuun, mootummaa biyyalessaa sodachisuun raawwateera.

Kana irratti sarara diimaa darbuun humni waraanaa haleelamera.'' ''Kanaaf Seera Kabachiisu qabna. Waan akkasii qaama raawwate waliin mariif taa'uun ergaa hamaa qaba.

Paartiin kamiyyuu gochaa akkasii yoo raawwatee wal tajjii idil adunyaafi carraa marii kan argatu tahe, aadaa jeequmsaaf kakaasuuf beekamtii kennuu jechuudha.

''Sababa lola kanaan dhalattootni naannoo Tigraay addatti qollifamaa fi dhiibbaan irra gahaa akka jiru BBC'tti himanii turan.Bu'uura kanaan Lolli kun dhimma sabummaa wajjiin walqabatu qaba jedhamaniis Dr. Geediyoon gaafatamaniiru.

''TPLF paartii saba tokko irraa bu'uureffamedha. Hoggansi, Miseensotni fi deeggartootni isaaa Guutuun Saba tokko irraati. Paartichi yeroo yakka tokko raawwatu akka carraa tahee oppireshiinin seera kabachiisu qabiyyee kana fakkachu mala. Garuu kaayyoo mootummaa federaalaa miti. Haala uumama paartichaati malee'' jechuun deebisaniiru.

Sodaa hawwasni adunyaa yakki waraanaa raawwachuu danda'a jedhuuf irra deddebiin mootummaan lammilee nagaaf akka of eegganno cimaa taasisu ibsaa turre.

Waraanni yeroo maqalee gahu mootummaan miidhaan dhaqqabuu malu akka xiqqaatuuf guyyaa sadii kenneera. Kunis miidhaa isaa xiqqeesuuf kanneen keessa bahuu barbaadan akka bahaniif carra kennuuf ture.

Ka'umsi lola kanaa maali?

Paartiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy ALA 2018 keessa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.

MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan, malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan, kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.

loltuu humna addaa Tigraay

TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.

MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatanii ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun, tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.

TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.

Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeresse ammoo wal diddaan caalaa guddate.

Naannoon Tigraay Fulbaana keessa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murtee dabarse.

Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heeraa kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.

Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin walitti dhufeenya akka dhaabu, akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.

Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.

Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.