Lola Tigraay Itoophiyaa: Dhiyeessiin fayyaa fi deeggarsi magaalota Tigraay gahe jedhe mootummaan

Madda suuraa, EBC
Deeggarsi namoomaa fi dhiyeessiin meeshaalee fayyaa Maqalee dabalatee magaalota Tigraay kaan dhaqqabuu mootummaan Itoophiyaa beeksiseera.
Lola Sadaasa 04 eegalee naannoo Tigraay keessa tureen rakkoon namoomaa naannicha keessatti uummame hammaataa ta'uu fi deeggarsa gochuuf rakkachuu UN dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa hedduun himaa turan.
MM Abiy lolichi goolabamuu erga labsanii boodallee, lolli itti fufuu fi sababa kanaan kanneen deeggarsa hatattamaa fedhaniif dhaqqabuu akka hin dandeenye UN beeksisee ture.
Mootummaan Itoophiyaa akka jedhutti garuu osoo lolli adeemaa jiruullee mootummaan iddoowwan to'annoo raayyaa ittisaa jala turanitti meeshaalee nyaataa fi nyaataan alaa ergaa ture.
Erga Raayyaan Ittisaa magaalaa Maqalee to'ateen duuba walakkeessa Sadaasaa naannolee akka Daanshaa, Walqaayit, Qaaftaa-Humaraa fi Dabaarq deeggarsi namoomaa fi meeshaalee fayyaa ergamu ibsi waajjirri MM Jimaata baase ni hima.
Mudde 8 irraa eegalee konkolaattonni fe'umsaa 44 midhaan nyaataa fi meeshaalee tajaajila fayyaa fe'an magaalota akka Shiree, Allaamaaxaa fi Maqalee gahuu hime.
UN garuu ibsa kamisa baaseen ammallee baqattoonni Tigraay keessa jiraniifi kanneen qe'eerraa buqqa'aniif deeggarsi taasifame hin jiru jedha.
"Kanneen qe'eerraa buqqa'an jalaa nyaati dhumatee jira. Kaampiilee afur baqattoonni Eertiraa 96,000 ta'an keessa qubatan bira gahuunis hin danda'amne" jedha ibsa Jimaata baaseen.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haala baqattoonni fi kanneen deeggarsa fedhan Tigraay keessa jiran itti deeggaraman mijeessuun 'kan yeroon hin kennamneef fi daran barbaachisaadha' jedhan komiishinarri baqattootaa UN Filiippoo Giraandii.
Mootummaan Itoophiyaa garuu hojiin deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuu qindeessummaa mootummaatiin raawwatamaa jiraachuu hima.
Sababa lolli ammallee itti fufee jiruuf deeggarsa namoomaa Tigraay dhaqqabsiisuu dhabne yaadotni jedhan "dhugaa kan hin taanee fi hojii raayyaan ittisaa naannicha tasgabbeessuuf hojjete kan xiqqeessudha" jedha ibsi waajjira MM.
Milishoota TPLF harca'anii hafaniin dhukaasni bakkaa bakkatti dhagaahamuu mala kan jedhe ibsichi, kana akka lola adeemaa jiruutti fudhachuun dogoggora jedhe.
'Hojjettoota deeggarsaa du'an'
Sadaasa 29 bara 2020 akkaataa deeggarsi namoomaa Tigraay dhaqqabu ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa UN waliin waliigalteerra gahee ture.
Waliigaltee kana boodallee dhaabbileen deeggarsaa haala itti deeggarsa namoomaa kennan mijachuu dhabe jechuun mootummaa komataa turan.
Mootummaan ammoo hojiin deeggarsa namoomaa qindeessuus ta'e nageenya hojjettoota deeggarsa namoomaa eegsisuu dirqama mootummaati jedha.
Dhaabbatni deeggarsa namoomaa International Rescue Committee (IRC) jedhamu ibsa Kamisa baaseen hojjetaan deeggarsa namoomaa dhaabbaatichaa tokko Tigraay keessatti du'uu ibse.
Hojjetaan dhaabbatichaa kun torban sadii dura Sadaasa 19 kan ajjeefame ta'uu dhaabbatichi BBC'f himeera. Kuni loltooti mootummaa magaalaa shiree to'achuun guyyaa lama dura.
Dhaabbatichi eenyummaa hojjetaa kanaa, eessatti akka du'efi maaliin akka lubbuu dhabe wanti jedhe hin jiru.
Kaawunsiliin Baqattootaa Daanish (DRC ) gama isaatiin hojjeettonni deeggarsa dhaabbaticha sadii baatii darbe du'uu ibsa har'a baaseen beeksiseera.
Namoonni sadan waardiyyaa saayitii dhaabbaticha tokkoo akka turan himee, haala itti ajjeefaman garuu hin ibsine.


Mudde 02 Tigraay keessatti hojjettoonni deeggarsa namoomaa afur ajjeefamu Rooyitars gabaasee ture. Mootummaan waa'ee hojjettoota ajjeefaman jedhaman kanaa waan jedhe hin qabu.
Waajjira Ministira Muummeetti Ministira Diimomkiraasii kan ta'an Obbo Zaadig Abraha waa'ee hojjettoota deeggarsa namoomaa ajjeefamanii odeeffannoo akka hin qabne BBC'tti dubbatanii turan.
Gama kaaniin koree labsii yeroo muddamaa naannoo Tigraayitti labsameef dubbi himaa kan ta'an ambaasaaddar Reeduwaan Huseen hojjettooti UN afur itti dhukaafamee erga to'annoo jala oolanii booda gadi dhiifamuu ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Hojjetooti UN kunneen keellaa eegumsa lama cabsanii sadaffaa irratti itti dhukaafame to'annoo jala erga olfamanii booda gadi dhiifaman jedhan.
Mootummaan dirqama nageenya hojjettota dhaabbilee kanaa eeguu waan qabuufi ammallee dhaabbileen deeggarsa namoomaa akka fedhan naannicha keessa akka socho'an hin hayyamu jedhan.
Sochii deeggarsa namoomaa kamuu kan qindeessuu fi raawwachiisu mootummaa Itoophiyaa ta'uus dubbatan.
Mootummaan deeggarsa dhaqqabsiisaan jira haa jedhu malee ammallee naannoo Tigraay keessa rakkoon jiru yaaddessaa dha jechuun Komishinarri olaanaa mirga namoomaa UN dubbataniiru.
Himannaa qondaala UN kanaa garuu Itoophiyaan hin fudhanne.















