Lola Tigraay Itoophiyaa: Haala Itoophiyaa keessaan 'daran yaadda'u' qondaalli UN himan

Micheel Baacheleet sababa rakkoo telekomiin himannaa isaan bira dhufu guutummaatti mirkaneessuu akka hin dandeenye himan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Micheel Baacheleet sababa rakkoo telekomiin himannaa isaan bira dhufu guutummaatti mirkaneessuu akka hin dandeenye himan

Haalli Itoophiyaa keessaa ''haalaan yaaddessaafi tasgabbii kan hin qabnedha'' jechuun yaadoo qaba ibsan Komishinarri Olaantuun Mirga Namoomaa UN Micheel Baacheleet.

Baacheleet kana kan jedhan ibsa gaafa Roobii kennaniin yoo ta'u, lola Tigraay keessaan lammiilee nagaarratti ''dhiibbaan cimaa'' gahu ibsaniiru.

Himannaa qondaala UN'f deebii kan kennan Pirees sekiretariin waajjira ministira muummee Itoophiyaa, himannicha balaaleeffataniiru.

''Waa'ee Tigraayis ta'e Itoophiyaa wanti tasgabbii dhabe hin jiru,'' jechuun Rooyitarsiif deebisan. Aadde Billaneen mootummaan federaalaa nageenya deebisuuf ga'umsa cimaa qaba jechuun himan.

Mootummaan Itoophiyaa jalqaba torban kanaa ibsa baasen oppireeshiniin ''olaantummaa seeraa kabachiisuu'' xumuramutti akka jiru ibseera.

Gabaasni lolli akka jiru ibsu dhagahamu isaarrattis Dubbii Himaa Koree Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Tigraayitti hundaa'e kan ta'an Ambaasaaddar Reediwaan Huseen bakkeewwan loltoonni TPLF'tti hidhata qaban faffacaa'ani lolan akka jiru himaniiru.

Qondaalli olaantuu mirga namoomaa UN Baacheleet bakkeewwan lolli jiraachuu odeeffatan keessaa dhihoo Magaalaa Maqalee, Shiraaroo, Aksum, akkasumas Abiy Addi maqaa dhahaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa si'achi hoggantoota TPLF ajajni hidhaa itti bahe adamsanii akka hidhuuf akka sakatta'insa itti fufe ibseera.

Lola Tigraay keessa taasifameen lammiileen nagaa akka miidhaman, qabeenyi namoota dhuunfaalle miidhamu Baacheleet himaniiru.

Dabalataan, saamichi, ukkaamsuun akkasumas haleellaan saalaa dubartootaa fi shamarran irratti xiyyeeffate raawwate jechuun ibsan.

Odeeffannoo dargaggoonni Tigraay hawaasa isaanii akka lolan qacaramuu dhageenyeen ''yaaddofneerras' jechuunis ibsan.

Haa ta'u malee, dubbii kanaaf qaamni himatame hin jiru. Himannaa isaan bira gahan kunneen guutummaatti mirkaneessuun garuu sababa tajaajilli telekoomii adda citeef akka rakkoo ta'e himan.

Baacheleet sababa kanaaf qaamni walaba ta'e waa'ee mirga namoomaa hordofu barbaachisa jechuun himan.

Haa ta'u malee, mootummaan Itoophiyaa irra deddeebbiin ofii akka qoratu ibseera. Yoo deeggarsa barbaanne ofuma keenya gaafanna jechuun Ambaasaaddar Rediwaan, Dubbii Himaa Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Tigiraay dhihoo kana dubbataniiru.

Waliigaltee deeggarsa ummata Tigraayif dhaqqabsiisuun wal qabsiisees dhaqqabinsi dhorkaa akka hin qabaanne taasifamu qaba jedhan Baacheleet.

Ambaasaaddar Reediwaan ammoo waliigalteen UN waliin taasifame isaan [UN] deeggarsa akka taasisan garuu mootummaatu adeemsa isaa oggannaa jedhanii dubbatanii turan.

Tajaajiloonni bu'uuraa kanneen akka bishaan, telekomii, ibsaafi kaan akka gadhifamullee qondaalli UN gaafataniiru.

Tajaajiloonni kunneen akka bakkatti deebi'an suphaa akka taasifamaa jiruufi dhihootti akka gadhiifaman mootummaan Itoophiyaa ibsuun ni yaadatama.

Haasaan jibbinsaa fi loogiin dhalattoota Tigraay addatti fo'e adeemaa jira kan jedhan Baacheleet, kun waldhibdee biraaf sababa ta'u mala jechuun akka sirratu mootummaa gaafataniiru.

Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaas komiin akkanaa irra deddebbiin akka bira gahu ibsuun qaamolee mootummaa waliin mari'achuun akka sirrattu hubannoorra gahamu ibsee ture.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin kanneen TPLF waliin hidhata qaban irratti malee lammiilee nagaa irratti akka loogiin kamuu hin raawwanne, gocha akkasiis akka balaaleeffatuu kana dura himannaa irratti ka'ef deebisee ture.

Qondaalli UN Naannoowwan Itoophiyaa garaagaraattis walitti bu'iinsi hawaasaa mudachuu ibsuun kanaanis lubbuun darbuu himan. Akka fakkenyaattis Naannoo Benishaanguliifi kaan kaasan.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Ka'umsi lola kanaa maali?

Lolli naannoo Tigraayiitti kan guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.

Ministirri Muummee Abiy ajaja kana kan ajajan deebii haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaarratti humnootii TPLFn fudhatame akka ta'e ibsan.

Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 50,000 tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.