Lola Tigraay Itoophiyaa: Qondaaltonni waraanaa 'TPLFn ugguramanii turan 1,000 ta'an bilisa bahan'

Mejar Jeneraal Mohaammad Tasammaa

Madda suuraa, ENA

Qondaaltonni waraanaa olaanoo humnoota federaalaa Itoophiyaa 1,000 ta'an, 'TPLF'n ugguramanii turan gadhiifamuu, qondaalli olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa himan.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Mejar Jeneraal Mohaammad Tasammaa miidiyaa biyya keessaa waliin dubbii taasisaniin kana mirkaneessan.

Haata'u malee dhimma kanarratti gama humnootii TPLF irraa wanti dhagahame hinjiru.

MM Abiy Ahimad lolli Tigraay xumurameera jechuun erga labsanii torban tokkoo ol tahus, humnoonni TPLF lolli ammallee itti fufuu dubbatu.

Dhimma kana dabalatee, waan naannoo Tigraayitti ammaan tana adeemaa jiru mirkaneessuun daran ulfaataadha - sababa maloonni qunnamtii adda citanii jiraniif.

Gabaasni bahe maali?

Ejensiin oduu hojjetee manneen miidiyaaf raabsuun beekamu - Ejensiin Oduu Itoophiyaa (ENA), gabaasni guyyaa Roobii hojjete, fuula mootummaa odeeffannoo Lola Tigraay waliin walqabatee kennuun qoodameera.

Akka gabaasa kanaatti, Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay - TPLF gaafa Sadaasa 4 qondaaltota waraanaa olaanoofi kan isaan gadi jiran Ajaja Kaabaa 1,000 tahan ''affeerraa irbaataaf jechuun waamee qabee uggure.''

ENA'n Mejar Jeneraal Mohaammad Tasammaa haasofsiisuun gabaasa hojjeteen, loltoonni kunis ji'a tokkoon booda, oppireeshinii Raayyaan Ittisa Biyyaafi Poolisiin Federaalaa taasisaniin gadhiifaman jedhan.

Kanneen keessaa ittaanaan oppireeshinii ajaja Kaabaa Birgaadeer Jeneraal Adaaminah Mangistee tokko ta'uu qondaalli kun dubbatan.

Qondaalli waraanaa kun ''miidhaa tokko malee bilisa bahaniiru.''

Kana dura, yeroo lolli eegale qondaalli waraanaa olaanaa Itophiyaa Letinaant Janaraal Baacaa Dabaleen ajajaan itti - aanaa Izzii Kaabaa ''hanga ammaatitti bakkeen jiru hin beekamu,'' jechuun BBC'tti himuun isaanii ni yaadatama.

Itti dabaluunis qondaaltonni Itoophiyaa kun ajajaan waraanaa kun du'uu akka hin oolle shakkii akka qabanillee ibsaa turan.

Gabaasa amma baheen garuu, humnoonni TPLF jara kana bakka Adeet jedhamutti kan tursan wayita tahu, ''kanneen amma bilisa bahan, waraanichatti dabalamaniiru,'' jedheera.

Mejar Jeneraal Mohaammad Tasammaa, oppireeshiniin 'humnoota TPLF' qabanii seeratti dhiyeessuu cimee itti fufuus dubbataniiru.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Ka'umsi lola kanaa maali?

Waldhibdeen kuni Sadaasa 04, 2020 eegale, guyyaa itti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota naannoo Tigraay irratti lola ajaje.

Ministirri Muummee kana kan godhaniif sababii haleellaa buufata waraanaa loltoonni mootummaa buufatanitti raawwatef deebii kennuuf akka ta'e ibsan.

Lola kana dura garuu ji'oota hedduuf mootummaa MM Abiy fi paartii Tigraay bulchu TPLF gidduu waldhibdeen ture.

Waggoota 30'tti dhihaataniif TPLF aangoo biyyattii guddaa qaba ture, hanga Abiy mormii ummataan bulchiinsi durii ka'ee aangoo qabatanitti.

MM Abiy rifoormii gaggeessan, qondaaltoonni naannoo Tigraay garuu fudhachuu didde jennaan rakkoon siyaasaa jabaachaa dhufe.