TPLF qabsoo hidhannoo hanga haqamuutti

Asxaa TPLF

Madda suuraa, TPLF/FB

Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay (ABUT/TPLF) bulchiisni mootii Hayilasillaasee kufee, sirni Dargii aangoo qabachuu hordofee A.L.I Caamsaa 11, bara 1967 qabsoo hidhannoo eegale.

Qabsoo hidhannoof ka'umsa kan ta'e immoo gartuu barattoota yunvarsiitii Finfinnee dhalattoota Tigraay ta'aniin hundeeffamedha.

Jalqabbii hundeeffamaa TPLF

Gurmuun barattoota Tigiraay kun siyaasa Itoophiyaa keessatti ganna 45'f gahee guddaa qabatee ture, TPLF akka hundaa'uufis bu'uura turan.

Jalqaba miseensota saddeetiin kan hundaa'e yoo ta'u, sana booda hundeessitoonni kunneen sochii TPLFundeessuu keessatti qooda jabaa gumaachaniiru.

Namoonni saddeettan Barrihuu Barihee ykn Dr Aragaawwi Barihee, Faantahuun Zaratsiyoon ykn Geedi'oon Zaratsiyoon, Mulugeetaa Hagoos, Ambaayyee

Masfin ykn Siyyum Masfiin, Ammahaa Tsahaayyee ykn Abbaay Tsahaayyee, Iqubaazigi Bayyanaa, Alamsaggad Mangashaa fi Zarihuu Gessesee turan.

Jalqabarraa qabee Dergii mormuun kan eegale gurmuun barattootaa kun, cunqursaa uummata Tigiraay irra ga'aa ture dhaabsisuuf qabsoon hidhannoofi dhaabni qabsoo kana hoogganu akka barbaachisu murteesse.

Haaaluma kanaan miseensonni muraasni gartuu riphxee loltoota Eertiraa wajjin adda tokkicha ta'anii hundaa'uuf gara Eertiraa wayita deeman, kaan isaanimmoo magaalaa keessatti uummata gurmeessuu eegalan.

Sana booda gartuun miseensota 11 qabu qabsoo hidhannoo eegaluuf gara gammoojji Dadabiititti qajeelan.

Kaayyoo qabsoo hidhannoo TPLF

Gartuun hidhate kun wayita qabsooo hidhannoo eegalu, Tigiraay Itoophiyaarraa fottoqsuun 'biyya Rippabilikaa mataashee dandeesse' hundeessuuf kan

karoorfame ta'ullee, yaadichi waggaa tokko caalaa akka hin turre hundeessitoonni paartichaa ni himu.

Bara 1968tti yaa'ii dhaabbatichaa yeroo jalqabaaf taa'ameerratti 'Tigiraay walaboomte' hundeessuu agandaan jedhu miseensota paartichaa hedduu biratti fudhatama waan hin arganneef kufeera.

Kanarraa ka'uun kaayyoo dhaabichaarratti uummattootni cunqurfaman 'mirga hiree ofii ofiin murteeffannaatiif' kan qabsaa'aan ta'uu himaniis, paartileen TPLF mormanimmoo dhaabichi akka waan uummata Tigiraay foottoqsuuf hundaa'eetti kaasuun qeeqaa turan.

Hundeeffamaa dhaabichaa fi dhimmoota keessoo dhaabichaa

TPLF erga hundeeffamee waggaa tokko booda A.L.I bara 1968tti hoggantoota dhaabichaa keessatti wal qoodinsi kan mudate wayita ta'u, tateen mudate sun 'infishfish' jedhamee beekama ture.

Yeroo walqoodinsi hoggansa dhaabichaa gidduutti uumame sanatti tarkaanfiin dhaabichi fudhate farra dimokiraasii ture jedhu qabsa'oonni gameeyyiin dhaabicha muraasni.

Sana booda bara 1977 miseensota hoggansa dhaabichaa gidduutti garaa garummaan yeroo lammaaffaaf uumamee, hundeessitoota dhaabichaa keessaa Dr Aragaawwii Bariheefi Gidaay Zaraatsiyoon dhaabicha keessaa bahaniiru.

Yeroo sanatti gamaggama gaggeeffameefi karoora waraanaa haaraa dhiyaate miseensonni dhaabichaa hedduun deeggaranis,''Wayita sana kan hundaa'e

Liigiin Markiist Leeniinist Tigiraay jedhamee beekamu dhaabicha guutummaatti haa geeddarru''yaada jedhu akka dhiyeesse miseensi TPLF gameessi Obbo Gabruu Asiraat kitaaba isaanii kessatti barreessaniiru.

Bara 1993 irraa eegalee TPLF amalli Koministii qabaachaa ture kan geeddarame fakkaatullee, keessoo dhaabichaa fi caasaan isaa otoo hin geeddatamiin 'Dimookirasii warraaqsaa' bifa fakkaatu qabaachaa hanga xumuraatti itti fufuu dubbatan.

Warraaqsa Chaayinaafi Raashiyaa dinqisiifaa kan ture TPLF, akka qajeelfamaatti Kominizimii biyya Awurooppaatti argamtu, Albaaniyaa hordofaa ture.

TPLF aangoo biyyattii olaanaarra yeroo turetti, Eertiraa wajjiin lola daangaarratti gaggeeffame booda, bara 1993 yeroo sadaffaaf hoggantootasaa gidduutti walqoodinsi uumame.

Wal qoodinsi kun yeroo uumametti gartuun Ministira Muummee duraanii Obbo Mallas Zeenaawwiin durfamu olaantummaa

fudhachuun, dhaabicha keessatti qondaalota dhaga'amummaa guddaa qaban dhaabicha keessaa ariyataniiru.

Sababii kanaan muraasni isaanii malaammaltummaan himatamanii hidhamanii turan.

Sana booda gartuun Obbo Mallas Zeenaawwiidhaan durfamu aangoo dhaabaa fi mootummaa olaanaatummaan addatti dhuunfachuu danda'eera.

TPLF akkamiin walitti bu'iinsa furaa ture?

TPLF ganna 17'f qabsoo hidhannoo yeroo gaggeessetti mootummaa qofaan falmaa ture osoo hin taane paartilee mormitoota waliinis waldhabbii keessa seenaa ture.

Dabalataan, paartii maqaa uummata Tigiraayiin gurmaa'ee keessaa tokkoo 'Ginbaar Gadil Arinnat Tigiraay' hoggantoonnisaa dabaan ajjeefamuun, qabsoonn dhaabichaa guutummaatti dhabamuu himeera.

Haata'u malee, mootummaa Dargii wajjin lolli hammaatee, naannoo Tigraayirra darbuun kutaalee biyyatti kaanitti wayita ce'e, hawaasa naannoo bakka bu'uu danda'u dhaabota jedhaman hammachuufi hundeessuu keessatti TPLF qooda olaanaa gumaache.

Kana hordofuun Paartii Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa, Dhaabbata Dimookiratawaa Uummata Oromoo(DHDUO) fi Adda Warraaqsa Uummattoota Kibba Itoophiyaa wajjiin walitti fiduun adda tokkicha ADWUI uuman.

Dhaabni TPLF olaantummaan hogganaan turuun kan himamu ADWUI'n mootummaa Dargii aangoorraa erga buusee, mootummaa ce'uumsaa bara 1987 hundeessuun heerri baase hojiirra oolun isaa wal falmisiisaa ta'ullee, saboota biyyattiif beekamtii kenneera.

Gama biraatiin, sirnichi tokkummaa biyyattii laaffise jedhanii kanneen komatanillee jiru.

Erga Ministirrii Muummee Abiyi Ahimad aangoo qabatanii booda ammoo addicha keessatti dhibdeen waggootaaf ture daranuu hundee jabeeffataa adeeme.

Miseensotni ADWUI dhaabicha fi biyyattii keessatti tarkaanfii jijjiramaa fudhachuu wayita eegalaniifi mallattoon dhaabichaa wayita dhiifamu TPLF fudhachuu hin dandeenye.

Jijjiramoonni adeemsifaman bal'ataa wayita adeeman, TPLF immoo komii dhiyeeffachuu itti fufe. Xumurarratti, adda dhaabota biyyaaleessaa afur kan ture

ADWUI'n hafee paartii Badhaadhinaatiin wayita bakka buufamu, TPLF Paartii Badhaadhinaatti dabalamuuf murteessuu caala'' walitti baquun isaanii seera qabeessa hin turre''jechuun morme.

TPLF Itoophiyaa keessatti akkamitti ilaalama?

Cuqursaan Itoophiyaa keessa tureera jedhanii lammileen amanan TPLF erga aangoo qabatee sirni federaalizimii ijaarameefi heerri tumame beekamtii akka argannu taasisera jedhani amanu.

Hawaasni biyyattii heera biyyattirratti beekamtii argatanis qabatamaan hojiitti hiikamurratti rakkina qaba jedhanii qeequ.

TPLF mootummaa Dargii kuffisuun ganna 30tti dhiyaatuuf bara aangoorra turetti sarbamiinsa mirga namomaa cimaa qaqqabsiisuun qeeqama.

Mormitoonni kaan immoo, Ertiraan bilisummaa erga gonfatte Itoophiyaan buufata dooonii dhabde jedhanii qeeqa dhiyeessanis hin dhabamne.

Mootummaan TPLF oolantummaan hogganu ganna 30ffaa gara xumuraarratti guddina dinagdee guddaa galmeessisuu dhaabbilee idila addunyaa irra

deddeebiin ragaa bahaniis, malaammaltummaa, sarbamiinsi mirgoota namoomaa biyyatti keessatti hamaa ture.

TPLF eenyu fa'aatu hoggane?

Addi Bilisa Baasaa Uuumata Tigiraay erga hundaa'ee booda waggaa tokkoof Gassasaa Ayyale namni jedhaman hooggananiiru.

Sana booda Obbo Sibihaat Naggaa bara 1971-1981tti dura ta'aa dhaabichaa ta'uun hogganan.

Itti aansuun Minstirri Muummee duraanii Mallas Zeenaawwii bara 1981 eegalee amma lubbuun darbanitti ganna 20 oliif hogganan.

Ministirri Muummee Mallas Zeenaawwii A.L.I bara 2004 kan du'an yoo ta'u, ergasii booda Obbo Abbaay Walduu dhaabicha hoggaanuu eegalan.

Yaa'ii dhaabichaa 13ffaarratti garuu Obbo Abbaay naannichatti 'kan karoorsan caala kan balleessantu caala'jedhamuun aangoorraa buufamanii, Debretsiyoon Gebremikaayiliin(PhD) bakka buufaman.

Xumurarratti, dhaabni Dr Debretsiyoon hoggannan TPLF dhaga'amtii akka biyyaatti qabu dhabee, naannoo Tigiraay qofaatti daangeeffamee hafe.

TPLF fi Paartilee naannoolee biroo

ALI Hagayya, bara 2012 atakaroon mootummaa naannoo Tigaayi bulchu TPLF fi mootummaa federaalaa giddutti sadarkaa olaanaarra yeroo qaqqabe ture.

Paartileen naannoo Tigraay keessa socho'an muraasni Tigiraay bilisummaa gonfachuun biyya ta'uu qabdi jedhanii fedha qaban jiraatanis, harki caalaan paartilee

garuu 'TPLF jalqabarra qabee dhaaba saba bu'uura godhate mitii' jedhanii komachutu himama.

Paartiin Asinbaa haaraa hundaa'e filannoorratti TPLF morkachuuf kan dhiyaate yoo ta'u, Arannaa Tigraay filannichaarratti hirmaachisuu dide.

Gama biraatiin, hogganaa TPLF kan turan Dr Aragaawwii Barihee paartiin hogganaa jiran 'Tigiraay dimokiraasawwii Tibibbir' paartiin jedhamu tarkaanfii waraana dhiyeenya kana TPLF irratti fudhame deeggare jira.

Qormaata TPLF

Jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufe kan MM Abiy Ahmad hooggan booda olaantummaa duraan qabaachaa ture kan dhabe TPLF hooggantootasaa gameeyyii guurratee gara Maqaleetti godaane.

Erga TPLF humnasaa guutummaatti gara Tigraayitti gurmeessee naannocha hoogganuu eegalee hariiroon mootummaa giddu-galeessaa waliin qabu laaffachuurra darbee gara walhadhuutti seenuutu dhufe.

Keessattuu filannoo mootummaan federaalaa sodaa weerara koronaavaayirasiif jecha yeroo dhibiitti dabarse naannoon Tigraay erga filatee booda walqoollifannaa fi qoccolloon qaamolee lameenii daranuu hammaate.

Mootummaan federaalaa filannoon Tigraay bu'uura seeraa waan hin qabneef fudhatama hin qabu, mootummaan hundaa'us seeraan ala jedhee irratti murteesse, TPLF ammoo mootummaan federaalaa faallaa heera mootummaa deemuun filannoo hambise jechuun qeeqasaa itti fufe.

Filannoo Naannoon Tigraay gaggeesseen TPLF olaantummaan injifatee naannochi mootummaa haaraa mataasaa hundeeffachuu danda'us, wayita kana hariiroon mootummaa federaalaa waliin qabu adda cituun baajati sadarkaa naannootti osoo hin taane sadarkaa aanaalee fi sanaa gadiitti akka ramadamu mootummaan federaalaa murteesse.

TPLF waggoota lamaan darban keessatti humna addaa fi hidhattoota naannochaa bal'inaan leenjisaa ture , agarsiisa waraanaa garaagaraa akka mul'isan irra deddeebiin gochaa ture.

Agarsiisa waraanaa kana mootummaan federaalaas raawwachuu hin dhiisne.

Dhumarrattis humnoonni TPLF buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaaba Itoophiyaa keessatti argamu tasa haleeluun mootummaan federaalaas tarkaanfii waraanaa fudhachuu eegale.

Torban sadi keessatti TPLF maandheesaa kan taate Magaalaa Maqalee gadi dhiise godaane.

Sababa lola naannoo Tigraay keessatti mudateen paartiin waggaa 27 olaantummaan Itoophiyaa bulchaa turee fi waggoota sadan darbaniif ammoo Tigraay addatti fooyachuun hoogganaa ture akka malee miidhameera.

Qondaaltota olaanoo dhaabichaarraa hanga miseensa waraanaatti lubbuun namoota hedduu galafatameera.

Namoota ajaji mana murtii irratti ba'e hedduu keessaa kaan to'atamanii kaanis harka kennatanii jiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaas dhaaba TPLF haqee jira.