Siyaasa Itoophiyaa: Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa eeyyama TPLF haqe

Astixaa TPLF

Madda suuraa, TPLF FACEBOOK

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itophiyaa TPLF jeequmsa humnaan guutame irratti hirmaachuusaa mirkaneeffadheera jechuun eeyyamasaa haquusaa beeksise.

Boordichi akkaataa labsii filannoo fi paartilee siyaasaa 1162/2011tti paartileen siiyasaa ulaagaa isaan irraa barbaachisuu guutuu fi dhiisuu isaanii hordofaa ture.

Haaluma kanaan komii paartii TPLF irratti dhiyaachaa ture adda baasuuf ibsa paartichi baasaa tureefi dhugaa lafa jiru qorachuu isaa boordiin Filannoo Biyyaalessaa himeera.

Ragaaleen qorateen TPLF humnaan jeequmsa kakaasuu irratti hirmaachuu isaa mirkaneessera jedhe boordichi. Kanaan paarticha galmee paartilee siyaasaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaaf hirmaatan keessaa haquu isaa boordichi ibsa baaseen hubachiise.

TPLF dhimma kana irratti deebii akka kennuuf kanaan dura paartichaa fi boordii Filannoo Biyyaalessaa gidduutti akka wal qunnamsiistuutti hojjechaa kan turan bakka bu'aa duraanii TPLF kan waajjira magaalaa Finfinnee jiru gaafanaa turan gaafannaan amma paarticha bakka bu'uu akka hin dandeenye himeera jedhe boordichi.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kanaan dura paartilee ulaagaa isaanii guuttachuun galmee xumuranii fi kanneen adeemsa irra turan beeksisuun isaa ni yaadatama.

Kana malees, boordichi paartilee siyaasaa sadii kan naannoo Tigiraay keessa socho'an odeeffannoo damee boordichaa naannoo Tigiraayitti dhiyeessan bu'uura godhachuu murtoo kennuun dura waa'ee sochii isaanii ibsa akka dhiyeessan ajajeera jedhe.

Paartileen kunneen Paartii Dimokiratawaa Asimba, Salsa Wayyaanee fi Partiin Bayitoonaa adeemsa galmee irra osoo jiranii filannoo seeraan alaa naannoo Tigiraayitti gaggeeffame irratti hirmaachuu isaanii ibsa akka kennan gaafateera.

Dabalataan hoggantootni paartii Saalsa Wayyaanee fi Baayitona jeequmsa keessatti hirmaataniiru jedhamuun akka barbaadamanis odeeffannoo qaba jedhe boordichi.

Ibsa biraan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa biiroolee naannoo fi filannoo fi godinaalee kanneen filannicha qindeessan banuuf sochii irra jiraachuu isaa ibseera.

Ka'umsi maali ture?

MM Abiy Ahimed paartilee gurguddoo biyyattii afur kan tokkummmaan biyya bulchaa turan ADWUI waliiti baqsuun Paartii Badhaadhinaa hundeessan TPLF itti hin makamu jechuun adda bahee ture.

Wal dhabdeen TPLF fi mootummaa federaalaa yeroo naannoo Tigiraay murtoo mootummaa federaalaa diduun filannoo gaggeesse sadarkaa ol aanaa irra gahe.

Mootummaa federaalaa waliinis hariiroo akka hin qabne ifatti labsan. Sababa weerara koroonaavaayirasiin filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa yeroo biraatti darbuun isaa irraa kan ka'e bulchiinsi MM Abiy Ahimed seera qabeessa miti jechuun falmii kaasa turan.

Boodas filannoo biyyaaleessa jahafaan bara darbe gaggeeffamu ture sababii koronaavaayirasitiin yeroo biraatti darbu mormuun, TPLF qofaatti sadarkaa naannootti filanno gaggeeffate ture.

Haata'u malee booda Sadaasa 3, 2020 humnootiin TPLF amanamoo ta'an humna ittisaa biyyattii ajaja Kaabaa irratti haleellaa raawwateera erga jedhameen booda gara waraanatti galame.

Ergasii mootummaan federaalaa Oppireeshinii seera kabachiisuu naannicha keessatti gaggeessuun hoggantootaa fi hundeesitoota TPLF gariin ajjeesuun kaan ammoo to'annoo jala oolchuu ibsa.

Hundeessaa TPLF kanneen turan keessaa waggaa 20 oliif Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa tahuun tajaajilaa kan turan Siyyum Masfinii fi gorsaan duraanii Mallas Zeenaawwii Asmallaash W/Sillaasee kanneen ajjeefaman keessatti argamu.