Boordiin Filannoo Biyyaalessaa biiroolee filannoo banuuf deeggarsa naannoolee gaafate

Loogoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Madda suuraa, NEBE/Facebook

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa filannoo marsaa 6ffaa ALI Caamsaa 28 bara 2013tti gaggeeffamuuf jiru ilaalchisee biiroolee naannoo fi godinaa banuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Boordiin filannoo Biyyaaleessaa biiroolee naannoolee fi godinaa banuuf bulchitoota naannolee waliin mari'achaa turuu akkasumas nageenyaa fi tasgabbii filannichaa eegsisuufis qaama ilaallatu waliin hojjechaa turuu hime.

Filannoo kanaaf caasaa filannoo sadarkaa naannoo fi godinaa jiru irratti mari'achuufi waliigaluu himeera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa biirooowwan isaa banuuf haala kanaan qophaa'uu iaalchisee isaa ibsa har'a fuula Feesbuukii isaa irratti baaseen beeksiseera. Kana malees, gaheewwan bulchiinsoota naannooleefi oppareeshiinii filannoo irraa eegamu jedhes tarreesseera.

Haaluma kanaanis Magaalaa Finfinneetti naannolee filannoo 33 fi godinalee filannoo qindeessuufi leenjiif gargaaran sadii akka banuuf karoorfate ibseera.

Magaalaa Dirree Dhawaatti naannolee filannoo 47 fi godina filannicha qindeessuuf oolu tokko, naannoo Somaaleetti naannoolee filannoo 72 fi godina filannicha qindeessuuf oolu 11 banuuf akka waliigale ibseera.

Naannoo Oromiyaatti naannoolee filannoo 179 fi godinaalee filannicha qindeessuuf gargaaran 20 banuuf akka jedhus ibseera.

Naannoo Gaambeellaatti naannolee filannoo 14 fi godinaa sadii, Uummattoota Kibbaatti naannolee filannoo 113 fi godinaalee filannoo 16 akkasumas naannoo Harariitti naannolee filannoo sadii fi godina tokko akka banu beeksise.

Affaaritti naannolee filannoo 32 fi godina qindeessummaaf oolu shan, Naannoo Amaaraatti naannolee filannoo 138 fi godinaalee filannoo qindeessuuf oolan 12 banuuf karoorsuu yoo ibsu dhiyeenya naannoo 10ffaa kan taate Sidaamaatti naannolee filannoo 19 fi godina qindeessummaaf oolu tokko banuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Boordichi akkaataa gaaffii naannolee fi haala isaaniif mijatutti tokkoon tokkoo naannolee filannoo fi magaalota isaan keessatti banaman akkasumas godinaalee filannicha qindeessuuf oolan biiroo isaanii waliin adda baasuun dhiyeessuu ibseera.

Haa tahu malee biiroolee kanneen banuuf qophii barbaachisu ilaalchisee xalayaadhaan naannoleen hanga Amajji 10 bara 2013tti akka beeksisaniif gaafataman illeen deebii kennan akka hin jirre ibseera.

Boordichi biiroolee filannoo barbaachisan banuuf deeggarsa barbaachisu akka godhaniif gaafateera. Kanaanis danbii naamusaa fi galmee paartilee siyaasaa filannoo Itoophiyaa ilaalchisee bahe 1162/2011 keewwata 161 kabajuun dirqama isaanii akka bahataniif gaafateera.

Boordichi Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaa dhufu irratti filattoonni miliyoona 50tti siqan akka hirmaatan ni eegama jedheera.

Filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa Caamsa 28 kan gaggeeffamu yoo ta'u, Bulchiinsoonni magaalaa Finfinneefi Dire Dawaa ammoo Waxabajjii 5 bara 2013 akka gaggeefamu boordichaan ibsamunsaa ni yaadatama.